Wontoota Dhiirsi Niitii Irraa, Niitiinis Dhiirsa Irraa Arguu Hinfeene

Hundi keenya wontoota amala gaarii jennee lafa kaayanne qabna. Maaltu amala gaariidha, isa kamtu miti kan jedhu wontoota addaa addaa irratti hundaaya. Namaa nama  birattis madaalliin waan gaarii fi gadhee garaagarummaa qaba.

Namoota jaalannuu wan garii hawwina. Akka waan gadhee takkaa fokkataa irraa fagaatan feena, yeroo hundaa. Jaartii fi jarsa jidduu jaalalli jira jennee amanna- kanuma kan wolitti isaan fide, akka wolfuudhanii woliin jiraatan isaan taasise. Woldhabdee fi addaaddummaan yaadaa fi amalaa dabree dabree mul’atu haaluu kiyyaa miti- as biratti akka malee nahinhubatinaa.

Wontoota wolfakkaatan, amala gaarii kanneen jedhaman, heddu woliin qabaachuu fi qoodachuudha dhiirsaa fi  niitiin woliin akka jiraatan kan taasisu. Dubartoonni keenniin, dhiiras dabalatee, erga heerumanii ykn fuudhanii jiruu fi jireenyaatti seenanii booda tokko tokkoon keenna hedduu ufdaganna. Waan hariiroo jidduu keenna jiru booressuu malu irrattis bobbaana. Jireenya mi’ooftuu gammachuu fi jaalalaa jiraachuuf qabxiilee asii gadii irratti hojjachuun yaada bayeessa dhiiraa fi dhalaa jaarraa kanaa irraa eegamu.

  1. Amanamaa ta’uu

Dhiirsas ta’ee niitii, tokkoon isaanii inni kuun waadaa jidduu isaanii jiru cabse akka sagaagalu kan hayyamanii miti. Akka qu’annaan adda addaa akeekutti dhiirri 71% fi dubartiin 82% yoo jaalalleen isaanii wolqunnamtii nama biroo woliin eegalan ykn godhan ta’e, gochi kuni gara murtee wolhiikuutti akka isaan deemsisu ifa godhaniiru.

  1. Qulqullina ufii eeggachuu

Dhiiroo jaalala jaalala irraan dabalachuufis ta’e niitii teessan woliin nagaan jiraachuuf, qulqullinni baay’ee murteessaadha. Dhalaanis ta’ee dhiirri saahiba ganama ka’ee ilkaan hinriganne, rifeensa mataa hinfilanne, kofoo keessaa yeroon hingeeddaranne hinfedhan. Akka ragaaleen adda addaa agarsiisanitti, dhiirri 59% waa’een qulqullina dhabuu saahiba ykn haadha manaa isaaniin gargar bahuuf sababa gahaa ta’uu akka danda’u dubbataniiru.

  1. Dalagaa qabaachuu

Gadaa tana nama baadhachuuf namoonni heddu qophii miti. Ceekuu jabaa ittiin nama baadhatan akka hinqabneedha  dhiraa fi dhalaanis irra deddeebi’anii kan dubbatan. Jaarraa hedduuf dhimmi dalagaa alaa irratti bo’bba’uu fi diinagdee maatiin ittiin jiraatu argamsiisuu dirqama dhiiraa ture. Hawaasa gara garaa keessatti addaaddumman dirqama baadhachuu jira, irra jireessaatti biyya heddu keessatti dhiiruma ture kan yeroo dheeraadhaaf dirqama kana baadhataa ture. Har’a garuu sun hundi seenaa ta’uuf kan demu fakkaata.

Haalli amma geeddarameera. Dhiirris dubartii dalagaa hinqabne hedduu hinfedhan. Dubartiinis dhiira dalagaa hinqabne tarii dalaguus hinfeene, galii galchuuf hintattaafanne baadhachuufis ta’ee ammachuuf feedhii akka hinqabne ibsaaru. Dubartiin 69% fi dhiirri 53% dhiirsa ykn niitii dalagaa hinqabne akka hinfeene ragaaleen agarsiisu.

  1. Taliiga maallaqaa

Hojjatanii maallaqa akka salphatti argatanii? Hojii argachuu fi diinagdee horachuun waan laafaa miti. Maallaqa dhiirsi dafqee argamsiise ykn isa niitiin kuftee kaatee bira gette, lamaan isaanii keessaa tokko yoo akka salphatti bittineesse dhimoota baay’ee murteessaa hintaane irratti dhangalaase, gochi kuni shakkii malee hariiroo jidduu isaanii gaaga’ama irra buuse. Dhiiraa fi dhalaan 69% ta’an waahila maallaqaan taphatu akka hinfeene dubbatu.

  1. Tamboo xuuxuu

Tamboo xuuxuun biyyota heddu keessatti, keessumattuu dubartoota lafaa dhufan biratti akka jabanaatti [fashion] fudhatama. Dubaroo, dhiirri ifatti hinbaasu ta’a male, dhalaa tamboo xuuxxu hinfedhan. Yoo ati tambotti ibidda qabsiistu, garaan waahila ykn dhiirsa kee gubataa akka jiru hubadhu. Cal jechuun isaa akka waan si eebbisee ykn wonti ati gootu isa gammachiiseetti hinfudhatin. Itti yaadi.

  1. Ulfina qaamaa

Uum. Hedduun keessan quba qabdu.Waa’ee kana hubattu.  Kaeessa akka waan mallattoo qabeenyya fi quufaatti ilaallamaa hinturreetti, furdina daangaa ce’etti har’a namni heddu saalfata, hir’isuufis tattaafata. Furdinni daangaa ce’e [obesity] kan dhiiraas ta’ee kan dhalaa fokkisaadha. Mallattoo nama fayya qabeessas miti. Furdinni rakkoo guddaa ta’aa dhufeera dhalaa fi dhiira birattis. Keessumattuu dhiirri dubartii furdoo akka hinfeene beekameera. Dhiirri furdaan filmaata jalqabaa miti, dubartii  heddu birattis.

Furdinni umrii fi dheerinaa nama tokkoo hinmadaalle rakkoo fayyaa, har’atti ykn borutti, ta’uun isaa nidubbatama. Dhiirri heddu, garuu, dubartii haalaan qal’oo, siinxaraas akka hinfilanne asumaan hubadhaa. Shamarran keenna jidduu dhaabachuu filadhaa.