Xurree Kiiloo 4 ittiin seennu dhiisne humnaa fi yerooo keenna gidaara dhiibuu irratti galaafachuun abshaalummaa siyaasaa ta’uu hin danda’u

garee Lammaa Magarsaa

Ob. Lammaa Magarsaa filannoo hunda keennaati. Osoo inni muummee minsiteraa ta’ee Abiyyi gara barcuma pirezidaantii Oromiyaatti dhufee waan gaari ture- marqaa fi dhadhaan wolitti jige. Amma, haalli qabatamaan, Lammaan minseensa paarlaamaa biyyattii ta’uu dhabuun isaa, carraa muummee ministeraa ta’uu itti dhiphiseera. Garuu, ammas Oromoon abdii qaba. Lammaan muummee ministeraa ta’uu dhabus taphataa cimaa Dr. Abiyyi Ahmad qabna. Meesii fi Ronaldoo garee tokko keessaa qabaachuun dhugumatti hiree addaati. Kuni waan Oromoo gammachiisu, waan hunda keenna boonsu dha.  Isaan lamaan duubaan ammoo gareen jiru cimaa fi kan abdiin guddaan irratti gatamuudha. Kana ammooo oduun osoo hin taane tapha woggaa tokkoo oliif isaan taasisan irratti ija keennaan arginee mirkaneeffannee jirra.

Namoonni heddu Lammaa jechuudhaan alatti sababa Dr. Abiyyi muummee ministeraa hin taaneef bifa quubsaa ta’een yoo kaayan hin dhagayamu. Dr. Abiyyi muummee minsteraa yoo ta’e rakkoon maaliidha? Sababni quubsaan, rakkoon cimaan Abiyyi irratti mudhate yoo jiraate ifa ta’uu qaba. Oduu keessa keesaa, tan olola makatte, ummanni quba hin qabnu. Wanti quba qabnu yoo jiraate Abiyyis sabboonaa, nama abdiin irratti gatamu ta’uu isaati. Sa’aa kanatti wanti nuti arguu hin feene, osoo nuti wocnu, ce’cee jennu, barcumni muummee san irra namni biraa taa’uudha. Diinni duruu Abiyyiin irratti duula ololaa fi maqa balleessaa bal’aa bane. Nuti ammas Lammaa moo Abiyyi waan jedhu irra jirra. Dafnee kana keessaa banee gara nama Lammaa fi gareen isaa kaadhimee dhiyeesseef deeggarsa guutuu laatuutti ce’uu qabna.

Kallattiin xiyyeeffannaa keennaa sabboonaa Oromoo barcuma san irra kaayuudha. Kasaaraan guddaan kan agodhuu dadhabuudha. Yoo kun ta’uu dhabe ‘nuti Lammaa jenne turre. Abiyyiin ergitanii kunoo rajii nu gootan,’ mardoo jettu dhagayuu hin feenu. Sagalee tokkoon Abiyyi akka muumme ta’uuf OPDO’n murteessite taanaan kana deggaruu qabna. Duras Lammaa fi Abiyyiin kan fide isaan. Yeroo sanitti hin dogoggorre. Kana bodas dogoggora hamaa uumu jennee hin eegnu. Wanta adeemsa keessa hir’atuuf Oromoon guutuu fi Qeeroon isaa jira. Abiyyi barcuma irra teennaan tarii duubatti harkifata jettee kan sodaattu qabsoo Oromoo fi Qeerroo irraa abdii hin qabdu ta’a. Namni bakka amma qabsoon Oromoo gaye hubatu, kan Qeerroo isaa abdatu eebjuu akkanaan hin dhiphatu. Lammaa ta’ee Abiyyi muummee ministeraa ta’an jechuun gaafiin Oromo deebii guutuu argate jechuu miti. Hanga sirni kuni hin diigaminitti, ol’antummaan Woyyaanen kallatti hundaan qabdu hin cabinitti, Qeerroon hidhannooo isaa hiikkatuu hin qabu.

OPDO haaromsa jedhamtu tana kan hirribaa kaase qabsoo Oromooti. Garuu, hooggana haaromsaa kana, Ob. Lammaa fi Dr. Abiyyiin, kan har’a ummanni irratti wolifixu kan filattee funduratti as baase miseensota OPDO yeroo dheeraadhaaf isaan beekaniidha. Hanga isaan filatanii ‘kunoo hoo’aa’ nuun jedhanitti nuti OPDO jumlatti abaaruu, hunda ija Muktaarii fi Asteeriin laaluun alatti waan achi keessatti woggoottan hedduuf marqamaa ture irraa wanti beeknu hin turre.

