Tarsiimoo cimaa fincila ittiin finiinsinuu fi umrii isaa ittiin dheeressinu nu barbaachisa

Shan-shanii Woyyaaneen ummataan xaxxe gara shan-shanii Oromoon Woyyaanee ittiin gaadi'uutti geeddaruu qabna.

Fincila ykn warraaqsa ummataa amma itti jirruun mootummaan Woyyaanee ni kufaa? Eeyyen. %100. Gaafii kan ta’uu qabu mootummaa kana guutummatti jilbiiffachiisuu fi harka kennachiisuuf kana booda Oromoo meeqatu kitimamuu fi hidhamuu qabaa isa jedhu qofa. Sammutti haa qabannuu: akka lubbuun Oromoo dabalataan darbituu fi lammiin hidhatti guuramuun Oromoof bari’aa fi bal’ataa;mootummaa Woyyaaneetti ammoo dhihaa  fi dhiphataa deemti.

Waan dhugaa kana mirkaneessu arguuf fagoo deemuu hin qabnu.  Hara’a Oromoon, jechuu qabsoo eegalee baatii sadi booda, boqonnaa haarawa keessa jirra. Biyaa fi biyyaan alattis mataa olqabataa, diinaan ammoo sodaatamaa jira. Injifannoon qabsoon hadhaayaan baatii sadiif geggeeffame nu gonfachiise heddu. Karoora mootummichaa isa yeroo dheeraa (saamicha lafaa) eebjuu taasise, qabsoon kuni. Qaamota mootummaa fi jala deemtuu hunda, sochiin Oromoo, fincaan fixachiise. Ajjeechaa, hidhaa, saamicha, dhiittaa fi gidiraa addaddaa yeroo dheeraadhaaf mootummaan Woyyaanee Oromoo irratti raawwataa tures kan qajeelatti ifatti baasee fi injifannoo diploomaasii kan nuuf argamsiise qabsoodhuma kana. Galanni gootota Oromoo jilbiiffatanii jiraachuu mannaa dhaabatanii du’uu filataniif.

Oromoon yeroo dheeraadhaaf qabsoo bifa garagraan taasisaa turuun ifa. Akkamitti garuu, sochiin inni ammaa kuni injifannoo kana hundaan nu gaye? Qabsoon inni kana duraa mash-lim ture. Woggoota 25 dabaran keessatti Oromoof ajjeefamuu fi hidhamuun waan haarawaa hin turre. Ta’us garuu, oduun mootummaan Woyyaanee ummata ajjeessuu fi gidirsuu ijaa fi gurra addunyaa biraa qajeelatti osoo hin geenne qabsichi dhaama ykn ukkaamfama ture. Ajjestee Woyyaaneen harka margatti haqatti; dhala Oromoo irratti yakka hojjachuu isii ija sooqiddaan miicattee waakkatti. Inni bara kanaa addda; gootummaa fi tooftaanis. Bara kana Oromoon osoma ajjeefamuu, hidhamuu fi shimala abbaa-irree dhadhamu; cichaa fi obsa sadarkaa ol’aanaatiin fincila isaa addaan osoo hin kutin baatii sadiif geggeessee qabsoo itti jiru ijaa fi gurra addunyaa bira dhaqqabsiise. Iccitiin guddaan kana. Kana boodas kan ta’uu qabu kanuma; saamichaa fi booyicha ganna 25’tti xumura laatuuf muranneerra yoo ta’e. Saba guddaa akka Oromoof salphinni akka gartuu yartuun, hangamuu hidhattuu fi garaa jabaattu, saamamaa fi booyaa jiraachuu tokko hin jiru.

Baatiin sadan dabran Oromoo fi Oromiyaaf kan gaddaas turte. Namoonni heeddu ajjeefamuun, qaama hir’uu ta’uu fi hidhamuun Oromoo biyyaa fi biyya ormaa jiraatus hedduuu boochise, gaddisiisee fi dallansiise. Mootummaan akkas garaajabaachuu fi guutttummatti ajjeechaa fi hidhaa irratti hirmaachuun madaallii kamiinuu mallattoo ciminaa miti. Dadhabinaa fi salphina sadarkaa ol’aanaati malee. Kan hunda ajaa’ibe, woraana bobbaasaa gocha suukkanneessaa daanga hin qabnetti dhimma bayanis, ummata nugaye jedhe ukkaamsuu fi manatti deebisuun hin danda’amne. Wanti hanga ammaatti mootummaan itti jiru, kan bishaan fudhate hoomacha qabata isa jedhamu. Woggoota hedduuf  dhiitamnee, saamamnee; ammas qabsoo kanarratti gootota heddu dhabnee, gatii qaalii kaffalleeti mootummaa kana akkas sochoosuu fi hafuura fixachiisuu kan dandeenne. Bifa kamiinuu Oromoon haafa mootummaan kuni itti rarra’ee dhidhimuu irraa ittiin uf baraaru laatuuf hin qabu.

