Rakkoon sirni Woyyaanee keessa seene waan haaromsaan furmaata argatu hin fakkaatu

By Harun Hassen

Gamaaggama yeroo addaddaatti godhaniin angawoonni Woyyaanee kan irra gayan namoonni angoo irra jiran mootummaa dantaa dhuunfaaf (diinagdee fi taayitaa) oolfachuu isaaniiti. Rakkoo kanaan paartiin isaanii hudhamee qabamuus dubbatu. Kan nama raaju garuu, waan rakkoodha jedhan tarreessuudhaan alatti yeroo rakkoo bal’inaan mul’atu kana sirreessuudhaaf tankaarfiin cimaan fudhatamu hin mul’atu. Rakkoon kan jiru muummee irra. Harki angawoota gubbaa irra jiranii hundi xurii cubbuu fi hannaan laaqameera. Rakkoo kana irra aanuudhaaf namni tankaarfii fudhatuu fi kan tankaarfiin irratti fudhatamu kan dhabameef kanaaf. Hundi wolsodaatu. Hundi woleeggatu. Hundi gandaa fi dantaa ufii tikfatu. Haalli kuni rakkoo cimaa, xaxaa Woyyaaneen keessaa hin bane uumeera, jedhu taajjabdoonni.

Woyyaanee keessa sagaleen lama akka jiruudha kan yeroo dheeraadhaaf dubbatamaa ture. Gareen Itoophiyaan akka jirtu kanatti akka itti fuftu barbaaduu fi garee jijjiirama fiduun filanno osoo hin taane waa’ee jiraachuuti jedhu. Gareen jalqabaa akka irreen biyya dhuunfatetti itti fufuu hawwa. Garee kanatti dallansuu fi dararaan ummataa hin mul’atu. Itoophiyaa keessa, gareen kuni, rakkoon diinagdee, siyaasaa, bulchiinsa gaarii fi dimokraasii tokko hin jiru jedheeti kan dubbatu.  Gareen kuni, akkuma bubbulaa deemuun, biyyattii akka qabeenya dhuunfatti kan fudhata. Dantaa isaa tikfachuudhaaf hanga dhumaatti falmata. Gama biraatiin, mootummaa Woyyaanee keessa sagaleen qal’oon daandiin qabanne nu hin baasu, laga nu hin ceesisu jedhaa iyyitus jirti. Yeroo qabsoon biyya keessaa finiintetti sagaleen garee kanaa dabaltee turte. Gareen kuni laakkofsaan heddummaataa, akkasumas yaadaa fi qeeqni isaanii, hanga tokkos yoo ta’e, gurra dhagayu argataa dhufee ture.

Erga Komaand Poostiin (afaan biraatiin daangaan maletti ajjeechaa, hidhaa fi doorsisuu jechuudhaa) biyya dhuunfate madaalliin humnaa fi qilleensi mooraa Woyyaanee keessa ture geddaramaa dhufuu isaati, kan keessa beektonni dubbatan. Sagaleen garee haaromsaa-haaromsaa jedhuu ni qal’ate. Worri humnaa fi ukkaamsatti amanu irree fi abdii godhate. Mooraa garee irree fi ukkaamsatti amanu biratti sodaan ummanni nu balleessuuf deema jechu hir’ataa fi abdiin kana boodas woggaa 30 Itoophiyaa ni bulchina jedhu guddataati kan dhufe.  Doorsisuu fi ajjeesuun kan ummata harka kennachiise itti fakkaata, garee kanatti. Gareen kuni cimaa dhufuun, yeroo dhiibbaan ummataan biyyattiin boqonnaa haarawa seenti jedhamee abdatame kanatti, biyyattiin bakkuma dur turtetti gogdee akka haftuuf kan dirqisiise fakkaata.

Mootummaan kana, keessummaayyuu garee haaromsaa gosa kamu afoo dhaabatutti, dhugaan biyyi keessa jirtu itti hin mul’atu. Worri rakkoo arganis, tuffii ummataa qaban waan ta’eef tanakarfii fudhachuuf wanti hirriba isaan dhoorgu hin jiru. Kanaaf tankaarfii sirrii fudhachuudhaaf yeroo hunda kan rakkatan. Akkuma hundi arginu yeroo lubbuun itti dhuftetti marii geggeessina, jijjirama taasisna jedhaa odeessaa turan. Lafa wanti bu’e tokko hin jiru, garuu. Yeroo bitachuuf tooftaa diriirfame malee waan onnee irraa yadamee waan hin turreef.  Sa’aa kanatti, akkuma baratame, duubatti mucucaachutti jirti Woyyaaneen.

Hundi kan hawwu, kan lubbuu fi qabeenya woreeguuf, jijjiirama dhugaa arguudhaaf. Hawwiin ummataa hanga ammaatti hin guutamne. Woyyaaneen nagaa fi tasgabbii buusti, mirgaa fi haqa kabajsiisti, bulchiinsa gaarii argamsiisti wanti jedhu tasa waan hin fakkaanne. Jijjiramni kamuu kan dhufuu malu yoo ummanni mootummaa kana dirqiidhaan barbadaa ibiddaa qabachiise qofa. Kuni kan dhugoomu qabsoo itti fufiinsa qabu qofaan.

Barreessaa karaa harun2has@gmail.com qunnamuu dandeettan