Sochiin dachii Oromiyaa EPRDF/OPDO irratti  mana jigsuuf kan deemtu fakkaata

Qilleensi dimokraasii waaxiqqoma Itoophiyaa keessa osoo jiraatee garri OPDOn Oromiyaa keessatti ittiin injifatu tokko hinjiru, jedha Abdii Gammachuu (Oromiyaa irraa)

Hiriirri deeggarsaa tibbana ummanni Oromoo OFCf (Oromo Federalist Congress) laataa jiru ifatti kan agarsiisu, sagaleen isaa yoo hatame malee, hireen OPDOn/EPRDF Oromiyaa keessatti filannoo injifachuu hedduu dhiphaa ta’uu isaati. Ummanni hedduminaan bayee sagaleefi guddina hiriira OFC olkaasuun alatti, OPDOn akka waan manni bubbeen irraa diigamee kophaa dirree irratti akka haftu taasise.

Ummanni magaalaa Amboo, Shaashamannee, Naqamtee, Dodolaa, Ciroo, Jalduufi magaalota biroos kumaatamaan bayee deeggarsa OFC fi jibbaa paartii angoo irra jiruuf qabu ifatti akka agarsiisuuf kan isa dandeessise halli gaariin jiraatee miti; gootummaafi dammaqinaan ka’uuu isaati malee. Paartiin angoo irra jiru ummanni  waamicha OFC kabajee hiriira isaanii irratti akka hinargamneef tooftaa heddutti dhimma bayaa hiriira danquuf yaalaa turan- ammas ittuma jiru. Garuu waan milkaayaaran hinfakkaatu. Ummanni sodaafi sodaachisaa dalgatti jedheera.

Yeroo ganna 10 caaluuf mootummaan shan tokkoon ummata hidhee turuun isaa niyaadatama. Woggaa 10 booda adeemsi ummata shan tokkoon xaxuu kuni kan yeroon irra dabre fakkaata. Taajjabdoonni kan dubbatan guduunfaan shan tokkoo hedduu furachuu isaati. Garuu mootummichi kana qajeelatti quba kan qabu hinfakkaatu. Ummanni marsaa ‘shan tokko’  fi miseeensummaa OPDO maqaadhaaf qofa ykn dirqiin keessa jiraachuu isaanii kan dhugaa godhu waamicha OPDO dalgatti dhiisanii sodaa mindaa, maatiifi jiruu koo dhaba jedhu irraas ufbilisoomsanii gara waamicha OFC gugachuun isaaniiti. Agarsiisni kana caale hinjiru, OPDO dhaaf, kophaa isaanii jiraachuu hubachuuf. Akka isaan yaadan ummanni qaamaanis ta’ee sammuun woshaadoo isaaniitiin ala jiraachuu hubachuu danda’uu qaban. Shan tokko irratti erkachuun sa’aa kanatti bishaan irratti mana ijaarachuu irra waan abdachiisaa hinfakkaatu, mootummaaf.

Mootummaan woggaa 24f ummata biyyattii, keesumattuu Oromoo, bulchaa kan ture deeggarsaafi jaalalaan miti; sodaachisaa, doorsisaafi ukkaamsatti dhimma bayuudhaan. Ummanni woggoota 24 dabre keessatti ajjeefame, hidhame, biyya irraa baqate; gabaabamatti yoo doorsisaa wonti itti hafe tokko hinjiru. Dhugaan har’a keessa jirru kan agarsiisu ummanni sodaa waan jedhu dagachuu isaati. Namni itti haasaye tokko, ‘Manattuu du’aarraa. Ijoolleen teennas dhumaatuma har’a gayan. Baanee osoo mirgaafi sagalee keennaaf falmannu yoo duune woyya,’ jedhe. Jechi isaa haala qilleensa tibbaanaa kan akka gaaritti ibsu fakkaata. Ummanni OFCf deeggarsa laataaru miidhaa har’a jiruufi isa filannoo booda dhufu arguu kan dadhabe hinfakkaatu. ‘Nugaye. Wonti dhufu haadhufu,’ murteen namoota hedduu.

Dhugumatti jijjiiramni woyii dhufuun nimalaa? Namoota heddu keessa sanyiin abdii woyii, hangamuu haa xiqqaattuu, kan jirtu fakkaatti. Waamicha OFC awwaatanii baay’inaan bayanii Dk.Mararaafi ob.Bulchaa bira dhabachuun qofti abdii nimoo’annaa kana dhugaa godhuu hindanda’u, garuu. Filannoo bara kanaatiin injifannoo galmessuuf, hangamuu haaxiqqaattuu, yoo xiqqaate qabxiin ijoon lama guutamuu qabu. Tokkoffaan, guyyaa filannoo ummanni bayee sodaa tokkoon alatti OFC filachuu qaba. Inni lammaffaa ammo, sagaleen ummataa humna angoo irra jiruun saamamuu hinqabu. Tarii qabxii sadaffaa ta’uu kan danda’u, qilleensi filannoof aanjawaa ta’e, wobii nageenya ummataa,  guyyaa filannoo jiraachuu qaba. Qabxiilee ijoo kanniin keessaa tokko hir’ate taanaan, duruu waa cufti qarqara irra jirti, carraan OFCn mo’achuu al tokkoon gara zirootti gadi bu’a. Guutamiinsa qabxiilee hundaatiifuu tankaarfiin mootummichaa murteessaadha.

hiriira ofc jalduuGareen OFC injifachuun waan guddaadha. Sadarkaa biyyoolessaatti mitii Mana Mare Caffee Oromiyaa dhuunfachuun ykn teessoo gahaa argachuun mallattoo madaallii filannoo bara kanaati. Nama siyaasa Itoophiyaa hubatuuf garuu, kuni hundi waan ta’u hinfakkaatu. Ummatatu OFC hinfilanneef miti kan OFCn hinmilkoofneef. Filannoo arfan dabran irraa muuxxannon horatame hatiinsi ykn saamichi sagalee ummataa waan aadeffame ta’uu isaati. Hundi bu’aa filannoo bara 2005 akka gaaritti yaadata.

