Worri har’a Finfinnee falmatu boru Oromiyaa irratti gaafii dhiyeessuu irraa hin qaanfatu

Woraanni Miniilik osoo irratti hin quphatiniin duratti Gullallee kan dheechifatu, Agamsa irratti loon bobbaafatuufi Bulbulaa kan obaafatu Oromoo ture. Qawwee Miniilik dhukaase kan Oromoofi loon isaa Finfinnee irraa buqqise. Humni Miniiliik Finfinnee dhuunfatee lafa Oromoo irratti masaraafi mooraa woraanaa ijaarate. Sochiin Oromoo buqisuufi lafa isaa irratti saba biraa qubsiisuu jaarraa 19ffaa keessa eegale hanga har’aatti itti fufe. Seenaan woggaa dhibbaa olii haqa tokko hin jijjiirre, garuu. Innis, abbaan fedhe irra haa quphatuu, Finfinneen dachii Oromoo ta’uu isiiti.

Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiru, kan rakkoo akka ta’etti itti fufe horteen Miniilikiifi waraana isaa woggaa dhibbaa oliif Finfinnee irraa jiraatuu irraa kan ka’e bakka irraa dhufan dagachuufi lafti irratti quphatan tan Oromoo ta’uu isii irraanfachuu isaaniiti. Kuni amala gadheedha. Biriitaaniyaan Leegoos, Naayiroobii fi Akraa bu’uuressite; yeroo dheeraadhaafis irra jiraatte. Garuu, gaafii abbummaa hin kafne. Leellistoonni Amaaraa (sanyii Miniilik) lafa yeroo dheeraadhaaf irra jiraataniifi baay’inaan irratti quphatan hunda keenna jechuu heddummeessuun isaanii Oromoof yaaddoo ta’uu qaba. Sababnis magaalaan isaan ganna hedduuf keessa jiraataniifi baay’inaan irra quphatan Finfinnee qofaa miti. Magaalota Oromiyaa gurguddoo hunda keessa baay’inaan kan quphate saba biraati. Masaraa Miniiliki dhabuun alatti; seenaa Adaamaa, Asallaa, Goobbaa, Jimmaafi Naqamtee wanti isa Finfinneen adda godhu hin jiru. Hundi dachii Oromoo saboonni biraa baay’innaan keessatti argamaniidha. Falamaan leellistoonni ol’aantummaa Amaaraa Finfinnee irratti kaasaa jiran akka hin milkoofne ifa ta’us, tuffiin isaanii kuni worri Adaamaafi magaalota biraa keessa jirus boru dhaadannoo wolfakkaatu qabatee akka gadi bayuuf kan jajjbeessuudha. Sana booda dhawaataan gaafiin abbummaa gara baadiyaalee Oromiyaa Amaarri keessa quphatuutti gadi bu’a jechuudha. Nuti waan akkanaa dhagayuu, isaan dubbii akkanaan gadi bayuu tasa hin qaban. Tuffiin Oromoof qaban daangaa godhachuu qaba.

Guutuu Oromiyaa keessa, magaalaafi baadiyaa, sabni kamuu jiraatuu ni danda’a. Waa hunda dura garuu dachiin irra quphatan tan Oromoo ta’uu isii daqiiqaadhaafis osoo shakkii keessa hin galchin fudhachuu qaban. Waa’een magalaa takka eennutu bu’uuresseefi eennutu baay’inaan keessa jiraataa mariif dhiyaachuu hin qabaatu. Oromoon naannoo Amaaraafi Tigraay keessatti gaafii abbummaa kaasee hin beeku. Rayyaafi Kamisee bulchiinsa Oromiyaa jala galchuu mitii kan dhimma kana dhimma godhee dubbataaru hin jiru. Isaanis dachii Oromoo irratti gaafii kaasuu hin qaban. Gaafii akkanaa kaasuuf bu’uura seenaa tokkos akka hin qabne beekuu qaban. Ammas dachii irra quphatan tiyya jechuun ummata wolitti buusuufi woljibbaa babadhisuun alatti faaydaa tokkos hin qabu. Iyyuu yoo hin taane lafa Oromoo kan humnaan fudhatu hin jiraatu. Inni humnaan fudhatame yeroo isaa eeggatee deebiuun isaa hin hafu; sabni kuni akka kufetti hin  hafu wan ta’eef. Leellistoonni Amaaraafi saboonni biraas dachii Oromoo irra quphatan jaalataafi ummata isaan jiraachise galateeffataa jiraachutu isaan irra ture. Kuni leellistootatti mul’ataa hin jiru. Finfinnee falmuufi worra Oromoo duguugee Finfinnee bu’uuresse faarsuun Oromotti madaa onnee kaasuun alatti faaydaa tokkos isaaniif akka hin qabne akkamitti baruun isaan dhibe?

Lafa Oormoo irratti wocuun, Finfinnee dhuufachuufuufi Oromoo tuffachuun yeroodhaaf tooftaa deemsisu ta’uu maal. Oromotti kan mul’atu yeroon Finfinnee guutumatti harka isaatti galfatu fago ta’uu dhabuu isiiti. Oromoofi dachii isaa kabajuun dantaa  isaaniif gaarii ture. Umanni jibbaafi tuffiin guutame ammatti dhugaa kana argaara hin fakkaatu. Daandii qabataniin itti fufnaan isaanuma kan gara funduraattii rakkatu. Oromoon kana booda barii malee dukkanaan kan wolargu hin fakkaatu.