Xiinxala haala qabatama yeroo ammaafi sadarkaa Qabsoon Bilisummaa Oromoo irra ga’e

Mahdii Idriisiin

Ummani Oromoo Saba /Nation/ gaafa  Afrikaa keessatti guddaa fi akkasumas Afaan isaa Hausa fi Suwaahilitti aanee  Afrikaa keessatti sadarkaa 3ffaa irratti kan argamuudha. Kana malees sabni  bal’aan kun lafa bal’aa fi gaarii kan hammate yeroo ta’u wiirtuu  biyyattii gama hundaan qabatee kan jiruuf gama diinagdeetiinis  dugugguruu biyyattii ta’ee argama. Saba bal’aa kanatu eega Bittoota Habashaatiin waan hunda keessaa dhiibamee daran miidhamaafi kan itti roorrifamaa jiru. Garuu yeroo ammaa ummanni keenya haala kana jijjiiruuf akkasumas diinoota isaa dura dhaabatee bilisummaa isaa qabsoon goonfachuuf biyya  keessatti qooda isaa tabachuuf tokkumman ka’ee socho’uu  egalee jira. Diinoota isaas keesssaaf alaan raasuu kan eegale yeroo ta’uu firoota isaa gammachiisaa ilamaan isaa ammoo gamtoomsaa jira.

Eegaa kana irraa kaanee yoo ilaalle  yeroo ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa ol’aanaa irra ga’aa jira. Dammaqiinsi  ummata keenyaa kan yeroo hundaa irra daranuu  waan jabaataa  dhufeef addunyaa birattis dhageettii argachuu egalee jira. Ta’us ammas dhageettiin kun baay’ee  xiqqaadha. Kana malees diina irratti sodaa gudda uumuun kan raasuu  eegale yemmuu ta’u keessattuu barattoonni ilmaan Oromoo bakka hundatti sagalee tokkoon yeroo itti wal hubannoon mormii isaanii dhageessisaa jiran fi humni Di’aasporaas Oromoos wal hubannon rakkoo biyya  keessatti mul’atu irratti sagalee dhageessisuu eegaluun hamma tokko dhimma ummata Oromoo adduunyaatti dhageessiisuuf carraa guddaa uumuun isaa diina baay’ee naasise jechuun ni danda’ama.

Kana irra dhaabachuun haala jiru ilaaluun fuula duratti maal godhamuun akka qabu akeekuun dirqama waan ta’ee argameef  xiinxala kana dhiyyeessuun yaalamee jira. Integration Development Master Plan jedhuun magaalaawwan Oromoo naannoo Finfinnee jiran magaalaa Finfinneetti dabaluudhaan babal’ifannaa fi lafa Oromoo qotee bulaa irraa mulquun gurguraachuuf yaalii  godhamaa jiru dura dhaabachuun Oromoon keessaa fi alaan sagalee tokkoon dhaabachuun mormii guddaa dhageessisuun isaa guddina qabsoon Oromoo irra ga’e firaa fi diinaatti agarsiisuun isaa baay’ee hamilee Oromoo olkaasee argama. Kana jechuun qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa kana irra ga’aa jira yeroo jedhamu hooggana argatee osoo hintaane sochii guddina barattoota Oromoo Yunversitii fi manniin barnoota sadarkaa 1ffaa hanga 2ffaa, akkasumas dhalootni haaraan Oromoo keessaa fi alaan godhan irraa ka’eeti jechuun hindanda’ama. Ammas sochiin kun hooggana argatee jira jechuun hindanda’amu. Hooggana dhabuun kun akka sochiin qabsoo kana gara boodaatti hin deebineef  wabiin hinjiru. Hooggana dhabuu irraa kan ka’ee ammas qabsoon dhiigaan as ga’ee kun deebi’ee akka hin riphifne baay’ee  sodaachisaadha. Hooggana dhabuu qabsoo kanaaf kan guufuu olaanaa ta’ee bara dheeraaf furmaata hin argatin jiru ammoo addaan faffaca’uu dhaabbilee Oromoo fi tokkummaan dhaabachuu fedhii dhabuu isaanii irraa kan ka’ee akka ta’ee ifatti muldhata. Gaaffiin ummata fi dargaggoo dhaloota haaraa biraa ka’aa jiru kun akka hatantamaan furamu kan ibsuudha.