Paartiin angoo irra jiru EPRDF waaxiqqaatus qilleensi  dimokraasii jiraachuufi paartilee mormituuf dirreen filannoo diriiruu isaa ummata biyyaattiifi hawaasa addunyaatti agarsiisuuf hiriira hanga ammaa ta’aa jiru hayyamuun nimala- adeemsa tooftaa jechuudha. Kan hanga ammaatti ta’aa jirus kanuma fakkaata. Balbalti hiriiraaf banamte guyyaa filanoo hincufamtuuf wobiin tokko hinjiru. Hiriira hayamuu jechuun ummanni akka abbaa fedhu filatu hayyamuufi sagalee isaanii kabajuu jechuu miti. Dimshaashumatti, mootummaan EPRDF yoo injifatame angoo dabarsee laatuuf qophiidha wonti nama jechisiisu hinjiru. Muuxxannoon hanaga har’aa ture kan nuyaadachiisu ‘hoy hooyiin’ ammaa injifannoon waan wolitti hidhata qabu kan hintaane ta’uu isaati. Taajjabdoonni hedduun kan jedhan EPRDF angoo laatuuf mitii wolmorkii sona qabuu yeroon itti hayyamu fagoodha; tarii akka karoora EPRDF yoo ta’e kana booda woggaa 30 eeguuf dirqamna.

Bu’aan filannoo bara 2015 maal akka fakkaatuuf deemu hedduun namootaa hubatu; hedduu kanniin OFC deeggaraniifi hiriira irratti argamanis dabalatee. Yoo akkam arjoome EPRDF teessoo Mana Maree biyyoolessaa (paarlaamaa) muraasa dhaabbilee mormitootaaf gadi lakkisa. Teessoo 547 keessaa 1 qofa mormitutti darbuun hangam qaanessaafi oduu isaanii busheessaa akka ta’e worri EPRDF ammatti hubachuu hinoolle. Marsaa filannoo kanatti teessoon 15 ykn  55 paartilee mormitootaa harkatti kufuun nimala. Qilleensa siyaasaafi imaammata biyyattii irratti jijjiiramni inni fidu hinjiraatu, garuu. Ummanni yoo xiqqaate, akka yeroo 2005 – 2010 jidduutti ob.Bulchaan faati godhaa turan, nama aarii, gaddaafi gubata isaa isaaf dubbatu ni argata. Dhugaan siyaasa Itoophiyaas ammatti kanaa oli waan hayyamu hinfakkaatu. Kasaaraa amma Oromoon keessa jiru isa qajeelatti hubatuuf kunumtuu waan guddaadha.

Kaka’umsi, dammaqiinsi, gootummaafi murannoon Oromoon biyya keessaa, keessattuu dargaggoon , tibbana agarsiisaa jiran waan guddaa tokko ifatti argisiisaa jira- isa arguu barbaaduuf. Kunis sodaafi sodaachisaan mootummaa irraa isaan dhaqqabu kan manaatti isaan hinhanbifneefi fedhii jijjiiramaaf qaban kan isaan keessatti hinajjeefne ta’uu isaati. Kunis waa’ee tarsiimoofi tooftaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo isa gara funduraa waan dubbatu guddaa qaba. Injifannoon ykn bilisummaan kan dhuftu kennaa mootummaan osoo hintaane daran cimnee, ijaaramnee harka wolqabannee ka’uudhaan.

Mootummaan EPRDF karaa nagaan angoo akka hinlaanne duras beekama. Bu’aan filannoo kanaas kanuma irra deebi’ee mirkaneessuuf deema. Ta’us garuu, dammaqiinsiifi gootummaan ummanni agarsiisaaru kuni osoo OFCn daran kanarra cimaa ta’een ykn dhaabbota Oromoo ciccimoon biroottiin hoogganame ykn utubameera ta’ee dhoohiinsa inni Oromiyaa keessatti uumuu danda’u tilmaamuun kan rakkisu hinfakkaatu. Haala amma mul’ataa jiruun wolqabatee, filannnoo bara kanaa irratti, akka jalqaba yaadame Leencoo Lataafi ODF hirmaataniiru osoo ta’ee tarii sochiin Oromiyaa EPRDF irratti mana nigaragalcha ta’a. Qilleensa biyya keessa jiru wan beekaniif ta’uun nimala kan Leencoofi ODF irratti EPRDF balbala cufteef.

Kan hanga ammaa jiru argine, waan Caamsaa 24fi san booda ta’uuf deemu nu haa agarsiisu. Wolumaagalatti, sochiifi dammaqiinsi ummanni Oromoo biyya keessa jiru argisiisaaru kan hedduu dinqisiifatamuu qabuudha. Nuboonsitanii nuuf jiraadhaa!