Home Ispoortii Atleetiksii Atleet Lammii Birhaanuu fi Atsadee Baayyisaa maaratoonii Boostan injifatan

Atleet Lammii Birhaanuu fi Atsadee Baayyisaa maaratoonii Boostan injifatan

0
548
atleet Lammii Birhaanuu

Atleetonni Oromoo wolmorkii maaratoonii Boostan, Ameerikati geggeeffame mooátan. Atleetonni keenya dhiiraa-dubartiin magaalaa Boostan kan dhuunfatan woggootta heddu booda.

Atleet Lammii Birhaanuu fiigicha maaratoonii Boostan saáa 2:12:44 xumuruudhaan kan mooáte. Lammiin injifannoo Boostan kana harka atleet Lellisaa Dassiisaatii, isa woggaa dabre injifate, baafateeti kan harka isaatti galfate. Atleet Leellisaan, bara kana, 2ffaa taée xumuruudhaaf dirqameera.

Atsadee BaayyisaaWoldorgommii maaratoonii Boostan dubartoota jiddutti geggeeffameen injifannoo cululuqaa kan argatte atleet Atsadee Baayyisaati. Atsadeen morkattoota isii hunda dursitee saáa 2:29:19 fiigicha goolabuudhaan gootittii maaratoonii Boostan kan taate. Injifannoon Atsadee Baayyisaa injifannoo boonsaadha. Sababni isaas maaratoonii Boostona woggoottan shanan dabraniif atleetota Keeniyaan dhuunfatame harka isaaniitii buustee gara biyya keennaatti kan deebisuu dandeette isii waan taateef.

Atsadee Baayyisaatti aantee Tirfii Tsaggaayee lammafaa taatee xumurteerti. Tirfiin fiigicha saáa 2:30:50’n xumurte.

Kana duras, achuma Ameerikatti atleet Atsadeen siá lama maaratoonii Chikaagoo mooáchuun isii ni yaadatama.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.