Xiinxalli  kun haala waliigala, dhaabbilee Oromoo, ummata Oromoo, mootummaa wayyaanee / OPDO / fi haala dhaabbilee mormitoota biyyattii keessa jiran keessattuu haala dhaabbille oftuultota, haala biyyoota nannoo gaafa Afrikaa, fi haala addunyaa kan xinxaleefi hiikkaa isaan qabsoo keenyaaf qaban akeekee jira. Kana malee xiinxalli  kun falaaf wan godhamu qaban ni akeeka. Xinxallichi garee kamuu tuquu yookiin qeequu hinyaalu, garuu rakkoo mooraa Qabsoon Bilisummaa Oromoo hudhan yeroo tuttuqu dhaabbillee fi hooggana bira rakkoo jiru waan akka waliigalaatti tuquuf  hunduu keessatti of ilaalu qaban. Kana malee qabsoon kun kallattii qabachuu qabu akeeka. Hawwii fi fedhiin qabsoo bilisummaa Oromoof qabu yoomuu na keessa jira. Dhaaba keessa jiraadhees dhiisees utuun garee hinqabatin waan natti mul’atu fuula durattis dhiyyeessuu yaaluun koo hin oolu. Akka dhala Oromoottis sochiin amma biyya keessatti dhaloota haaraan itti jiramu waan hundaa keenyaa ilaaluuf xinxalli kun qooda koo ba’us kan giddu galeessa godhateedha. Kana malees xinxalliichi kan dhumee miti. Yaada gabbisu (qeeqa) hundas dabaluuf  banaadha. Kana irraa ka’amee  hunduu yaadaan gaabbisuun waan Oromoo fayyadu irratti kan as irratti kaa’ameen allattis cimsuun qabsoo kanaaf yoo bu’aa kan laatu  ta’e dhimma itti ba’uun gaariidha. Kana yaada keessa galchuun xinxallicha akka armaan gadiitti dhiyeessuuf  yaalee jira.

Haala dhaabbilee Oromoo

Dhabbilee Oromoo bakka sadihitti qooduun ilaaaluun barbachiisaadha:

Dhaabbilee  biyya keessatti karaa seeraa fi nagaan qabsaahaa  jiran

Dhaabbilee  qabsoo hidhannootti amanan

Dhaabbilee  biyya alaa keessatti socho’aa jiran jechuun nidanda’ama.

Dhaabbilee Oromoo biyya keessa jiran

Isaan kun warra qabatamaan ummata keessa jiraniif mootummaa abbaa irree Wayyaanee karaa nagaan falmanii  tayitaa  irraa buusuu yalii godhaa jiraaniidha. Isaan kun rakkoo ummata bira jiraachuun waan argaaniif amma huumni isaanii hayyameefitti rakkoo qabatamaa ummata keenyaa kana kaasuudhaan  diina irratti ciminaan qabsoo godhaa jiru. Humnni kun diinaa dararaan hammana hinjedhamne kan irraa ga’uudha. Du’uun, hidhamuun, hojii irraa ari’amuun, diina jedhamanii ifatti dararamuufii  gidiraan hammana hinjedhamne kan irraa ga’uudha.

Ta’us garuu humni kun kanumaa keessa taa’ee hojii boonsaa hojjachaa jira. Kanaafis ragaan sochii dhimma magaloota naannoo Finfinnee gara Finfinnetti dabaluun lafa Oromoo saamuuf godhame irratti mormuun adda durumaadhaan godhan fakkeenya olaanaadha, kana malees yeroo diinni barattootaa  Oromoo  University Finfinnee keessaa gara 300. ol ta’an ari’amanitti humni kun ga’ee olaana tabatee jira. Humni kun qabsoon Oromoo humnoota biroo waliin walqabatee akka deemuf qophaatti rukkuttaa diinaaf akka hinsaxilamne gochuuf qabsoo bilisummaa Oromoof fira baay’isuu irratti gaarii deemee jira, gamataa Medirek keessatti humnoota sabaafi sabalamoota waliin ta’uun fuula duratti hariiroon gaariin akka jiraatu gochuu irratti bu’aa gaarii argamsiiseera. Kanaaf humni kun biyya keessati cimaa deemuun bu’aa gaarii fi duubee qabsoo Bilisummaa Oromoo gudda waan ta’eef ija gaariin ilaaluun baay’ee barbachissadha.

Cimina isaanii:

Ummata keessa jiraachuu ummata waliin walitti hidhata qabaachuu

Rakkoo ummata irra ga’u irratti diina saxiluu

Tumsaa humnoota biroo waliin qabaachuu

Dhageettii diplomacy hamma tokko qabaachuu

Dubee qasoo bilisummaa Oormoo ta’uun hojjachuu

Seeraa fi Heerama irratti hundaa’uun socho’uun osoo diinni itti roorrisuu hidhuu fi ajeessuu hojjachuu danda’uu.

