Yunivarsiitii booda daandilee 5’n barumsa dabalataa ittiin argachuun danda’amu

Yunivarsiitii irraa eebbifamuu jechuun beekumsa gahaa argachuu ykn dhuma daandii beekumsaati jechuu miti. Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiru, namnoonni heddu garuu erga eebbifamanii booda suuraa guyyaa eebba isaanii fannisanii kitaaba ammo harcaasaniiti kan argaman.

Kuni sirrii miti. Kunis sababa gurguddaa lamaaf. Tokkoffaan, sammuun namaa waan yeroo tokko galmeesse akkuma qabatetti yeroo dheeraadhaaf tursiisuu waan hindandeenneef. Inni lammataa, barumsa argachuufi beekumsa shammatachuun waan dhuma hinqabne imala umrii guutuu waan ta’eef.

Rakkoo waa dagachuu hir’isuu fi gabaa beekumsaa irraa saahuu waa bitachuuf tankaarfiin adda addaa fudhatamuu qaban. Tankaarfii fudhatamuu qaban, kanniin yeroo heddu namonni dhimma itti bayan, keessaa hangi tokko:

  1. Dubbisuu. Dubbisuu.

Namoonni jireenya keessatti milkii argatanii sadarkaa guddaa irra jiran hedduun isaanii worra waa dubbisuu heddummeessanii fi kanniin kitaabni harkaa hinbuuneedha. Namni hedduu waa dubbisu akka waan saahuu mana barnootaa jiruutti ykn hayyoota woliin ooluutti yaadama.

  1. Barnoota marsaa intarneetiin kennamu fudhachuu.

Yeroo kanatti gosni barnootaa mana teennee gara toora intarneetiin kafaltii tokkoon alatti hinhordofne heddu jira hinfakkaatu. Kan dhabame fedhiidha, biyya heddu keessatti. Biyyoota akka Itoophiyaatti rakkoon intarneetiin wolqabates gufuu dabalataa ta’uu hinoolle.

  1. Hayyoota ykn gorsaa wojjiin ooluu.

Nama beekumsaan nama irra jiru irraa gorsa argachuun waa barachuudha.

  1. Waan haarawa yaali.

Kuni ogummaa haarawa argachuu ykn gosa barnootaa haarawa fudhachuu ta’uu danda’a. Addunyaa hangas badhattu, sammuu akkas waan heddu hubachuufi baadhachuu danda’u qabattee wanti ogummaa tokko qabattee ykn gosa barnootaa tokko qofa abdattee jiraattuuf hinjiru. Daangaa dhiibuudhaan waan haarawa barachuuf carraaqi.

  1. Gaafii gaafachuu irraa tasa hinboqatin.

Nama hunda gosa gaafii hundaa gaafachuu irraa ufhinqusatin.