Woyyaaneen shiraan bulchiinsa Dr Abiyyi gufachiisuu fi abdii jijjiiramaa eebjuu taasisuuf wixxifataa jirti

Alagaan Oromoof kufaatii malee milkii hin hawwu. Gareelee kufaatii Oromoof hawwan keessaa Woyyaaneen sadarkaa tokkooffaa irratti argamti. Woyyaanee keessatti jibbiinsaa fi tuffiin hoogganoonni TPLF, jeneraalotaa fi ‘abbootii qabeenyaas’ dabalatee, nuuf qaban adda. Maddi jibbiinsa isaanii inni ijooon Oromoon aangoo irraa nukuffisa, tapha siyaasaa fi saamicha diinagdeen ala nu taasisaadha. Keessattuu gareen Lammaa cimaa dhufuun, cimuu bira darbee guutuu ummata Itoophiyaa biraa jaalalaa fi kabajaa argachuun, ummanni biyyatttii abdii isaan irratti gatachuun hoogganoota Woyyaanee maraachaa jira. Haalli siyaasni biyyattii amma itti jiru bifa kanaan itti fufnaan dhumni isaanii kaluu ta’uu hoogganoonni Woyyaaneen ni hubatu. Kanaaf akkas maraatu.

Deeggarsaa fi jaalalli ummataa milkaayina hoogganaa tokkoof murteessaa akka ta’e bareechanii beeku. Dr Abiyyis sadarkaa isaan eeganii olitti deeggarsa ummata Itoophiyaa irraa argataa jira. Kuni bowwoo irraan bowwoo isaanitti dabalee gara qalbii gatuutti isaan ceesisaa jira fakkaata. Kanaaf amma shiraan nu kuffisuu, ummatta saba keenna irratti abdii gatateen gargar nubaasuu, Oromoo akka saba Itoophiyaa hoogganuu hin dandeenneetti dhiyeessuu barbaadan. Kanaafis keessa keessaan hedduu dhama’aa jiran. Yeroon woccuu gatanii daandii irratti bayanis fagoo miti. Wolitti wocuu fi hamilee wolii buusuun dhiisnee diina shiraan nutti gadi bayuuf deemu irra aanudhaaf ammumaa dammaquu fi qophaayuu nu barbaachisa.

Woyyaaneen mataan isii shira. Shiraan mootummaa qabatte. Shira xaxaati woggaa 27’f kan aangoo irra jiraatte. Shiraan qabeenya ummataa saamte. Uf eeggannaa sadarkaa ol’aanaa hin goonu taanaan shiraan sakaaltee nu kuffisuu, shiraan wolirratti nu kakaasuu irraa duubatti hin jettu. Rakkoolee kana dura Itoophiyaa qormaataa turan kan uume Woyyaaneedha. Kana boodas rakkoo Dr Abiyyitti qormaata hamaa uumuu malan heddu uumuuf deemti. Worri kana taajjabe akka dhaabatan gorsaara. Garuu, Woyyaaneen gurra gorsa ittiin dhageettu hin qabdu. Akka Woyyaaneetti, shirri kamuu, biyyattiis yoo kan gaaga’uu, hanga Dr Abiyyiin dadhabsiisetti tooftaa gaariidha. Kanaan akka milkooftuuf hin hayyamnu.