Qaawwa heeraafi seeraatti fayyadamuun hir’ina diinni heera irratti  agarsiisun diina saxiluu

Hir’ina isaanii:

Caasaa jabaa ta’ee gad dhaabuu hanqachuu

Bakka Oromiyaa mara ga’uu hanqachuu

Dhaabbilee Oromoo qabsoo hidhanootti jiran

Dhaabbileen Oromoo qabsoo hidhanootti amananii socho’aa jiran nijiru, kun Oromoo biratti kan abdii uumee fi boonseedha..Dhaabbileeen qabsoo hidhanoo irratti hojjatan qabsoon kun akka gonkumaa gara boodaatti hindeebine gochuu irratti ga’ee ol’aanaa qabu. Garuu rakkoon guddaan naanno kanattis mul’atu qabsicha ummata keessatti gad dhaabuu dadhabuudha, fi qabsichi yeroo fudhachuu isaatti. Qabsoon hidhannoo yeroo fi haala keessatti, ummata qabsa’aanif sana sochoosuun ijaaruun, hidhachiisuun ummaticha keessatti gad of dhabuun diina irratti cinqqii umuu fi of irratti hirkannoo qabaachuu gaafata.Hojii diplomasii cimaa ta’ee oofuu waliin walqabata, Tooftaa fi Tarsiimoo yeroo gaafatu yeroo yerootti baasuun diina fi firaa addaan baasuun hojjachuu gaafata. Humna hidhatee fi ummata walsimsiisuun duubbee  cimaa ijaaruun roorroo ummata irra ga’u faccisuun ummata madda humna waraanaa fi dinagdee godhachu gaafata. Humna ofi guddisaa sadarkaa sadarkaadhaan diina buqqisaa deemu gaafata.Kana irraa kaanee  yeroo ilaallu  cimina humna hidhatee irra hir’iinsaa daran guddaa ta’ee mul’ata.

Cimina isaanii:

Waan itti amanutti cichee as ga’uu

Rakkoo Ummata Oromoo irraa ga’uu karaa sabqunnamtti adda – addaattin addunyaatti dageessisuun mirga ummatichaaf falmu

Oloola diinni irratti oofu dandamatee as ga’uu

Yoo xiqqate humna hidhatee of harkaa qabaachuu

Sabboonummaa Oromoo jabeesuu fi olkaasuu

Hir’ina humna kanaa:

Tooftaa fi Tarsiimoo haala yeoo waliin deemu akeekuu dadhabuu

Ummata keessatti gad of dhaabuu dadhabuu.

Caasaa cimaa fi ititta ta’ee ijaaruu dadhabuu

Hojii diplomasii irratti dadhabaa ta’uu

Biyyoota Ollaa gaafa Afrikaa keessatti gad of dhaabuu hanqaachuu

Hoogganna ittitaa qabachuu hanqachuu fi Hoogganna ummata keessatti murannoon cichee hojjatu dhabuu

Duubbee qabsoo amansiisaa ta’ee dhabuu

Dhaabbilee Oromoo biyya ambaa/ alaa/ qabsoo hidhannoon ala jiran

Dhaabbileen kun yoo ilaalle hedduudha,isaan kun maqaa qabsoo bilisummaa Oromootiin ka’uun fi hamma humni isaanii danda’etti diina Oromoo irratti falmii gochuun isaanii baay’ee boonsaadha, garuu ammoo fafaca’oo fi ummata keessatti ga bu’uu irratti dadhaboodha. Caasaa cimaa fi tarsimoo qabsoo ifaa ta’ee kan yeroo waliin wal simatee qabsoo kana achi butu danda’uu kan mula’tu baay’ee hinqaban. Hoogganna cimaas hinqaban jechuun nidanda’aama. Hojiin diplomasii isaanii dadhabaa ta’uu qabatamatti argina.

Cimiina isaanii:

Qabsoo bilisummaa Oromootti cichu isaanii

Amma humni isaani danda’eetti gochaa diinaa balaleeffachu, saxiluu

Dhimma fi rakkoo ummata Oromoo irra ga’uu naannoo jiran keessatti dhageessiisuu yaalu

Sabbonummaa Oromoo jabeessuu

Hir’ina isaanii:

Tooftaa fi Tarsimoo ifaa ta’ee kan yeroo waliin deemu dhabuu

Ummata irraa fagaachuu

Caasaa qabsoof ta’uu diriirisuu dadhabuu fi namoota dhunfaa irratti rarra’uu

Hojii diplomaasii irratti dadhaaboo ta’uu

Hoogganna cimaa dhabuu

Barreessaan Mahdii Idriis. Kutaan 2ffaa itti fufa.