Woyyaaneen hoogganoota keenna irratti tankaarfii cimaa fudhachuuf deemtii Oromoon uf qopheessi

Woyyaaneen Oromoo fi hoogganoota isaa irratti tankaarfii dhumaa fudhachuuudhaaf qophii xumurteerti. Nuti hoo maalitti jirra? Yeroo rakkisaa kanatti dirqamni tokkoo tokkoo keennaa maal ta'uu qaba?

Oromoon mirgaa fi haqa isaaf waan dubbate qofaaf ajjeefamaa tureera. Amma, hoogganoonni keenya (Lammaa Magarsaa fi waahiloonni isaa) mirgaa, kabajaa fi haqa Oromoof waan falmuu eegalaniif qofa aggammiin ajjeechaa fi doorsisaan gosa hundaa irratti baname. Hoogganoota kanaaf Woyyaaneen filannoo lama kan kennite fakkaata: Oromotti dudda laatuu ykn balaa (ajjeechaa fi hidhaa) isaan irra gayuu maluuf ammumaa uf qopheessuu. Lammaa fi gareen isaa hanga ammaatti ufii du’anii Oromoo jiraachisuu, ufii salphatanii saba boonsuu, ufii hidhamaniii Oromoo hidhaa jarra tokkoo keessaa baasuu ijjannoo jedhu irratti cichaniiru. Murannoo fi filannoon gootota kanaa Woyyaanee hedduu dallansiisee guyyaa guyyatti gara taankaarfii isa dhumaa isiin jettutti isii geessaa jira. Tankaarfiin Woyyaanee isa dhumaa jettu kuni hanga hoogganoota Oromoo (Lammaa, Abbaaduulaa, Abiyyi, Umar fi kkf) ajjeesuu fi Oromoo irratti woraana guutuu labsuutti deemuu mala. Woyyaaneen, garee garajabeennaan Afrikaa keessatti dorgomaa hin qabne, angoo irra turuudhaaf kana godhuu irraa uf hin qusattu. Tibbana, ‘sirna kana tursiisuudhaaf gatii barbaachisu hunda kaffaluudhaaf qophiidha,’ kan jedhe hoogganaa Woyyaanee kan ta’e Dabratsiyoon ture. Kana jechuun maal akka ta’e Oormoo jalaa waan dhokatee miti.

Eenyummaa Woyyaanee fi kallattii isiin itti deemaa jirtu beekna. Nuti maalitti jirra? Maal godhuu qabna? Silaa manatti akka nutti seentee nu ajjeeftuuf hin hayyamnu. Tooftaa, tarsiimoo fi qophaayina sadarkaa kamiitiin hoogganootaa fi Oromoo dhumaatii irraa baraarra?

