Ummata beelaye miliyoona 10 oli du’a irraa hanbisuuf gargaarsa doolaara biliyoona 1.4 barbaachisa jedhame

Addunyaan nudagachuu hin qabdu jechuun kadhaa dhiyeesse MM Haylamaaram

Duumessi beelaa mataa Itoophiyaa irra jiru lubbuu lammii hedduu galaafatuuf deema sodaa jedhu cimatu jira. Mootummaan gara jalqabaatti balaa ummata irra gayaa jiru dhoksuu, akkasumas too’annaa keennaan ala hin bayu jedhaa odeessuu hujii godhatee ture. Amma garuu miidhaan ummata irra gayaa jiru hammaatuufii, waacufti harka mootummaatii ala bayaa jiraachuun ifa. Kana kan mirkaneessu, ‘Itoophiyaan dagatamuu hin qabdu,’ jechuudhaan kan MM Haylamaaraam Dassaalenyi hawaasa addunyaaf kadhaa nyaata hatattamaa dhiyeessuu isaati.

Balaa as deemaa jiru kana qolachuudhaaf Itoophiyaan biliyoonni $1.4 biyyoota sooreyyii irraa argachuu qabdi. sa’aa dhumaa irratti fiigichi kadhaa waan eegalameef itti milkaayuu isii tajjabdoonni ija shkkiitiin ilaalu. Ammas woldorgommiin kadhaa gargaarsaa Itoophiyaa fi biyyoota akka Sooriyaa jidduu jiru harka biyyoota waa arjoomaniis qal’isuun dubbatamaa jira.

Rakkoon beelaa inni bara kanaa roga lama qaba: nam-tolchee fi isa uumamaa. Irra caalatti maddi rakkoo kanaa nam-tolcheedha. Haalli El Nino rakkoo kana hammeessuun isaa ifa. Rakkoon ykn hir’inni guddaan kan jiru, garuu, mootummaa biya bulchu bira. Sababni isaas mootummaan balaa uumamaa kamiinuu rakkoon yoo lammii mudate dirqama woggoota muraasaaf ummata sooratuu waan qabuuf. Kunis kan ta’u irra jireessatti balaa gurguddaa uumamuu malu kamuu bifa qolachuun dada’amuun dursanii itti qophaayuudhaan: midhaan bitanii kuusuudhaa fi humnaa olis yoo ta’e gargaarsa itti gaafachuudhaan.

El Ninon balaa uumamaati. Garuu El Ninon akka kirkira lafaa ykn sunaamii waan osoo hin tilmaamne, dhufaatii isaa hin arginee ykn hin dhageennee uumamuu miti. Dirqamni haala uumama El Nino (qilleensaa hongeef sababa ta’uu malu) arguu guutummatti kan jiru mataa mootummaa irra. Waajjiroota qonnaa fi meetirolojiitti namoonni kan qaxaramaniif fi qotee-bulaa irraa gibirri sassaabamaa kan kaffalamuuf dhimmoota akkanaa duukaa bu’aa qotee-bulaa akka barsiisan, akeekkachiisanii fi hubachiisaniif.

Biyya mootummaan sirna qabuu fi ummata isaaf yaaddayu jiru keessatti wanti akkanaa tasa hin uumamu. Itoophiyaa keessatti woggaa tokkoof bokkaan dhabamuudha kan sanyii mancaasee ummata miliyoona heddu lafetti baasee, amma ammoo dhiibee dhiibee qarqara boollaa geesse. Ganna hedduufis bokkaan osoo dhabamee biyya heddu keessatti haalli kuni waan hin yaadamneedha- qophiin gayaan saahuu jira waan ta’eef.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo lammiilee miliyoona heddu mudate kanaaf kallattiin itti gafatamummaa qaba- fudhatee fudhachuu dhabaatee. Beelli lammiilee irra hubaatii sadarkaa kanaa geessisuun dadhabina mootummaatiin alatti waan biraa ta’uu hin danda’u. Maallaqa kiisa isaatii baasee, deeggarsa addunyaa irraa argamsiisee dirqamni ummata nyaachisuu kan mootummaati. El Ninotti quba qabaa dhugaa dhoksuu fi itti gaafatamummaa jalaa dheessuun hin danda’amu.  Kan motummaa ta’aniifis, barcuma oo’isuuf osoo hin taneef, ummata balaa akkanaa irraa tiksuudhaaf.

Sababoonni ijoon haala amma uumame kanaaf itti gaafatamummaa qaba jedhamuuf dhimmoota asii gadii irratti waan qormaata kufeef.

  1. Nyaataan ufdandeenneerra jedhaa ufii fi addunyaa gowwoomsaa waan turaniif
  2. Hiyyummaan cimaan biyya keessa jiraachuu isaa dhoksuu, oduu misoomaa isa sobaa hafarsaa turuu isaaniitiif
  3. Haala El Nino dursanii arguu dhabuu fi dadhabuu isaaniitiif.
  4. Rakkoon beelaa akka hin gabaafamnee fi ijji addunyaa hin argineef dhoksaa turuu isaaniitiif
  5. Erga rakkoon beelaa hamaan jiraachuun baramees too’annaa mootummaan ala kan bayuu miti jedhaa yeroo silaa sadarkaa rakkoo ibsuudhaan gargaarsa addunyaa irraa ittiin sassaabuun danda’amu akka galaafatamuuf sababa ta’uu isaatiif