Abbaa-irree, sanuu isa hedduu duruunfatee fi ajjeechaa aadaa godhate, woliin kan Oromoon falamutti jiru. Ajjeefamuu fi hidhamuun waan akka salphatti gutummatti hanbifamuu miti. Tooftaa addaddaatti dhimma baayuudhaan gaaga’ama lammii irra gayu hir’isuu fi umrii mootummaa Woyyaanee gabaabsuun ni danda’ama, garuu. Yeroo kanatti tooftaa fi tarsiimoo ciccimoo qabsoo keenna ittiin finiinsinuu fi mootummaa ittiin dhamaasnutti dhimma bayuun dhimma filannoo miti. Dirqama. Tarsiimoo cimaa baafachuun,hunda caalatti, qindoominaa, hirmaannaa fi quba wolqabaachuu gaafata. Kuni akkamitti dhugooma garuu? Eennutu hujii qabsoo kana addaddurummaan geggeessuu fi yeroo yerotti tooftaa haarawa baasuu irratti hojjata?

Qabsoon kuni kan Oromoo gabrummaa fi gadaantummaan, saamamuu fi haqa sarbamuun nagaye jedhee ka’e hundaati. Worri wareegaman, qaama itti dhabanii fi hidhaman bakka amma jirruun nu gayaniiru. Kana booda kan qabsoo tana funduratti dhiibuudhaan Oromoo bilisummaan gayuu danda’u nu worra lubbuun jirruudha. Addadurummaadhaan hujiin qabsoo kana finiinsuu, akkuma hanga ammaatti ta’aa ture, kan Oromoo Oromiyaati. Yeroo kana godhanitti wareegama guddatu kaffalame. Ajjeechaa fi hidhaan hammaachuun; shororkaan Oromiyaa fudhachuun tasa nu jilbiiffachiisuu hin qabdu. Imala eegalle kana irratti dhiignis dhangala’u, Oromoon mirga sarbame deeffachuu fi kallattii hundaan injifannoo gonfachuuf kan isaaf hafe waa xiqqoodha. Erga as bira geennee anniisaa fixachuu fi duubatti mucucaachuun gowwummaa ajaa’ibaati.

Woyyaanee uf haa fannistuu. Shororkaa, maqaballeessaa fi ukkaamsaa isii hin sodaannu. Manniin barnoota sadarkaa addaddaa maandhee fincilaa akka ta’anitti itti fufuu qabu. Barattoonnii yunivarsiitii fi manniin barnoota addaddaa, jiraattonni magaalotaa fi baadiyaalee Oromiyaa wolhubachuu fi quba wolqabaachuu, akkasumas woliif birmachuudhaan qabsoo kana funduratti dhiibuu qaban. Oromoon biyyaan ala jirus deeggarsa isaa ummata taankii Woyyaanee afoo dhaabatuuf bifa wolirraa hin cinneen godhuu qaba. Worri madaayee fi matiin irraa ajjeefame yoo dagatamuu hin qaban. Shan-shaniin Woyyaaneen ummataan xaxxe kana booda gara shan-shanii Oromoon Woyyaanee ittiin gaadi’uutti geeddaramuu qaba. Oromoon mooraa diinaa keessatti maaltu akka ta’aa fi yaadamaa jiru dursee beekuudhaan tooftaa gaaga’ama ittiin hir’isu baafatee socho’utu irra jira. Odeeffannoo waajjira tokkoo baye daqiiqatti guutuu Oromiyaa woliin gayuun salphaa ta’aa akka dhufe hubanna.

Fincila kana ukkaamsuuf wanti Woyyaaneen hin goone hin turre: Agaazii, taankii fi xayyaaratti dhimma baateerti. Hanga ammaatti hin milkoofne. Gara funduraattis, ibidda mana irratti gubaa jiru kana dhaamsuudhaaf humnaa fi meeshaan isiin hin bobbaafne hin jiraatu. Daran gubachuu fi gara boodaatti harka kennachuun isii hin hafu, garuu. Yeroodhaafis ta’u tooftaa geggeeddarachuudhaan fincila kana dhaamsuuf ijibbaata godhuu kan itti fuftu ta’uu isiiti kan hundi amanu. Keessumattuu, ijaa fi gurri addunyaa gara Oromiyaatti ta’uun isaa Woyyaaneen fincila ummataa daftee dhiigaan akka dhaamsituuf isii dirqa.