Dhimmoonni asii gadii Oromoo dhumaatii irraa baraaruudhaa fis ta’ee injifannoo hanga ammaatti dhiigaan arganne tursiisuudhaaf nu gargaaru. Kana booda Oromoo hundi dhimmoota kanniin irratti xiyyeefatee hojjachuu qaba.
1. Oromoon bakka jirtuu ka’i. Ufis, hooggana keetis dhumaatii itti aggaamame irraa baraaruudhaaf uf qopheessi. Waan qabduun ka’ii Oromiyaan qabrii roorristootaa ta’uu isii mirkaneessi. Osoo Woyyaanen hoogganoota tokko hin tuqin Oromoon ammumaa cifaa baasee ergaa nu hin tuqinaa karaa ifa ta’een diinaaf dabarsuu qaba.
2. Poolsiin fi milishaan Oromiyaa sabaa fi hooggana isa du’a irra baraaruuf hanga lubuu isaanii kennuutti uf qopheessuu qabu. Sabaa fi magaalota keenna bosona godhachudhaan diina weeraraaf dhufe ummata irraa faccisuu qabu.
3. Intarneetii fi bilbilli sa’aa kamittuu cufamuu waan danda’uuf OMN karaa kamiinuu yoo ta’e qilleensa irra jiraachuun isaa dirqama. Xiqqaatee xiqqaatu raadiyoon biyyatti ummanni waan guyyaa guyyatti sabni keessa oolu ittiin hordofu jiraachuu qaba. Woyyaaneen toora wolqunnamntii hunda ciccirruu irraa wan uf duba hin jenneef ammumaa tooftaa odeeffannoon saffisaan baadiyaa irraa gara magaalota akka Finfinnee fi Adaamatti ittiin dhufu mijeessuun dirqama. Odeeffannoon saffisaan magaalota gurguddoo geennaan gara alaatti bayuun isa hin rakkisu.
4. Hoogganoonni fi hojjattoonni mootummaa sadarakaa godinaa hanga aanaatti jiran ummata waliin ta’uudhaan humna weeraraa Agaazii, poolsii federaalaa fi basaastuu Geetaachoo Asaffaatti gufuu heddummeessuu, boqonaa fi doohannaa dhabsiisuu qabu. Deeggarsa gantuun alatti humni woraanaa fi basaasaa kamuu Oromoo jilbiiffachiisuu fi Oromiyaa dhuunfachuu hin danda’u. Namoota kana dura akka basaastuu fi gantuutti Woyyaanee tajaajilaa fi ummata ficcisiisaa jiran yeroodhaan too’achuun (dursanii hidhuu fi saaxiluu) barbaachisaadha. Xiyyeeffannaan ummataa qabeenya Woyyaanee fi kittillayyootta isii, humnoota woranaa bobba’e, akkasumas kaadiree aantummaa sabaa hin qabne (basaastuu fi ergamtuu) irratti kan fuullefate ta’uu qaba.
5. Oromoon rayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa keessa jiran Oromoo fi hoogganoota isaa du’a Woyyaaneen irratti labsite irraa karaa danda’ame hundaan bararuu qabu. Rasaasni isaanii dhiiga diinaa fi roorristuu malee isa maatii fi saba isaanii dhangalasuu hin qabu. Oromoon maatii fi fira woraana Woyyaanee (makkalaakayaa fi federaala) keessaa qabu firoota isaaniif ergaa ‘Woyyaaneef jettanii Oromoo hin ajjeesinaa’ jedhu dabarsuu qaba.
6. Hojjattoonni waajjiroota woyyaanee addadda keessaa jirtan (rayyaa ittisa biyaa, poolisii federaalaa, damee basaasaa fi sadarkaa federaalalatti hojjatan) waan arganii fi dhagayan (iccitii) dafanii karaa keessaan saba biraan gayuu qaban.
6. Oromoon biyya alaa jiru ka’uu, daangaa daangatti socho’uudhaan Oromoof dubbachuu qaba. Dhimmoota odeeffannoo dabarsuu fi dhumaatii gayuu malu ijaa fi gurra addunyaa biraan gayuu irratti cimee hojjachuu qaba.
7. Yeroo kamuu calatti, biyyaa fi biyyaan alattis, deeggarsi saboota biraa baay’ee nu barbaachisa. Keessattuu isa Amaaraaf xiyyeeffannaa laannee hojjachuu qabna.

Ammaa kaasnee, sochii, qophaayina, tokkummaa fi murannoo cimaa argisiisuudhaan diiina rifachiisuu qabna. Taankii fi xayyaarrri keenna irree tokkummaa keenna. Oromoon akka leencaa dallanee kaanaan diinni onnee ittiin Agaazii nuratti bobbaftun ni dhabdi. Bobbaaftus Agaazii rifatee fi abdii kutate kan gara Oromiyatti dhufu. Agaazii akkasii booyichaa fi gaddaan malee injifannoon gara Maqaleetti deebi’uu hin danda’u. Gootonni keenna (bulchiinsi Lammaa magarsaa fi Poolisiin Oromiyaa) qabsoo hadhaayaa geggeessaa jiru. Woyyaanee abdii kutachiisuudhaaf nutis ammummaa uf haa qopheessinu. Ni moonaa hin shakkinaa!