Tankaarfiin gabaa, omishaa fi tajaajila Woyyaanee lagachuu guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jira

Tankaarfiin gabaa, omishaa fi tajaajila Woyyaanee lagachuu guyyaa har’aa guutuu Oromiyaa keessatti bifa cimaadhaan geggeeffamaa jira. Oromoo biyya keessa jiru hundaaf waamich kan godhame. Jiraattonni magaalaa Shaashamanne, Naqamtee, Haramaayaa, Amboo, Caancoo, Wolisoo, Awadaay, Asasaa, Buraayyuu, Inaangoo, Dodolaa, Gudar, Mogorii fi magaalota hedduu ganamumaa kna awwaatanii waamicha gabaa lagachuu kan hujitti geeddaran. Magaalota kanninitti guyyaa har’aa gabaan, sochiin daldalaa fi konkolaataa guuttummatti dhaabachuun isaa barameera.

Magaalota Oromiyaa heddu keessatti ummanni konkolaataa fi daldaltoota murtee ummataa fudhachuudhaaf rakkachaa jirani irratti tankaarfii cimaa akka fudhataa jirus gabaafameera.

tankaarfii magaalaa Cillimoo

Tankaarfii ummanni fudhateen sochiin daldalaa fi ummataa dhaabateera. Mootummaa Woyyaanees haalli kuni osoo hedduu hin rifachiisin hin oolle. Konkolaachistoonni Finfinnee irraa gara kutaa biyyaatti akka bobba’aniif dirqisiisaa jiraachuun isiis barameera. Konkolaataa Finfinnee irraa gara Oromiyaa deemu hunda keessa humna woranaa kaayuun isiis dubbatamaa jira. Haalli kuni yeroo konkolaataa Finfinnee irraa gara Oromiyaa dhufu dhaabsisan dargaggoon Oromoo uf eegannaa cimaa godhuu akka qaban kan mul’isuudha.