Ummata beelaye du’a jalaa baraaruuf gargaarsa biliyoona $1.4 tu Itoophiyaa barbaachisa

Hanga Waxabajjiitti namoota miliyoona 15 tu gargaarsa nyaataa barbaada. Gargaarsi hanga ammaatti argame garuu doolaara miliyoona 167 qofa.

Mootummaan Itoophiyaa waa’ee misooma argamsiise jedhu hafarsuu qofa irratti bobba’uudhaan yeroo dheeraadhaaf sadarkaa rakkoo hongee fi beelaa biyyattii mudatee amanuu diduu isaaf qeeqamaa tureera, jedha gabaasni France24. Yeroodhaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa  laatuu  dhabuun rakkoo beelaa daran wolxaxaa taasiseera, akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (DMG).

Ummanni naannolee addaddaa( Oromiyaa, Somaalee, Afaar ) qonnaa fi horii isaanii erga dhabanii bubbulaniiru. Hanqina nyaataa irraa kan ka’e ijoollee fi haawwotiin dhibee garagaraaf kan saaxilamutti jiran ta’uu addeessa DMG. Sa’aa kanatti, beelli naannoo biyyattii heddu keessatti ummata miliyoona heddutti laakkayamu dhiibee-dhiibee qarqara du’aa geesseera. Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti gargaarsi hatattamaa hin argamu taanaan hanga Waxabajjiitti namoonni miliyoona 15 waan afaanitti fidan tokko hin qabaatan.

Ummata beelaye du’a jalaa baraaruuf maallaqani doolaara biliyoona 1.4 kan barbaachisu ta’uu mul’isa ibsi DMG yeroo addaddaatti kennaa ture. Hanga ammaatti hawaasa addunyaa irraa bifa gargaarsaan kan argame garuu doolaara miliyoona 167 qofa.

Rakkoon kuni bifa kanaan itti fufe taanaan namoonni miliyoonni heddu, keessumaayyuu ijoollee fi haawwotiin, du’a jalaa karaan ittiin miliqan kan hin jirre ta’uu agarsiisa ibsi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii. Itoophiyatti itti gaafatamaan Oxfam, Aymen Omer, gargaarsi hatattamaa dafee isaan dhaqqabuu akka qabu BBC’tti hime. Kuni hin ta’u taanaan wanti hundi too’annaan ala akka bayuuf deemu dubbate.

Gaaga’ama ummata irra gayuu malu, isa uumamaas ta’ee namtolchee, dursee arguudhaan ykn baruudhaan kan ummata balaa jalaa baraaruun irra ture mootummaadha. Itoophiyaa keessatti yeroo addaddaatti kan ta’u faallaa kanaati. Dursanii balaa dhufaa jiru arganii qophaayuu mitii erguma balaan uumameeyyuu dhoksuu fi sadarkaa isaa xiqqessanii dhiyessutu aadeffatame. Beela bara kanaa irrattis kan mudhate kanuma. Erga horii fi qonni ummata irraa galaafatamee ummanni beelaan lafetti jijjiiramee booda fiigichi gargaarsa wolitti qabuuf biyyaa fi biyya alaa keessatti godhamu bu’aa quubsaa argamsiisuun isa shakkisiisaadha. Gargaarsi yoo kan argamus ta’e erga namoonni heddu awwaalamani ykn lafetti geeddaramanii booda.

Uumamniinsa haala El Nino hanbisuun hin danda’amu ta’a. Dhufaatii El Nino fi balaa inni fiduu malu dursanii arguu dadhabuu fi, qophaayina barbaachisu godhuu hanqachuudhaan ummata balaa sadarakaa kanaaf saaxiluun dadhabina qofa osoo hin taane badii guddaadha. Kan hubatamuu qabu haalli qilleensa El Nino kan daawwate Itoophiyaa qofaa miti; guutuu addunyaati. Garuu kan beelayee qarqara du’aa gaye ummata Itoophiyaati. Egaa dhugaa kana jalaa miliqee bayuuf kan mootuummaan dheessuu fi ummatas dhamaasuu hujii godhateef.