Qabsoon kuni ammatti qaxxaamura irra jira yoo jenne dhugaa ta’a. Torbaan muraasni nu fundura jiran Oromoofis ta’ee mootummaa Woyyaaneef yeroo murteessaadha. Kana booda qabsoon kuni torbaan muraasaaf itti fufnaan dubbiin tan biraati: nuti Finfinnee fi haqa teenna dhuunfachuutti dhiyaataa, Woyyaneen ammoo biyyaa fi saamicha irraa fagaataati kan adeemtu. Dhugaan kuni nuu fi Wayyaanee jalaas waan dhokatee miti.

Hawwiin hunda keenyaa qabsoon tuni tabba bayuudha. Imala gara tabbaatti goonu irratti gufuun nu afoo jiru Woyyaanee ta’uu yoomuu irraanfachuu hin qabnu. Kana kan jedhuuf gareen kuni, osoo addunyaan balaaleffatuu fi Oromoon ilkaan itti ciniinnatu, qabsoo kana dhigaan nu harkatti dhaamsuu ni malu. Hireen qabsoon kuni ukkaamfamuu dhibbeentaa shan ta’uu ni mala. Hujiin guddaan %5 (qaawwala) qilleensi ittiin nu seenuu malu sani duuchuu irratti fuulleffachuudha. Kana jechuun hundi namaa, keessaa fi alaa,  kan irratti hojjachuu fi dhiphachuu qabu akkamiin qabsoo kana finiinsina; akkamiin balaa mootummaan Woyyaanee irra geessuu malu jalaa baasna; akkamiin umrii isii dheeressina kan jedhu. Qabsoo woreegama guddaan har’a geette, kana booda gatii fetes yoo gaafatte, lubbuun jiraachisuu fi funduratti tankaarfachiisuun dirqama hundaati. Tooftaa fi tarsiimoo qabsoo tana miilaa fi anniisaa itti goonee funduratti ittiin geggeessinu kan uumuu qabu hunda keenna; bakka jiraannu, haala keessa jiraannuu fi namoota waliin jiraannu waliin ta’uudhaan. Ukkaamsaa fi doorsisaan hangamuu hammaatu, yoo bariin dhiyaattu ni dukkanoofti, qabsoo tana hanga Oromoon dudubaa fi dukkana keessaa bayutti dhiibuudhaaf waadaa woliif seenuu qabna. Kana godhuu dadhabuun injifannoo, akkuma bara 1991, harka nuseente akka qubbiin jidduun nu yaatuuf hayyamuudha. Kuni akka ta’uuf dhaloonni kuni hayyamuu hin qabnu.

Qabsoo eegalaa dhiisuun eessayyuu nu hin gessine. Rakkoo Oromoo barabaraafis adeemsi kuni fala kana jedhamu hin argamsiisne. Isa woggoottan dabree dhiisaa wareegamni hanga ammatti kaffalame heddu. Qabsoon akka haarawatti eegalle kuni, dhaabata taanaana, gumaa lammii ajjeefamanii hin baasnu; worra hidhame gadi hin lakkisiisnu; dukkana seenaa keessaas uf hin baasnu. Injifannoo hanga ammaatti arganne hunda nu harcaasisa, qabsoon kuni cafaqamuun. Injifannoon gama dippiloomaasiin argame xuuxamaa fi xiyyeeffannaan miidiyaalee addunyaa dhabamaa akka deemu taasisa. Dhiiroo bara kanatti Oromoon argataa dhabuu fi qabsaayaa moo’atamuu waan jedhutti xumura laatuu qaba. Kuni ta’uu dhabuun Oromoof kasaaraa guddaa; xurii seenaatis.

Injifannoo hanga ammaatti galmeessisnetti gammaduun waan tokko. Gaara bayuu eegalle malee fiixxee akka hin geenne yoomuu dagachuu hin qabnu; roobe, dudubaaye, dukkanaaye taanaan duubatti mucucaachuun jira. Hunda caalatti kan dagachuu hin qabne mootummaan Woyyaanee injifannoo dabalataa akka argannuuf hayyamuu mitii isuma argannee nu gachisiisuuf kan rafee hin bulle, kan yeroo fi qabeenyas hin qusanne ta’uuu isaati. Woyyaaneen hangamuu dhamaatu, ummata haqa isaaf falmatu kan moo’atu. Dafnee moo’achuu fi Finfinnee dhuunfachuun tarsiimoo fi tooftaa cimaan masakamuu gaafata, garuu.