Senetaroonni Ameerikaa 13 labsii mootummaa Itoophiyaa balaaleffatu baasan

Daandiin eegalame kuni tooftaa ciccimaan utubame, dhaabbilee siyaasaa hundaan irratti hojjatame taanaan shakkii tokkoon maletti kan nugayu Finfinneedha.

Miseensonni senetii Ameerikaa 13 senetar Maarkoo Ruubiyoo (paartii R.) fi senetar Ben Kaardiin (paartii D.) durfaman wixinee labsii seeraa Itoophiyaan mirga namaa akka kabajjuu gaafatu dhiyeessan. Itoophiyaan humnatti dhimma bayuudhaan ummata hiriira nagaa bayan, gaazexeessitootaa fi dhaabbilee hawaasaa ukkaamsiti jedha wixineen labsichaa kuni.

Labsiin senetaroota Ameerikaan dhiyaate kuni gargaarsi mootummaan Ameeikaa Itoophiyaaf laattu irra deebi’amee akka xinxalamu Ministerri Haajaa Biyya-alaa Ameerikaa Joon Keeriif waamicha dhiyyeessa. Mootummaan Itoophiyaa affaan qawween ummata doorsisuu, ajjeesuu fi hidhuu akka dhaabu; akkasumas ajjeechaan hanga ammaatti raawwatame qaama walabaan akka qoratamuu fi kanniin yakka hoojjatan seeraaf akka dhiyaatan gaafata wixineen kuni.

Senetar Maarkoo Ruubiyoon, ‘Itoophiyaa keessatti namoonni nagaa mirga isaaniif dubbachuu qofaaf ajjeefamu, hidhamu, doorsisamu,’ jedhe. Itti fufuudhaanis, ‘Dararaa mootummaan Itoophiyaa ummata isaa irraan gayuu fi tuffii inni mirga dhala-namaaf qabu ni balaaleffadha. Bulchiinsi Obaamaa haala mirga dhala-namaa fi akkaataa fooyya’iinsa siyaasa Itoophiyaaf xiyyeeffannaa guddaa laatuu akka qabu gaafadha,’ jedhe. ‘Gara jabeenya humnoota tika nagaa Itoophiyaatti baay’ee rifadhe,’ jedhe senetar Ben Kaardiin. Kanniin maatiin irraa dhumeefis gadda isaa dabarseera, senetar Kaardiin.

Dhiigni Oromoo dhangala’uun, lammiin keenna kumaatamaan mana hidhaatti gatamuun hedduu keennaaf gaddisiisa ta’us, wanti abdachiisaan garuu dhiigni isaanii bilisummaa Oromoof bu’aa abadachiisaa argamsiisaa jiraachuu isaati.  Labsii fi balaaleffannaan garee senetaroota Ameerikaas qaamuma injifannoo kanaati. Yeroo dabres Paarlaamaan Awurooppaas labsii cimaa baasuu fi ergaa balaaleffannaa cimaa dabarsuun ni yaadatama.

Injifannoon, keessumattuu kallattii dippiloomaasiitiin, argamaa jiru kuni bu’aa dhiiga gootota Oromoo ufii du’anii saba isaanii jiraachisuu, ufii hidhamanii saba isaanii hidhaa gabrummaa keessaa baasuudhaaf muratanii gatii qaalii hanga lubbbuutti gayu kaffallaniin. Hawwiin isaani kan galma gayuu fi injifannoon kana caalu kan argamuu malu yoo qabsoon kuni osoo addaan hin citin daran babal’ataa fi anniisaa isa barbaachisu argataa deeme qofa. Kana godhuu irratti hangam hojjataarra, hirriba dhabaarra garuu?

Takkaa takkaa lubbuu Oromoo galaafatamtuu fi lammii mana hidhaatti dararamu irraa qabsoon Oromoo waan guddaa fayyadamuu qabdi. gatii xiqqaa kaffalaa bu’aa guddaan kan argamu yoo bilchini siyaasaa jiraate qofa. Kuni ammoo kan dhufu ijaaramuu, tarsiimoo fi hooggansa cimaan geggeefamuu qofaan. Kana dhugoomsuu irratti shoorri hoogganoonnii fi hayyoonni Oromoo taphatan guddaa ta’utu irra jira. Yeroo dargaggoon Oromoo lubbuu fi jireenya isaanii kennaa jiranii fi kennuudhaaf qophii ta’an kanatti hoogganoonni jaarmayaalee siyaasaa sa’aa, beekumsaa fi maallaqa isaanii qusachuun, akkasumas waan xixiqqoo irratti uflamaanii ilkaan walitti ciniinnachuun madaallii kamiinuu sirrii hin ta’u.

Ammas kan ifa ta’uu qabu, faaydaa qabsoo karaa nagaa, oduudhaan osoo hin taane, qabatamaan argineerra. Kallattiin kuni daran jajjabeeffamuu, xiyyeeffannaan isa babaachisu itti laatamuu, tooftaa addaddaan deeggaramuu, hunda caalatti milkaayinaa daandii kanaaf wareegamni barbaachisu kaffalamuu qaba. Daandii eegalame kuni tooftaa ciccimaan utubame, dhaabbilee hundaan irratti hojjatama taanaan shakkii tokkoon maletti kan nugayu Finfinneedhaan. Gurgurata wollaaltee gabaa abaartii irra turre hanga ammaatti!

Waan hunda caalatti hidhamaa, ajjeefamaa fi gidiramaa qabsoo tana xumuraan gayuuf hundi waadaa woliif seenuu qabna. Kuni taanaan gufuun nu kuffisu, humni daandii irraa numaqsu tokko hin jiru. Yeroo kamuu caalatti Oromoo dhaabate huni jilbiiffachisu tokko kan hin jirre ta’uu isaa baatii dabran qabatamaan nutti argisiisanii jiru. Osoo lubbuun jirru kana arguu danda’uu keennatti hundi gammaduu qabna.

Guutummaa labsii senetar Ruubiyoo fi Kaardin miiltoo PDF kana banaa dubbisaa.