Sirna ce’umsaa Afrikaa Kibbaa irraa maal baranna?

By Abdii F. Sabaa | Haalli qabatamaan amma keessa jirru seenaa Afrikaa Kibbaa akka xiinxallinuuf nu dirqa

Injifannoon harka nu seentee jirti. Hunda caalati ammoo kan jirru Finfinnee fi naannoo isiiti. Imala hafte malaan itti deemuun dirqama. Bilchina siyaasaatis. Kun osoo hin ta’in yoo hafe oofnee oofnee nagaa fi tasgabbii biyyatti jamjam naquuf deemna. Sirna ce’umsaa hunda hirmaachisuu fi yeroo gayaa isa barbaachisu nu feesisa. Mirqaanaa fi miiraan deemuun waa heddu nu galaafachiisa. Yeroon ce’umsaa yeroo abshaalummaan itti deemamuu qabuudha. Dogoggorri yeroo kanatti uumamu gara sirna abbaa irreetti nama geessa. Adeemsi sirriin yeroo ce’umsaa gara dirree bilisummaa fi misoomaati nama baasa. Kanaaf ragaa barbaadduu? Fagooo hin deeminaa. Itoophiyaa bara 1991 fi Afrikaa Kibbaa bara 1990 xiinxalaa.

Maandeellaan mana hidhaatii hiikamee Afrikaa Kibbaa keessatti filannoon dimokraatawaa fi sirni taayitaa wolirraa fuudhuu osoo hin geggeeffamne woggaan 4 darbe. Maandeellaan woggaa 4’f mootummaa woggaa 27’f isa hidhe woliin mari’ataa fi hojjataati kan ture. Sirna isa hidhe jala woggaa 4’f mitii baatii tokkoof jiraahcuuf nama meeqatu qophiidha? Maandeellati mudhataa kan ture aarii fi aangoo osoo hin taane hegeree ummata woggaa hedduuf dhiitamaa fi saamamaa tureeti. Tankaarfii Maandeellaan fudhatetti sabboontonni Afrikaa Kibbaa heddu dallanaa fi dachii dhiphisaa turaniiru. Seenaa qabsoo Afrikaa Kibbaa keessatis yeroon ummanni baay’een lubbuu itti dhabes yeroodhuma ce’umsaa kana. Gaafii sabbontota hedduu kan ture sirni gabroomsaan guyyaa tokkoof maaliif nurra turaadha. Barbaachisummaa sirni sun, mootummaa ce’umsaa jalatti, turuu yeroo sanitti kan hubataa ture Maandeellaa fi namoota akka isaa fageessanii wa arguu danda’an qofa.

Maandeellaa yeroo hidhaa hiikame bara 1990

Dhiibaan guddaan turus, Maandeellaan fundura biyyattiif sirni ce’umsa bilchinaan guuttame barbaachisaa ta’uu waan itti amaneef yaada isaa irratti cichee De Klerk akka presidaantiitti akka itti fufuuf hayyame. Dhugaadha, Afrikaa Kibbaattis ta’ee Itoophiyaa keessatti sirni gabroomsaan guyyaa tokkoofis akka namarra turu hayyamuun ni ulfaata. Garuu, cee’umsi sonaa fi sirna qabu, inni biyyattii miilaan daandii dimokraasii irra dhabu obsaa fi bilchina sadarkaa kanaa gaafata. Hoogganoota dantaa yeroo gabaabaa osoo hin taane isa yeroo dheeraa irratti xiyyeeffatan qofa kan ummataa fi biyyattii rakkoo keessa harkisanii gara dirree wolqixxummaa fi dagaaginaatti baasuu kan danda’an. Yeroo ce’umsaa yeroo fiigichi barcuma siyaasaaf godhamu hamaa itti geggeeffamuudha. Kuni ijaa fi qalbii hoogganootaa yeroon itti haguugu, akka hegeree biyyattii irati hin xiyyeeffanneef yeroon isaan dagu jira.

Nuti Oromooon gabrummaa jala woggaa heduuf turre. Ta’us garuu, woggaa takka kan mormitoonni hundi dhimma fundura biyyattii irratti mari’atanii fi qophii biyya bulchuu gayaa taasisan laatuun barbaachisaadha. Barbaachisummaan isaas ummatuma qabsaaye kana dimokraasii, tasgabbii, haqaa fi misoomaan kiisuudhaaf. Yeroon ce’umsaa kuni akka durii yeroo saamamuu fi dhiitamutiim miti. Anngoon guutummatti harka Oromooti kufuu baatus ummanni keenna hafuura baafata, barataa, daldalataa, injifannoo isas alanfataati kan jiraatu.

Yeroo ce’umsa kanatti wanti mormitoota hunda irraa hafu inni guddichi yoo jiraate aangoodha. Isaanis woggaa takka obsuu danda’uu qabu. Qophii gayaan maletti fiigichi mormitoonni woldursanii taayitaa qabachuuf godhan rakkoo heddu qabaachuu akka malus dagatamuun irra hin jiru. Jarraa tokkoo oliif dhiitamne, saamamne. Woggaa takka turuun, sanuu haala fooyya’aa amma jiru kana keessatti, waan hedduu rakkisaa ta’uu miti. Jaarraa gaddaa fi gad’aantummaatti naga jechuuf, isa bilisummaa fi badhadhinaa simachuudhaaf woggaa takka wareeguun hammeenya hin qabu. Obsaan aanan goromsaa dhuga Oromoon kan jedheef waa malee miti. Haa obsinu. Waan ta’aa jiru hundas qalbiin faanaa haa buunu.

Barreessaa  firasabaa@gmail.com qunnamuu dandeettan.