Suuraa seenaqabeessa kabajaa ayyaana Ireechaa bara 1903 agarsiisu

Ayyaanni Irreechaa namoota seenaa Oromoo qajeelatti hinbeekne heddu biratti seenaa yeroo dhihooti kan qabu. Heduun isaanii kabajaan ayyaana Irreechaa waan dhufaatiii ABO hordofee dhufe kan itti fakkaatu. Kuni sirrii miti. Suuraan bara 1903 kaafame kuni , woggaa 112 dura jechuudhaa, bifa ragaatiin kan agarsiisu ayyaanni Irreechaa jaarraa hedduuf naannoo Bishooftuu hara Harsadiitti kabajamaa turuu isaati. Suuraa kana eenyu akka kaaseefi eessaa akka argame wonti ifa ta’e hinjiru.

Ta’us, kabajaan ayyaana Irreechaa dhiibbaa mootummoonni addaddaa aadaafi seenaa Oromoo irratti godhaa turan qajeelatti dandamachuu dadhabee sadarkaa dagatamuu irra gahee ture. Garuu, kufaatii dargii bara 1991 hordofee ayyaanni Irreechaa akka haarawaatti naannoo Bishooftuutti kabajamuu eegale. Ergasii kaasee kabajaan ayyaana Irreechaa, dhiibbaan guutumatti ka’eera jechuun hindanda’amu, yeroo yerotti guddataa dhufe. Yeroo kanatti namoota miliyoona heddutti laakkayamaniidha kan irreecha woggattai altokko kabajan. Irreechi Oromoota biyyaafi biyyaan ala jiraatan heddu biratti bifa oo’aa ta’een yeroo birraa kan kabajamu.