Wanti filannoo OPDO’n bara 2016 keessa geggeessite irraa nuti hubanne jira. Filannoon suni akka kan isa duraafilannoo kittillayyoota Woyyaanee Oromoo irratti fe’e osoo hin taane namoota quuqama sabaa qaban kan funduratti as fide ta’uu isaati. Jalqaba irratti garuu hummanni heddu, keesattuu Dayaaspooraan, waan jedha turre ni yaadanna- afaan tokkoon jechuun ni danda’amaa, Lammaa balaaleffataa fi akka kaasettii Woyyaaneetti fudhataati kan ture. Filannoon Lammaa, Abiyyi fi Umar Huseen funduratti as fide filannoo salphaa hin turee. Injifannoo qabsoo Oromoo isa lammaffaa, maaster pilaanii dhaabsisutti aanee, jechuun ni danda’ama. Ija Woyyaaneetiin OPDO keessatti yeroo san kan geggeeffame fonqolcha mootummaati. Hanga har’aatti kan Woyyaanee gubaa jiru beekamtii fi eebba isaaniitiin maletti Lammaa fi Abiyyi hoogganaa Oromiyaa fi OPDO ta’anii as bayuu isaaniiti. Isan gubataa haa jiratan. Nuti injifannoo san afaan buufannee tan biraatiif amuummataa jirra.

Namoonni yeroo haaromsaatti OPDO dhaan filataman namoota sabboonummaa, gahumsaa fi abshaalummaa qabaniidha. Namoota kanniin miseensi abdii irra qabu. Namonni kunniin gurra gaafii ummataa ittiin dhaggeeffatanis qabu.  Kana kan nutti argisiise adeemsa woggaa tokko oliiti. Miseensonni OPDO woggaa dheeraadhaaf dhaaba keessa turan, worri sabboonummaa qaban, eenyu bitamtuu, eenyu sodaatuu, eenyu saba gurgurtuu akka ta’e tolchanii beeku. Isaan amma afaan tokkoon Lammaa fi Abiyyi jidduu addaaddummaan hin jiru jedhaa jiru. Woggaan darbes wanti isaan jedhan kuni dhugaa ta’uu karaa addaddaan nuuf mirkaneesseera.

Namoonni heddu Lammaa malee jedhu. Kuni sirriidha. Mirgas. Garuu, wanti irranfatamuu hin qabne yoo jiraate gareen kuni Lammaan haa hoogganamuu malee sabboontota heddu uf keessaa qaba. Sabboontota quuqama sabaa qaban kanniin sadarkaa addaddaa irra jiraniifs kabaja godhuun, dhugaa qooda isaanii galchuun dirqama. Dhugaadha, injifannoo hnaga ammaatti argame keessatti qoodni Lammaa guddaadha. Gayee worra kaaniis ziiroon baayi’suun sirrii miti. Aadaaan nama tokko qofa faarsuu fi waan hojjatame hundaa isaaf dabarsuu aadaa Oromoo isa sirna Gadaa miti. Aadaa hawaasa sirna mootiin buluuti. Sirni dimokraasii gara funduraatti ijaaruuf deemnus aadaa akkanaa hin fedhu.

Qabsoon Oromoo abshaalummaa feeti. Carraa hundatti fayyadamuun abshaalummaadha. Sabni kuni yeroo addaddaatti hiree osoo hin argatin hafe miti kan gabrummaa keessatti jarraa tokkoo oliif makkaraareef. Hoogganoonni isaa carratti, osoo hin tuffatin, fayyadamuu dhabuudha kan waan hunda keessaa alatti gadi darbatamneef. Takka jedhanii lama jedhan. Fiigaas gaara hin bayan. Maaster Pilaanii dhaabsisuun takka. Gareen Lammaa fi fooyya’iinsi Oromiyaa keessatti mudhatuun lama. Oromoon muummicha ministeraa ta’uun, Woyyaaneenis marfamu, ammoo sadi. Muummicha ministeraa aangoo guutuu qabu ta’uun ammoo tankaarfii afrfafati. Bifa kanaan gaara baana. Tooftaa akkanaan bilisa baana. Carratti haa fayyadamnu. Xurree Kiiloo 4 ittiin seennu dhiisne humnaa fi yerooo kenna gidaara dhiibuu irratti galaafachuun carratti fayyadamuus ta’ee abshaalummaa ta’uu hin danda’u.