Dr Abiyyii fi Ob Lammaan hanga humni/haalli isaaniif hayyameen rakkoo ummataa hiikuuf asiifi achi jedhaa jiran. Ammatti fedhii fi kaka’umsa ummata tajaajiluu malee siyaasa gowwoomsaa keessa akka hin jirre ragaaleen argisiisan heddu. Rakkoon kana booda Itoophiyaa keessatti uumamuu malan kamuu (gatiin meeshaa qaalawuu, meeshaan gabaa irraa dhabamuu, rakkoo bishaanii fi ifaa, hir’inni gaazaa fi sharafa alaa, ajjeechaa fi hidhaan kkf ) hundi kan uumamu dadhabina bulchiinsa Dr Abiyyi osoo hin taane shira Woyyaanee ta’uu akka malu hubachuu fi quba qabaachuu feesissa. Tibbana maaltu ta’e? Ganama Dr Abiyyi yeroon miidiyaaleen biyya alaa jiran biyya keessatti waajjira banatanii hojjatan fagoo miti jedhee dubbate. Galgala OMN qilleensa irraa buufame. Kana duras Woyyaaneen gocha dubbii Dr Abiyyi faallessu hojjatteerti (fkn ajjeechaa Mooyyalee). Kun ta’uun isaa kan argisiisu qabsoon oo’aan ammatti kan jiru Woyyaanee fi Dr Abiyyi jidduu ta’uu isaati. Woyyaaneen gocha Dr Abiyyiin ummata afotti salphisuu, waa cufti harka Dr Abiyyi osoo hin taane harka keenna jira ergaa jedhu ummataaf dabarsuuf dhama’aa jirti. Wixxifannana isii kuni yeroodhaaf. Shirri tooftaa fi bilchinnaan nuti irra hin aanne hin jiru. Jabaannee, harka wolqabannnee hojjachuu qofa nu gaafata.

Gama biraatiin Woyyaaneen shira bifa addaddaa kan xaxxuuf Dr Abiyyi, akka ummanni hawwu osoo hin taane, biyya gara rakkootti naqaa jira jechuudhaaf. Dr Abiyyi oduu malee nama rakkoo biyyattii hikuuf dandeettii hin qabne jechuus barbaaddii. Yoo kan aanjuuf ta’e fakkeenya Masrii gara Itoophiyaatti fiduu hawwiti. Waa’een kun Itoophiyatti hin ta’u. Garuu, Woyyaaneen dhamaate waan hunda yaaluu irraa duubatti hin jettu. Kaayyoonn isii ijoon ummanni obsa fixatee, abdii kutatee akka Dr Abiyyiin balaaleffatu godhuudha. Nuti waan fooyya’u arguuf malee Saamoraa fi Abbaay Tsahaayyee ufirratti fe’uuf Dr Abiyyiin hin balaaleffannu. Yoo isa kan balaaleffannu ta’e waan isa caalu akka argannu dursinee mirkaneefachuu qabna. Gama biraatiin, akkuma ganna 27’f jedhaa turan, furtuun rakko Itoophiyaa harkaa isaanii qofa jiraachuuu isaa nutti himuu barbaadan. Furtuu saamichaa malee furtuun rakkoo Itoophiyaa harka Woyyaanee akka hin jirre kan barame ganna heddu dura.

Oromonis ta’ee saboonni Itoophiyaa kan abdii qabaatan karaa Dr Abiyyi qabateen malee dukkana Woyyaaneen ganna 27 ummata keessatti hidhaa turtetti deebi’uunii miti. Daandiin Dr Abiyyi qabate rakkoo fi bu’i bayii akka qabaatu ifa. Qormaata kan itti heddummeessu, gufuu kan itti tarreessus Woyyaaneedhuma. Filatamiinsa isaa irratti jibbaa isaaf qaban argineerra. Namni filatamuu isaa sadarkaa sanitti morme erga filatamee booda harka mammaratee taa’a jedhee kan yaadu gowwaadha. Kanaaf kan dammaqinaan waan ta’uuf deemu hunda hordofuun kan barbaachisuuf. Kana hubachuudhaan Oromoonis ta’ee saboonni biraa shira Woyyaaneen sakaalamanii kiyyoo diinaa keessa seenuu irraa uf eeguu qaban. Bilisummaa dhugaa kan gonfannu laga riqicha hin qabne yoo ce’uu fi shira alagaan xaxe hundarra tankaarfachuu yoo dandeenne qofa. Rakkoo yeroo nu mudatuu maluuun abdii kutachuu fi obsa fixachuun kan nu geessu gara bilisummaa dheebonneetti osoo hin taane gara kufaatii caaluu ykn argatanii dhabuutti. Imala kana booda goonu irratti bitaa fi mirgaan qormaanni nutti hammaatuu, akkasumas jireenyi nutti ulfaatuu mala. Garuu, ijji teenna galma keennarraa ka’uu hin qabdu.