Talaalliin Iboolaaf fala ta’uu mala jedhame argame

Iboolaan kana booda carraa ufii jiraachuus, ta’e ilma namaa moo’achuu heddu waan qabu hinfakkaatu.

Eeyyen, dubbiin Iboolaa hangam biyyoota itti babal’ate gaddisiisee, kanneen fagoo jiran yaadaan dhiphisee akka ture beektu. Iboolaan hanga ammaatti dawaa aadaas ta’e kan hammayyaaf harka laatuu didee biyyoota heedu keessa akka fedhii isaatti burraaqaa ture. Amma garuu danbaliin fuula gara Iboolaatti waan garagalfatte fakkaatti, akka oduun har’a gama Atlaantik irraa gara addunyaa hundaatti tamsa’aa jirtu agarsiistutti. Yaaliin talaalliin Iboolaa nama irratti godhame bu’aa hedduu abdachiisaa ta’e argamsiseera. Kuni oduu Iboolaan tasa dhagahuuf hinfene, hinqophoofneedha. Nuuf, dhala ilama namaatiif, garuu oduu hedduu dansaa tokko.

Akka qorattoota Inistiitiyuutii Fayyaa Ameerikaatti [National Institute of health] talaalliin Iboolaa harka kennachiisa jedhamee, kana kana dura bineensota irratti yaaliin godhamee bu’aan argame, yaalii namoota irratti godhameenis bu’aan abdachiisaan argameera. Qorannoon dabalataa fi sagantaan talaallii kanaa dhuma woggaa kanaa ykn jalqaba bara 2015 irratti naannoo Lixa Aafrikaatti itti fufa.

Bu’aan qorannoo talaallii Iboolaa marsaa jalqabaa barruu ‘the New England Journal of Medicine’ jedhu irratti maxxansame. Oduun kunis kallattii heddu irraa gammachuun simatameera. Masaraan Obaamaas qorattoota kanniiniin baga gammaddan jedheera. Oduun kuni ummanni addunyaa cinqii keessa turef hara akka galfatu, qilleensa nagaa akka fudhatu taasisa abdii jedhutu jira.

Dawaan kuni kan hojjatame tattaafii Inistiitiyuutii Fayyaa Ameerikaa [NIH] fi kubbaaniyaa dawaa GlaxoSmithKline PLC woliin. Kanneen Iboolaaf dawaa argamsiisuuf dadhabaa, qorataa jiran ammas heddu.

Talaalliin Iboolaaf fala ta’a jedhamee abdiin irratti gatame kuni hanga ammaatti namoota 20f kennamee bu’aa quubsaa argamsiiseera. Akka bu’aa yaalii kanaatti, qaamni namoota talaallii kana fudhatanii humna ittisa isaa [immune response] hedduu olkaase. Namoonni kunniin fedhiidhaan talaallii kana kan fudhatan. Tankaarfiin itti aanu naannoo dhibeen kuni nama harcaasaa jiru, Lixa Aafrikaatti talaallii kana namootaa hedduuf kennuudha, akka ibsa qorattootaatti. Nutis qorattoota kanniiniin bu’aa argattanitti baga gammadan, kanneen cinqiin iboolaaf isin dhipphisaa tureenis baga hafuura fudhattan  jennaan.