Saayinsistoonni hantuuta qaruutee buufata qorannoo keessatti uumani

Saayinsistoonni hantuuta haxxee hantuuta hanga ammaa beeknu hundarra sammuu qabu uumuu danda’aniiru. Hantuunni ‘haarofni’ buufata qorannoo(laaboraatoorii) keessatti harka namaan tolfame kuni sammuu waayaadu, yeroo dheeraadhaf waayaadatuufi dhimmoota xaxamaa hiikuu qaba jedhameera- hantuuta uumamaan yoo wolbira qabamu.

Hantuuta kana uumuun kan danda’ame jiinii (phosphodiesterase-4B (PDE4B) hantuutaa isa uumamaa geeddaruudhaan. Jiiniin kuni kan argamu, namas dabalatee, bineensota dugugguraa hunda keessatti.

Qorannoon kuni kan geggeeffame hantuuta qofa irratti. Bu’aan jijjiirraan jiinii kanaa argamsiise ammaaf hantuuta qofa irratti. Ilma namaa keessattis jiinii kan geeddaruun tarii bu’aa wolfakkaataa argamsiisuun ni mala abdiin jedhu qorattoota biratti uumeera.

Qorannoon kuni nama irratti yaalamee bu’aa wolfakkaataa yoo argamsiise wol’aansa dhibee sammuu (Alzheimer fi  schizophrenia) fooyyessuu irratti shoora guddaa taphata abdii jedhu uumeera. Dhibeen sammuu kunniin dhibee hedduu waa irraanfachuuti- keessumattuu jaarrumaan wolqabatee.

hedduu nigeeddara. un abdii dhibee sammufi waa dagachuu heddummeessuu  hir’isuu irratti shoora guddaa taphachuu danda’a abdii jedhutu jira. Qorannoon kuniifi bu’aan inni galmesse abdii rakkoo dhibeen sammuu uumaa jiru furuu uumeera.