Sooranni naannoo Mediteraaniyaanii umrii namaa dheeressuu danda’a jedhame

Akk qorannoon haarofni mul’isutti, akka namoota naannoo galaana Medeteraaniyaaniitti nyaachuun hanga woggaa afurii fi wolakkaan umrii namaa dheeressuu danda’a. akka qorannoolee kanaatti umrii dheeressuuf kan sababa ta’u nyaata naanoo san qofatti argamu nyaachuu osoo hintaane, akka namoonni naannoo sanii nyaatanitti nyaachuudhaan- aadaa nyaata isaanii hordofuun.  Sooranni nannoo sanii irra jireessaatti kan qophaayu kudraa, fudraa, midhaan [garbuu, qamadii, ruuza, boqollaa], qurxummii fi zeeyta zeeytuunaa irraa. Nyaata kanniin heddumeessuun DNAf gaariidha.

 

Qorannoon ganna 20 dubartoota 4,700 irratti godhame kan addeesse nyaata ummata naannoo Mediteraaniyaan aadaa godhachuun qaama namaa keessatti wontoonni umrii dheerinaaf sababa ta’an [telomeres] akka dheerataniif haala aanjessa. Telomeres gaggabaabaa qabaachuun umrii gabaabinaa fi dhibeen jaarrumaan wolitti hidhata guddaa qabu. Koromosoomonni koodii DNA keenya kuusu. Telomeres odeeffannoon DNA irra jiru akka hinbanne ykn hindhabamne dhoorgu. Bifa kanaan egaa inni kuun kaan deeggaraa, ijaaraa akka dargageessa taanetti umrii dheeraa akka jiraannu kan nugargaaran.

Nyaanni naannoo Mediteraaniyaan fayyaaf faaydaqabeeyyii akka ta’aniidha kan qorannoon garagaraa yeroo addaddaatti agarsiise. Hedduun nyaata kaniinii naannoo keenyattis argama. Wonti gudaan nurraa eegamu, hanga nuuf aanjeen, aadaa soorata [style] keenyaa geeddaruudha. Jireenya dheeraa fi fayyaqabeessa jiraachuun hawwii hundaati. Hawwii san bira gahuuf ammummaa tankaarfii tokko tokko fudhachuun barbaachisaa ta’a.