HomeFayyaa fi JaalalaFayyaa fi HawaasaSa’aa dheeraadhaaf taa’uun dhibee gosa addaddaaf nama saaxila

Sa’aa dheeraadhaaf taa’uun dhibee gosa addaddaaf nama saaxila

Sa’aa dheeraadhaaf, yeroo heddu, taa’uun ykn lafatti hidhamuun madda rakkoo fayyaa hedduuti jedhu qorattoonni. Qorannoon University Health Network kan mirkaneesse guyyatti sa’aa dheeraadhaaf taa’uun dhibeee hedduuf nama saaxila. Carraan namni sa’aa dheeraadhaaf taa’u dhibee onnee, sukkaaraa fi kaansarii saaxilamuu guddaadha. Kan jechuun yeroo dheeraadhaaf taa’uun umrii nama gabaabsa, gara du’aatti nama tirsa.

Gadaa tanatti jiddugaleessatti namoonni heddun wolakkaa guyyaa hujii irratti kompiitara fundura, manatti ammoo TV afoo yeroo dheeraadhaaf taa’uun dabarsan. Kuni sa’aa dheeraadha. Rakkoon guddaan, namoonni akkanatti taa’aa oolan kun yeroo hedduun sochii qaamaa kan hin goone ta’uu isaati. Namoonni sochii qaamaa godhanis waa xiqqoo godhu- sochii qamaa isan godhanii fi sa’aan isaan taa’uudhaan dabarsan tasa wolhingitu. Sochiin sa’aa taa’umsaan dabreen wolhinmadaalle qaama hinjajjabeessu, akka dhibee addaddaa ufirraa faccisu hintaasisu.

Guyyatti daqiiqaa 30f shaakalanii eegasii sa’aa san irraa hafe taa’uudhaan dabarsuun qaamaaf gahaa kan hintaane ta’uu dubbata hoogganaan qorannoo kanaa Dr. Deevid Alter. Itti dabaluudhaanis, Dr. Alter, guutummatti taa’uu irra guyyatti waa yartuus taatu shaakaluun akka barbaachisuudha kan dubbatan.

Rakkoo kanaaf furmaanni maal akka ta’uu qabu qajeelatti beekuuf qorannoon dabalataa barbaachisaa ta’uu isaa eeru, qorattoonni. Ta’us, namni tokkko sa’aa 12 keessatti sa’aa 2 hanga 3f sochii qaamaa xixiqqaa godhuun akka irraa eegamu gorsan. Keessattuu bakka hujiitti namoonni daqiiqaa 30 keessatti daqiiqaa 2 ykn 3f ka’anii dhaabachuufi waajjiru  keessa sosocho’uun faaydaa guddaa kan qabu ta’uu isaati kan dubbatan. Namni manatti TV ilaalus sa’aa meeqaaf osoo hinsochoone akka taa’aa ture hubachuudhaan mana keessa sosocho’uun kan irraa eegamu ta’uudha kan gareen qorannoo kuni akka fala yerootti eeran.

Admin
Adminhttps://www.walabumedia.com/
Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com
RELATED ARTICLES

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

- Advertisment -

Most Popular