Woyyaaneen tooftaa jijijjiirataa umrii akka dheereffattuuf hayyamamuu hin qabu

Qabsoon Oromoo Woyyaanee madeesseera. Hin ajjeesne garuu. Woyyaaneen du’uu dhabuun isii jiraachuuf akka tattaafattu isii godheera. Woyyaaneen tattaafatti, xurree du’aa irraa isii hanbisu argachuuf dhamaati.  Laaftus nuuf raftee akka bulaa hin jirre ifa. Kan hirriba isii dhoorgaa jiru sochii Oromooti. Sochii Oromoon humna Woyyanee ol ta’aa dhufeera. ta’us ammas Woyyaaneen harka kennachuu irraa fagoo jirti. Sochii Oromoon wolqabatee raajiin Woyyaanee mudate bulchiinsi Lammaa Magarsaa ajajaa fi too’annaa Woyyaanee keessaa bayuuf wixxiffachuu eegluu isaati. OPDO’n ni dammaqxi, tankaarfii kana fakkaatu ni fudhatu jettee hin eegne, ittis hin qophoofne. Gareen Lammaa finciluun ifa. Ganduu Andargaachoos yeroo addaddaatti mallattoo argisiisee jira. Kuni hundi dhimma Woyyaaneen akka salphatti bira darbanii miti.

Woyyaaneen OPDO osoo hin qabanne Oromiyaa saamuu fi Oromoo jilbiiffachiisuun akka hin danda’amne beekti. Sa’aa kanatti gaafiin Abbaay Xahaayyee, Daratsiyoon, Monjoriinoon fi kittillayyoonni Woyyaanee hundi wolgaafataa jiran tooftaa kamiin bulchiinsa Lammaa Magarsaa harkatti deeffan isa jedhuudha. Garee Lammaa harkatti galfachuu irrati mikooftii? Ammatti wanti kuni ifa miti. Garuu, Woyyaaneen gare kana uf jalatti deebisuudhaaf na gargaara tooftaa jettu hunda (ifaa fi dhoksan) lafa kayattee irratti hojjataa jirti. Bulchiinsa Lammaa kuffisuuf shirri xaxama, sakaalanii kuffisuuf halkan guyyaa Maqalee fi Finfinnetti hojjatama. Ijoo isaanii mee haa ilaallu.