Woyyaaneen jaalala Ameerikaa fi biyyoota biraa irraa dhabde deeffachuuf tattaafii cimatti jirti

Woyyaneen tooftaa baafattuu fi tankaarfii fudhattu hundatti akka hin milkoofne godhuudhaaf sochiin Oromoon hundi; jaarmayaaleen Oromoo ammoo adda durummaadhaan godhan murteessaadha.

Itoophiyaan woraana Somaaliyaa keessa quphachiiste turte baasaa jiraacuun beekameera. Woraana Somaaliyaa akka baaftuuf kan isii dirqe fincila ummataa biyya keessaa isii hudhee qabe ta’uun ifa. Haa ta ‘u garuu, dhugaa kana fudhachuun kan  itti hadhaaye fakkaata. Sababni woraana somaaliyaa keessaa isii basise yoo gaafatamtu woyyanene kan jettu ‘deeggaraa hawaasa addunyaa dhabuudha’.

Itoophiyaan woraana Somaaliyaa keessa harkisuu hordofee sochiin Al Shabaan babadhataa fi garee  kuni magaalota heddu qabataati kan jiru. Kuni worra dhihaa, keessattuu Ameerikaa haalaan yaachisa; hirriba dhabsiisa. Yaaliin Woyyaanees worra dhihaatti qilleensa sodaa gadi alkkisuudha. Tooftaan kuni hanga ammaatti kan hojjate hin fakkaatu.

Tooftaan Woyyaanee fi ergaan isiin ifatti dabarsuu barbaaddu yoo nuti hin jiraanne naannoon Gaafa Afrikaa nagaa fi tasgabbii hin argatu; Al Shabaabi kan Somaaliyaa hanga Eertiraatti dhuunfatu isa jedhu. Yoo Al Shabaabiin akka woraannuu feetan oduu mirga namoomaa fi dimokraasii jedhu dagadhaa nu wajjiin dhaabadhaa ykn hojjadhaa jechuutti jirti Ameerikaa fi biyyoota worra dhihaa birootiin.

Kaardiin Woyyaaneen ganna hedduuf angoo irra ittiin turte inni guddichi sochii shororkeessitootaa ana kan dhaabsisuu fi naga Gaafa Aafrikaa kan tiksu jedhaati. Woyyaaneen yaalii isii ammaa kanaan kaardii sani gadi baasuu isiiti. Itii milkoftii laata? Kanuma arginu ta’a.

Woyyaneen tooftaa baafattuu fi tankaarfii fudhattu hundatti akka hin milkoofne godhuudhaaf sochiin Oromoon hundi, jaarmayaaleen Oromoo ammoo adda durummaadhaan, godhan baay’ee murteessaadha. Erga qabsoo tana dhiiga nama hedduun asiin geennee booda, Woyyaaneen kana booda deebitee miila lamaan dhaabachuun hunda keennaaf kufaatii, salphina guddaadha.