Woyyaaneen seera viidiyoo, suuraa fi barreeffama ajjeechaa isii saaxilu intarneetiirratti gadi lakkisuu yakka taasisu baasuudhaaf

Kan Woyyaaneen hojjattu hunduu baasa!

Seera yakkaa haarofni Woyyaaneen baasuudhaaf tirtiraa jirtu keeyyata viidiyoolee, suuraa fi barreeffama ‘fincila, hookaraa fi wolitti bu’iinsa’ uumuu malu jettu intarneetii irratti gadi lakkisuun yakkaan nama kan adabsiisu ta’uu isaa mul’isu ufkeessatti ammateera. Seera kanatti dhimma bayuudhaan Woyyaaneen kan arguu hawwitu ajjeechaa isii addunyaan hinargitu, gidiraan isii gurra ummataa bira hin geetu. Jaarraa kanatti akkas yaaduun eebjuu malee waan biraa ta’uu hin danda’u.

Halkan tokkotti seera baasuu ni dandeetti, Woyyaneen. Kan woggoottan hedduuf godhaa turtes kanuma. Garuu, seera ummata ukkaamsuu fi dhiiga lammii isa saree hanqisuuf isiin baaftu kanatti Oromoo tole jedhee bulu argachuu biratti kan qormaanni cimaan Woyyaanee mudatu. Woyyaanee, kuni ammumaa sitti haa mul’atu!

Woyyaaneen kan beekuu qabdu namni ummata jeequudhaaf, akkasumas nagaa fi tasgabbii dhoorguudhaaf haa ta’u jedhee viidiyoo sobaa qopheessee, suuraa kijibaa kaasee fi dhara barreessee intarneetii irratti gadi lakkisu kan hin jirre ta’uu isaati; keessumattuu haala ammaa kana keessatti. Hanga ammaatti wanti Miidiyaalee Hawaasaa irratti gadi lakkifaman, hangamuu shororkeessaa fi rifachiisaa ta’us, hundi dhugaa lafa irra jiru kan calaqqisan; hundi badii Woyyaaneen rifaatuu tokkoon maletti ummata irratti raawwatte kan argisiisan. Manguddoo tumamu, dargaggeessa rasaasaan daandii irratti rukutamu, ummata akka hooritti kumaatamaan dallattti oofamu, mirgi ummataa afaan qawween yoo sarbamu argitanis woraabaa fi suuraa kaasaa intarneetii irratti gadi hin lakkisinaa jechuun maaliidha? Yakki yoo hojjatamu, ummatatti yoo taphatamu argaa fi dhagayaa bira darbaa jechuun maal irraa madda? Wanti Woyyaanee hundi maalala. Waa’een wixinee seera kanaas saniin adda hin ta’u.

Waan arganii fi dhagayan, isa dhugaa, intarneetii irratti gadi lakkisuun gocha seeraa kabajisiisuu fi naga waree argamsiisuu keessatti kan ilaallamuun irra ture. Gochi akkanaa biyya ambaatti humnoota seera kabajsiisaniif akka gargaarsa guddaatti kan ilaallamu. Gocha naga ummataa dhoorguun wolitti hidhuudhaan dogoggora guddaadha. Kan yakka ta’uun isarra ture gocha ummata ukkaamsuu fi waan arganii fi dhagayan akka hin gabaasneef uggura irra buusuu kana.

Woyyaaneen sagalee ummataa ukkamsuudhaaf fiigicha guddaa fi yaalii wolirraa hin cinne godhutti jirti. Yeroo addaddaatti bilbila kutti. Qunnamtii intarneetii addaan ciccirti. Miidiyaalee Hawaasaatti akka namni hin fayyadamneef namarratti cufti. Kuni hundi isii hanqatee gara viidiyoo gocha suukkaneesaa argisiisu, tankaarfi garjabeenyaa mul’isuu fi gocha Woyyaanee dirretti baasu inatrneetii irratti gadi hin lakkisinaa jedhuutti geette. Waaqni isii hin milkeessin!

Yoo lammiin ajjeefamuu, mirgi dhala namaa humna tikaan sarbamu viidiyoo woraabdanii intarneetii irratti gadi hin lakkisinaa, suraadhaan hin facaasinaa, barreeffamaan hin gabaasinaa jechuun yaada dhama’iinsaa fi abdii kutatiinsaa yoo ta’e malee waan biraa ta’uu hin danda’u. Dhaloota kana sodaachisaa bifa kanaan, seeraa fi labsii goggogaa akkanaan sodaachisuu fi falmaa mirgaa eegalan irraa duubatti deebisuun tasa hin danda’amu. Wanti danda’amu, ammas irra salphaa ta’e, jira. Ummanni viidiyoolee gocha suukkanneessaa mul’isan, suuraalee ummata dhumee argisiisan intarneetii irratti akka gadi hin lakkisne Woyyaaneen barbaaddi taanaan kan gochuu qabdu: gocha ajjeessuu, madeessuu, gidirsuu fi ummata nagaa dandii irraa guuraa mana hidhaatti geessuu dhiisuu fi ufqusachuu qofa. Kuni akkam itti fulfaata?

Adeemsi jaarraa 21ffaas tankaarfii fi tooftaa ammayyaa gaafata. Ummannii fi mootummaann biyya biraattis bifa kanaan nagaan wajjiin jiraata. Nageenni, misoomaa fi tasgabbiin haala kanaan sabata. Bakka kuni hin taanetti hidhaa sodaatee ummanni bara mara jilbiiffatee akka hin jiraanne beekamuu qaba. Wanti baatii shanan keessati mul’ate yoo Woyyaanee hin barsiisnee, ergaa cimaa dirqiidhaan ijaa figurra isii cabsee seenu yoo hin dabarsine, hirriba ganna 25 keessaa yoo isii hin kaasne, imaammata isii akka geeddartuuf yoo isii hin dirqisiisne, maaltu sammuu isii bana laata? Yoo didde haa raftuu itti dhiisaa, ammaa galaanni Oromoo isii dhidhimsaa.