Seektariin turizimii jeeqamuun isaa kasaaraa diinagdee dhaqqabsiisuu fi Woyyaanee sharafa biyya-alaa dhabsiisuun beekame

Fincila ummataa yeroo woggaa tokkoo oliif geggeeffamaa tureen wolqabatee seektariin turizimii Itoophiyaa haalaan jeeqamuun isaa beekame. Balaan seektarii turizimii biyyattii irra gaye kuni mootummaa Woyyaanee kasaaraa diinagdee guddaaf saaxilee jira.

Woggoottan kurnan dabran keessa laakkofsi namoota Itoophiyaa daawwatanii haalaan ol ka’aa dhufee ture. Seektariin turizimii mootummaa Woyyaaneetiif madda sharafa biyya-alaa guddaa ta’eeti kan ture. Akka fakeenyaatti bara 2015 namoota 910,000 Itoophiyaa daawwate. Baruma san keessatti Itoophiyaan turizimii irraa Doolaara Ameerikaa biliyoona 3.5 argattee turte. Galiin kuni qoodni seektariin turizimii diinagdee biyyattii keessatti qabu %4.5 taasisa.

Biyyattiin woggaa tokkoo oliif jeeqamuu fi naga dhabuun isii daawwattoonni gara Itoophiyaa deeman akka fedhii dhaban taasiseera. Daawwattoonni biyyattii daawwachuuf karoorafatanii turanis karoora isaanii akka haqaniif dirqisiiseera. Mootummoon worra dhihaa hedduun isaanii tasgabbii biyyattiin wolqabatee lammiileen isaanii gara Itoophiyaa deemuu irraa akka uf qusatan akkeekkachiisa laataa turan. Kunis namoonni gara Itoophiyaatti akka hin imalle taasiseera. Ammatti garuu, mootummaan Woyyaanee haalli biyyattii tasgabbaayuu fi nageenni bakkatti deebi’uu isaa ibsuudhaan daawwattoota hawachuudhaaf hirriba dhabutti jira.

Qabsoon Oromoo woggaa tokkoof taasifame seektara turizimii irra dhiibbaa buusuudhaan mootummaan Woyyaanee kasaaraa guddaa keessa akka seenuuf dirqisiiseera. Sochiin ummata kuni osoo addaan hin citin itti fufue taanaa Woyyaaneen dhiibbaan kallattii diinagdee fi dippiloomaasiin isii mudatu ni dandamatti jedhanii yaaduun hedduu ulfaataadha.