Sadarkaa addunyaatti duuti sababa dhibee daddarbaan dhufu gadi bu’e; umriinis 65.3 gara 71.5 ol ka’e

Umriin dhalanamaa jiddugaleessatti woggaa 65.3 irraa gara 71.5 olguddateera

Waan woggaa 20 dura ture irra, har’a ilmi namaa gadaa dheeraa jiraataa jira. Kunis waan duuti dhibee daddarbaafi dhibee onneetiin dhufan hedduu gadi bu’eef, akka qorannoon biyyoota 188 keessatti geggeeffame agarsiisutti.

Sababni du’aa biyyaa biyyaatti addaaddummaa guddaa qaba. Sadarkaa addunyaatti, garuu, duuti dawaa seeraan alafudhachuufi dhibee kaleetiin wolqabate dabaleera. Erga 1990 kaasee duuti dhibee kaansarii qaama salaafi kaansarii kalees dabaliinsa agarsiiseera. Gama biraan, biyyoonni hedduun du’a dhibee daddarbaan dhufan 83% (1990) irraa gara 51% (2013) gadi buusuu danda’aniiru. bifuma wolfakkaataniin duuti sababa dhibee kaansarii sombaafi kaansarii harmaatiin dhufanis wolduraa duubaan 9% fi 18% hir’inna mul’iseera.

Dhibeen lubbuu nama hedduu galaafate dhibee onneeti. Sadarkaa addunyaatti bara 2013 namoonni du’an 32% sababa dhibee onneen wolitti hidhata qabaniin.

Qorannoon kuni gamtaa qorattoota 700 ta’n kallattii addunyaa hunda irraa wolitti bahaniin geggeffame. Qindeessaan qorannoo kanaa Yunivarsiitii Waashingiton dha.

Qorannoon kuni sababni du’aa biyyoota guddataniifi daandii guddinnaa irra jiran wolfakkaatuufi wolfakkaatuu dhabuu isaa ilaalaniiru. Erguma jireenyi hawaasa biyyoota hedduu [Boliiviyaa, Nepaalfi Niijer] fooyya’iinsa guddaa agarsiisee boodas, ammas sababni du’aa kan biyyoota guddataniin [Jaappaan, Ispeenfi Ameerikaa] garaagarumaa qaba. Sababni du’aa biyyoota galiin hawaasichaa jiddugaleessa ta’e, isa kan biyyoota galiin hawaasichaa guddaa ta’een wolfakkaataa dhufeera.

‘Sababni dhaloonni har’aa du’aniif sababa maatiin isaanii kaleessa ittiin du’aniin wolitti hidhata qabaachuuf hindeemu. Heduun dhaloota har’aa gadaa dheeraaf jiraachuu, jaaruuf deemu. Kuni addeemsa gaariidha. Ummanni umrii dheeraa qabaataara waan ta’eef,’ jedhe Dk. Kiristoofar Mariin daayirektariin dhaabbata qorannoo kanaa.

Umriin ilma namaa, sadarkaa addunyaatti, jiddu galeessatti ganna 65.3 (1990) irraa gara ganna 71.5 (2013) olguddateera.  Haalli kuni akkanumaan itti fufe taanaan, bara 2030 tti dubartiifi dhiirri  woggaa 85.3 fi 78.1 wolduraaduubaan jiraatu jedhameeti kan eegamu. Umrii dheerinni rakkoo diinagdee ykn ba’aa basii wol’aansaa qaba. Kanaaf biyyoonni ammumaa imaammata rakkoo kana furu qabaachuu qabu, akeekkachiisa Dk. Mariin.

Aafrikaa biyyoota Saharaa gadiitti hir’inna du’aa mul’ateef sababa kan ta’e hir’atiinsa du’a sababa dhibee baasaa, sombaafi dayiinsan wolqabate irraa dufuun.

Sadarkaa addunyaatti sababa du’aa gurguddaa (2013)

  1. Ischemic heart disease (8,139,900)
  2. Stroke (6,446,900)
  3. Chronic obstructive pulmonary disease (2,931,200)
  4. Pneumonia (2,652,600)
  5. Alzheimer’s disease (1,655,100)
  6. Lung cancer (1,639,600)
  7. Road injuries (1,395,800)
  8. HIV/AIDS (1,341,000)
  9. Diabetes (1,299,400)
  10. Tuberculosis (1,290,300)

 Sadarkaa addunyaatti sababa du’aa gurguddaa (1990)

  1. Ischemic heart disease (5,737,500)
  2. Stroke (4,584,800)
  3. Pneumonia (3,420,700)
  4. Diarrheal diseases (2,578,700)
  5. Chronic obstructive pulmonary disease (2,421,300)
  6. Tuberculosis (1,786,100)
  7. Neonatal preterm birth complications (1,570,500)
  8. Road injuries (1,058,400)
  9. Lung cancer (1,050,000)
  10. Malaria (888,100)                                                Science Daily