Yeroon Oromoon qabsoo isaa finiinsuu qabu amma

Woyyaaneen baqachuu, addunyaan ammoo mootummaa balaaleffachuu fi tankaarfii fudhachuu eegalteerti. Oromoon tasa qabsoo eegale irraa boqachuu hin qabu.

Wanti TPLF arguu mitii dhagayuu hin feene fincilli Oromoon eegale dheerachuu fi qalbii addunyaa hawachuudha. Akkuma arginu qabsoonis dheerate. Oduun ajjeechaa, hidhaa fi ukkaamsaa mootummaan Oromoo irraan gayu babal’attee xiyyeeffannaa hawaasa fi miidiyaalee addunyaa guutuu argatte. Hangamuu anagawwoonni Itoophiyaa waan adeemaa jiru dhoksuu, xiqqeessuu fi maqaa itti baasuuf yaalanuu kan ta’aa jiru faallaa isaati. Sa’aa kanatti waa hundi too’annaa anagwoota TPLF harkaa bayee hundi isaanii dirree qanii, xiqqeennaa fi salphinaa irra kophaa dhaabataa jiru. Ammatti lubbuu kan isaan keessatti qabe qawwee isaanii qofa.

Qawween miila takka. Miila tokkoon akka dhaabatanii kan isaan dirqe dargaggoo Oromooti- dhiiga baatii lamaa oliif dhangala’een. Miila takkaan akka gaaritti tankaarfachuu mitii sa’aa dheeraadhaaf dhaabachuun akka hin danda’amne nutis mootummanis beeka. Gama keenyaan, nama miila tokkoon dhaabate hanga inni ufdadhabee kufu eeguun tooftaa sirrii miti. Sochoosuu fi miila takkittii hafte jalaa kaasuun dirqama. Kana kan godhu danda’u eennuuyyuu miti; dargaggoo Oromooti.

Mootummaa abbaa irree, isa miila takkaan dhaabate, lafaan gayuun kan danda’amu yoo boqonnaa dhoorgan qofa. Qabsoo eegalle irraa boqachuu fi limsachuun kan fayyadu abbaa irree qofa. Nuti boqachuun abbaan-irree miila lamaan dhaabachuudha. Kana hayyamuun nuuf hujii ufitti guddisuu fi jireenya ufitti hadheessuudha. Kun akka ta’u hayyamuu hin qabnu.

Qabsoo eegalle daran cimsuu fi finiinsuuf, kaleessa irra hara’a, haalli mijaawaan uumameera. Qaanqeen qabsoo Gincitti qabsiifame akka bubbulluun babal’ataa, humna godhataa dhufeera. Qaanqee qeeroon qabsiisteen mootummaan gubataa, Oromoon hamilee argataa fi injifannoo gonfataa, qabsoon keenya ammo kallattii addunyaa hundatti mul’ataa adeemaara. Sochii baatii lamaaf Oromoon osoo addaan hinkutin taasiseen, ajjeefamaa fi hidhamaa, bu’aa boonsaa fi abdachiisaa arganneerra. Kufaa ka’aa, hidhamaa fi dararamaa qabsicha itti fufne taanaan bilisummaa balbala irra geette bananii ol’seensisuun waan hedduu nu dhibuu miti. Hunda caalatti, qabsoo eegalle cimsinee akka itti fufnuuf kan nu dirqu qabxiilee asii gaditti tarrayaniidha.

Mootummaan dheessuu eegaleera

Sirni mootummaa Itoophiyaa konkolaachisummaa garee TPLF’n woggoota 25 imalaa ture amma dhaabateera. Motorri sirnichaa bakka heddutti dhabatee fi naannoo Oromiyaatti ammoo duubatti kokolaate argina. Sirna dhaabate dhiibaa fagoo geessuu fi isa irraa gadi kokolaate dhaabsisuun waan yaalamuu miti; yaalamus dadhabbii malee bu’aan itti argamu jira hin fakkaatu. Rakkoo guddaa isaan mudate kana kan argan, imaltoonni ganna hedduuf sirnicha woliin munyuuqaa turan, keessumaayyuu OPDO’n, konkolaataa hallayyatti dhidhimaa jiru irraa baqachuu fi mala lubbuu isaanii ittiin baraaran barbaadachutti jiru. Mormii keessa, wolii abboomuu dhabuu fi wolsaaxiliinsa OPDO fi TPLF keessaa alatti gadi bayee mul’atu qajeelatti hubachuu caalatti kuni ta’aa jiraachuu isaa baruuf raga biraa soquuf dadhabuun hin barbaachisu.

