Woyyaaneen labsii yeroo muddamsuu baatii afuriin dheeressuu ifa goote

Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamsuu Onkoloolessa 8 eegalee biyyattii ittiin bulchaa jiru baatii afuriin dheeressuu isaa ifa godhe. Labsiin kuni jalqaba baatii Eblaa irratti dhumachutu irra ture.

Labsii yeroo muddamsuu kuni batii afuriin dheerachuun kan agarsiisu mootummaan Woyyaanee akka abdatetti tasgabbii argamsiisuu fi bulchiinsa ummataa (sivilii) guutummatti buqqa’ee ture deebisee diriirsuu dadhabuu isaati jedhama. Kanaf ammas humna waraanaatti dhimma bayuun kan barbaachiseef. Kuni hanga yoomitti akka itti fufu beekuun rakkisaadha. Waan yeroo gabaabatti xumura argatu jedhanii yaaduun amalaa fi tooftaa Woyyaaneen ganna 25 oliif ittiin bulchite dagachuudha.

Baatii jahan labsiin yeroo muddamsuu hujii irra itti oolte gidiraan Oromiyaan ragaa hin baane jira hin fakkaatu. Oromoonni kuma heddutti laakkawaman ajjeechaa, hidhaa, samichaa fi dararraa gosa garagaraaf saaxilamaniiru. Mootummaan kan ragaa ufitti baye namoonni 26,000 ol ta’an mooraa woraanaa keessatti hidhamanii dararamaa turuu isaniiti. Namoonni meeqa akka ajjeefaman dubbachuu  mootummaan Woyyaanee hin feene, garuu.

Labsiin yeroo muddamsuu kuni duumessa ukkaamsaa cimaadha kan Oromiyaa irra buuse. Erga labsii kanaa eegalee mormiin keessaa fi alaa Woyyaanee mudataa ture dadhabaa ta’uudha kan Woyyaaneen jajjabeessee fi ammas labsii ukkaamsaa kana akka haaromsituuf kan isii onnachiise jedhu tajjabdoonni.

Woyyaaneen labsii yeroo muddamsuu kaasti hin fakkaatu. Yoo kaastes kaasee afaaniiti malee dhugatti wanti geeddaramu tokko jira jedhanii eeguun uf sobuudha. Sirni kuni afaan qawween maletti karaa nagaa hanga haráatti ummata hin bulchine. Gara funduraattis kan taúuf deemu kanuma. Haala rakkisaa kana keessatti akkamitti jiraachuu fi hojjachuu akka qabu malachuudha kan ummata keenya baasu.