Ummata Hammarreessaa irratti ajjeechaan suukkanneessaan raawwatame

Miseensonni Poolisii Oromiyaa kanniin ajjeefamanii fi madaayan keessaa tokko

Harar kaampii Hammarreessaatti tarkaanfii gara jabeenyaa woraanni fudhateen ilmaan Oromoo 8 wareegamaniiru. Madoo fi wareegamtoonni hedduun buufata fayyaatti guuramani jiru. Dubartoonni, qeerroo, qarree fi miseensonni poolisii Oromiyaa fi ijoolleenis wareegamanii jiru.

Harargee bahaa Hammarreessatti bifa kanaan dhiiga Oromoo jigsuun kan calqabaati miti. Lammaffaadha. Woraanni fi Jeneraalonni qabeenyaa ummataa saamuu baran ajjeesaa fi ajjeesisaa as gahan. Woyyaaneen dhiiga Oromoo dhiiga sareeti gaditti ilaaluu akkuma itti fuftetti jirti.

Ajjeechaa suukkanenessaa gayeen wolqabatee hanga ammatti ibsi Mootummaan Oromiyaa kenne hin jiru.

Wareegamtootaaf jannata, madoof fayyaa, akkasumas maatii fi firoottani isaaniif rabbiin jajjabina haa laatu!