Haala amma keessa jirru keessatti, Oromoon uf-xiqqeessuu fi humna isaa salphisuun irra hin jiraatu. Hidhannoo dhabus, miliyoonni 40’n, inni sodaa lagatee fi tokkummaan dhaabate, humna salphaa akka hin taane jala sararamuu qaba. Qabsoon kuni Oromoon harka qullaas ka’u, waan gaafate argachuu fi dantaa isaa tikfachuu akka danda’u kan ifatti mul’iseedha.

Tooftaa yerootiifis ta’u, hubannoon kootis kanuma, TPLF Master Pilaaniin Finfinnee (MPF) dhabbachuu isaa labsite. TPLF maaster pilaanichi dhaabbate kan jette jaalattee ykn ummata dhageettee miti. Dhaabate kan jette , tooftaa yeroofis ta’u, dirqamteeti. TPLF ganna 25’f akka itti toletti jirataa fi ummata Oromoo irratti bulgaafataa tureef kuni salphina guddaadha. Waan Abbaay Tsahaayyee fi Geetaachoo Raddaa, gareen TPLF wolumaagalatti, ummata keenya irrratti haqqiste ijoolleen Oromoo nyachiste. Haqqee nyaachuun, erga angotti as bayanii yeroo jalqabaaf akkas salphachuun, isaaniif gubata- keessi isaanii akkaan laalata. Amma, sunaamii Oromoo, kan tuffataa turan, morma isaan gaye. salphachuu qofa osoo hin taane yeroo jiraachuun isaaniituu gaafii keessa seene irra geenneerra. Galata barattoota Oromoo!

Injifannoon wareegama baatii lamaaf godhameen argame, Oromoof boqonnaa gammachuu fi ufitti abadachuu saaqe. Ganna 25 keessatti, yeroo jalqabaatiif onnee guutuun diina afoo dhaabbatee, gaafii gaafatee, isa yeroo ykn tooftaas ta’u deebii kan argate, Oromoon. Oromoon hundi, kan qabsoo keessatti hirmaatee fi qarqara irra dhaabbates, injifannoo argame kanatti haalaan gammaduu qaba. Dhiichisuunis itti hin guddatu. Injifannoon kuni akka salphatti hin argamne waan ta’eef. Dhiiga ijoollee isaan waan dhufeedha.

Labsiin bayee fi tankaarfiin mootummaa yeroo ammaa hundi isaa dhugaa osoo hin taane tooftaa umrii dheereffachuu fi hulluuxxoo barbadachuu ta’uu irratti kan hedduun namaa wolii galan. Waanuma ta’eefu yoo ta’e, ammatti TPLF salphattee waan karoorfatte irraa duubatti guggatteerti. Kana jechuun, TPLF kufte ykn sirroofte jechuu miti. Egaa, injifannoo xiqqoo gonfachuu fi gammachuudhaan ufdagachuun daqiiqaafis nurraa hin jiru. Yeroo abbaan-irree duubatti gugachuu eegale kanatti hujii itti jirru irraanfachuu fi imala eegalle irratti gufachuun gara boodaatti gatii guddaa nu kaffalchiisa. Boqachuu wanti jedhu ammatti kuusa jechootaa keenya keessa haqamutu irra jira. Oromoo, waan gaafanne hunda hin arganne. Bakka yannes hin geenne. Hujii/qabsoo itti fufuun dirqii ta’a. Yeroon qabsoo finiinsan ammo amma.

