Umriin keessan 30 osoo hin gayin duroomuu feetuu? Qabxiilee saglan kanniin irratti hojjachuu eegalaa

Cimanii hojjannaan akkasumas hawwii, kaayyoo fi obsaan masakamnaan wanti ddoo ijaa fi onneen namaa jirtu bira hin geenneef tokko hin jiru.

Maatii soorame, ganda qabeennaan marfame keessatti dhalachuu fi guddachuu hedduun namaa ni hawwa. Baay’ee keenna hireen akkasii hin qunnamne, garuu. Dhugaan, hiyyummaa keessatti dhalanne, hiyyummaa keessatti kan guddanne. Erga guddaannee, humnaa fi sammuu godhannee, hiyyummaa gadhee lagachuuf, akkuma addunyaa biroo nutis qabeenya horachuuf cimnee hojjachuu qabna. Cimanii hojjannaan, gufuun hin jiru jechuu mitii, wanti hin jijjiiramne, hawwiin bira hin gayamne hin jiru.

Nama hojjate hundaa miti, garuu, kan duroomu. Kan xaare, dafqee, bu’ee baye maraafii miti kan dabaru. Egaa iccitiin inni kuun argatee, kan biro bakka yaadu gayuu hanqateef maaliidha? Sababoota heddu ta’uun nimala kan injifannoofi kufaatii nama tokkoo murteessan. Gabaabamatti garuu, wonta hawwinu bira gayuuf daandii qajeelaan ykn qaxxaamurri kana jedhamee qubni itti akeekamu hinjiru. Muuxxannoon namoota hiyyummaa keessatti dhalatanii, gara boodaatti jiruu mooyatanii dhukkee hiyyuummaa hargufatanii kan agarsiiu hawwii jijiiramuu guddaa qabaachuufi jabaannee hojjachuun waan  baay’ee barbaachisaa ta’e ta’uu isaati.

Kanarratti dabalataan, qabxiilee asii gaditti tarreeffaman irratti hojjachuun ammumaa daandii durummaa irra dhaabachuuf nigargaara ta’a. Mee wolumaan haa yaalluu, akka hiyyummaan adda gallu.

  1. Maallaqa hordofaa. Maalaqni nama hunda hinfeetu. Kan isii hin ariineef bakka hinqabdu. Yoo bakka isiin itti argamtu hundaatti hinmudhanne, barbaaduuf isii jala hinyaane durummaan inuma hintaane. Hundaa miti kan lotorri injifatu. Irra jireessi xaareeti kan horii argatu.
  2. Ilaalii ykn na argaa irraa fagaadhaa. Wonti sihaa’arganiif, maqaa itti argachuuf gootu, harka siqal’isa; akka maallaqni waaxiqqoon ati qabdu sun harka sihindhabanne sitaasisa. Uf ta’ii jiraadhu. Jireenya kee abshaalummaan gegeeffadhu. Gaafa duroomte waan feetu guutatta. Har’a garuu…
  3. Invest godhuuf qusa’dhaa malee olkaayachuudhaaf hinqusatinaa. Gadaa tanatti qarshiin qusatamtu bu’aa hedduun hingaltu. Waan qabdu, osoo hinsodaanne, bakka faaydaan itti argama jettu irratti dhangalaasi, akka qarshiin tee hortu taasisi. Qusannaan miliyeenara ta’uu akka hindandeenne ammumaa quba qabaadhu.
  4. Liqii bu’aa hinargamsiisne irraa daangeffamaa.
  5. Maallaqaaf bakka qabaadhaa. Don’a ykn bikila ta’i jechuu miti. Horii kee waan hintaneefi bakka hintaane irratti galaafachuun simararuu qaba, garuu.
  6. Maallaqni hinraftuu isinis hedduu hinrafinaa. Namni nirafa, niboqata. Maallaqni garuu hinboqattu, ija wolitti hinqabattu. Nibashannanaafis hedduu ufirraa hinbabbaatu. Kan jabaatee hojjatu, isa hujii jaalatutu yeroo heddu maallaqaan wolitti baya. Hiree irratti hedduu hinerkatin. Hiriyoota kee sammuun nicaalaa hindhaadatin. Hunda hujiin caalii mul’adhu.
  7. Hiyyumaan jiraachuun gadhee ta’uu beeki; ammas hiyyummaa qajeelatti jibbi. Osoo namoonni waa heddu wolitti qabatanii jireenya bay’eessa jiraatan, tokko tokko abdii murataa, harka guutummatti laataa jireenyaa gadadoo akka jireenyaatti fudhata. Hiyyumaa jibbinan, jabaattee hojjannaan wonti siif hindabarreef tokko hinjiru.
  8. Namoota fakkeenya isiniif ta’an barbaadaa. Kan hiyyummaa keessaa ka’ee duroome, namni ati beektu heddu hinjiruu? Isaan fakkeenya gaarii godhadhu. Jireenya isaanii irraas waa baradhu.
  9. Yoomuu hawwii guddaa qabaadhaa. Miliyeenara ta’uu nidanda’a jettee hawwuu usuu dandeettu, maaliidhaaf wonti kummaatama irratti ufdaangessituuf? Sammuun waan yaaddu, aabjuun waan agartu bira gahuu hinhanqattuu beeki. Kanaafuu, ammumaa hawwiifi aabjuu kee tolchi. Hirii gaarii hunda keenyaaf. Yaalii keessanitti milkaayaa!