Sirni TPLF daran babbaqaqee fi gargar babayee jira

Ganamumaa kaasee sirni kuni babbaqaqaadha. Tokkummaa yaadaa, kaayyoo fi imaammataa osoo hin taane saamichaa fi bu’aa dhuunfaaf hiriiruudha kan isaanumtuu woliin akka jiraatan isaan taasise. Qawweedha ammo kan mormitootaa fi ummataa isaan irraa ittisee woggaa 25’f akka jiraatan kan isaan taasise.

Saamichaa fi ummatatti roorrisuu irraas worri fayyadame isaanuma gara gubbaa jiraniidha. Worri gara jalaa har’a boru nuuf copha jedhaa ganna 25’f kajeellataa fi waan cophuu malu abdiin eeggataa turan. Amma garuu saamichi garaa Abbaay Tsahayyee fa’a bokosuun alatti mar’umaa ergamtootaa kan jiisu akka hin taane hundi ergamtootaa hubataniiru.

Akkuma gragubbaatti tuqame, qawween meeshaa ukkaamsa guddaadha. Ta’us garuu, ummata sodaa haqatee baay’inaan bayee mirgaa fi haqa isaaf dhaabte jilbiiffachiisuu fi gaafii isaanii gachisiisuu tasa akka hin dandeenne sochii Oromoon baatii lamaaf geggeesse irraa argineerra. Miseensonni OPDO fi TPLF’s kana ifatti argutti jiru. Kanaaf TPLF ajjeessaa, garuu  duubatti dheessaa jirti. Kan dheessuu eegale irraa hin dhaabatan. Boqonnas itti hin laatan.  Daran ari’uudhaan hafuura fixachiisa- qawwee ittiin nu ajjeesan gachisiisna.

Sochiin eegalle angawootaa fi ergamtootas boqonnaa dhabisiisa; hafuura isaanitti gabaabsa; jidduu isaniitti addaaddummaa ture daran babal’isaati kan dhufe. Akkuma dhibbaan nuti gonu hammaatuun isaan wolitt iyyu, wolitti bu’u, maqaa wolballeessu, goommaa konkolaataa jala wolbuusu. Woraanni mootummaa, keessummaayyu Agaaziin, ganna hedduuf boqataa, jiruu fi nyaata gaarii argataa ture. Amma garuu, baatii lamaa oliif, fiigaa, dadhabaa, hirriba dhabaa fi hallayyatti dhidhimaati kan jiru. Akkas kan caccabaniif lubbuu TPLF dheeressuu fi Abbaay Tsahaayyee du’a irraa hanbisuuf. Isaan jiraachisuuf hanga yoomiitti akkas ergamu? Hanga yoomiitti jireenyaa fi hirriba dhabu garuu? Hanga dhumaa bifa kanaan itti fufuu hin danda’u.

Ammaa, keessa keessaa gaafii gaafachuu fi ergamuu hifachuun mul’ataa jira. Qabsoon eegalle bifa kanaan itti fufe taanaan yeroon ergamtuun hundi, Agaaziis dabalatee, dadhabne, beelofne, hirriba dhabne jedhan fagoo miti. Humni Agaaziiz yoo ufi jiraate qofa kan Abbaay Tsahaayyee jiraachisuu fi TPLF’n angoo irra tursiisu. Abaay Tsahaayyee faati Finfinnee jiraataa wanti miseensonni Agaazii bosonatti galaniif itti hin mul’atu. Dheerachuun qabsoo kanaa balaa inni kallattii hedduun mootummatti fiduuf jiru hundi beeku. Kanaaf, halkan guyyaa osoo hin jenne, hatattamaan sochii dhaamsuudhaaf, ajjeessuu fi ukkaamsuu irratti bobba’ani. Qabsoon Oromoon eegale baatii lama keessatti Agaaziif dadhabsiisaa fi abdii kutachiisaa ta’aa dhufaara. Obsa godhannee, tooftaa baafannee, cimsinee, babal’isnee fincila eegalle itti fufne taanaan yeroon worri har’a nu ajjeesu qawwe isaanii wolitti deebisu itti arginu fagoo miti.

Qabsoonis, kutaan 2ffaas itti fufa.