Rakkoon jaarmayaalee siyaasaa hudhee qabate ganda aktiivistoota Oromoos quphate

Dirree abbaan murtee hin jirretti aktiivistoonni yoo gadi lakkifaman akkuma fedhanitti goolii wolitti galchu; bakka lamaa saditti wolqoodaa wolbutuchu. Nuti Oromoon abbaa murtee akka taane hubachuu yoo rakkoon uumamu tasgabbeessuuf hojjachuu qabna.

Yeroo Oromoon tokkummaa jaarmayaalee siyaasaa gaafataa fi eeggataa jiru kanatti aktiivistoota keenna jiddutti yaadaan wolitti bu’uu fi gargarbayuu dhagayuun hedduu nama rifachiisa. Hunda caalatti garam imalaarra nama jechisiisa. Tokkummaa jaarmayaalee iddoo deeman hundatti hafarsaa garuu ufii wolcaccaabuun aktiivistootaa, akka ilaalcha kootti, abshaalummas, hayyummaas miti. Isaan maal akka jedhan isaanumatu beeka.

Aktiivistoonni kenna waan arganii fi dhagayan, yookaan aabjuu isaanii nutti haa himan miti Oromon kan hawwu. Hamilee Oromo kaasuu fi qabsoo tana fuullessuuf namoonni dandeetii ciccimaa qaban, garee cimaa Oromoon abdatuu fi diinni yoo argu rifatu, uumanii socho’utu isaan irra ture. Kana godhuuf dirqama woljalaachuus hin qaban ture. Garuu isaan waljaalchuus ta’ee garee cimaa uumanii woliin hojjachuu hin feene ykn hin dandeenne.

Oromoon dayaaspooraa, adda durummatti jaarmayaaleen siyaasaa, tokkummaa afaanii malee isa dhugaa ammaatti hin arganne. Yaalii tokkuumaa dhugaa uumuuf taasisuttis hin milkoofne. Tokkumma argachuu fi balbala bilisummaa fundura dhaabachutti akka bara kanaa kaloofnee hin beeknu garuu. Yeroo waan cufti abadachiisaa ta’aa dhufan kanatti qaawaalli gara duubaan nutti baname; wanti hunda rifachiisu aktiivistoota keenna irraa argame. Akkuma barame dogoggorri gufuu wol-afotti tarreessuu fi wolkuffisuu itti fufee jira. Hunda caalatti kan nama gaddisiisu, namoota tokko tokko abdii kutachiisuu, hawwii fi murannoon hoogganoonni ykn qaroon Oromoo tokkummaa dhugaaf qaban mormaa ol ta’uu isaati. Jaarmayaan ykn hoogganni fedhiin tokkummaa dhiiga isaa seente, yaaddoon tokkummaa dhabuu hirriba dhabsiiste jiraachuu isaa gama kootiin erga shakkuu eegalee bubbuleera. Aktiivistoonni keenna obsa wolii fixachuu fi dirree irratti bayanii dhagaa wolitti darbachuun jarreen teenna bakka eegaa turre irraa fagoo dhaabchuu fi gama nu hoogganuutiin hir’ina gurguddaa qabaachuu nutti agarsiise. Kan Oromoo raajiidha!

Tokkummaa hoogganootaa isa Oromoon hundi (xiqqaa gudddaan) hawwuu fi aabjatu kana maalumatu dhugaa ta’uu isa hanqise? Maalumatu tokkummaa Oromoo duumessa bonaa taasise? Kanaaf deebiin, fedhii fi murannoo ol’aantummaa wolirratti mudhifachuufi, mootummaa anaa fi isin  irratti mirkaneeffachuun alatti, bitaa fi mirgas ilaalee sababa biraa arguu dadhabe. Yoo arbi woldhiitu kan jiddutti miidhamu marga jedhama. Fiigicha wolmoo’achuu fi ol’aantummaa wolirratti gonfachuuf jaarmayaaleen siyaasaa fi aktiivistoonni keenna godhaniin Oromoon yoo miidhamuu fi qabsoon isaa yoo akkas danqamu arguu caal wanti nama madeessu hin jiru. Abdii hin kutannu garuu.

Xayyaarri nama 200 baadhatu balaliisaa lamaa fi gargaartota biraa qabatee socho’a. Qabsoon Oromoo tan abdiin ummata miliyoona 40 irratti rarraate hangamuu haa beekuu, haa hayyoomuu; ammas hangamuu haa qaroomuu gareen tokko (sanuu namoonnummaan wolbeekanii fi wolitti kalaayan ijaaraniin) geggeessuu hin danda’u. Oromoo duduba jaarraa hedduuf itti badee keesaa gareen tokko qofti harkisee hin baasuu. Ammas namni tokkoo lamni qabsoo xaxamtuu tana gara xumuraatti hin furguggeessu. Milkaayinni qabsoon tanaa deeggarsa nama baratee miti kan hin barannees, isa firaa mitii yoo argame kan alagaas nu barbaachisa. Qabsoo tanaaf namni hundi akka waa gumaachu taasisuu fi haala mijeessuu nu feesisa. Yeroo qabsoo hadhaayaa geggeessinu kanatti namni tuffatamuu fi yaanni dalgatti gatamu jiraachuu hin qabu. Ammas gareen ykn namni tokko qabsoo xaxaa hedduun gaadi’amte tanatti xumura ni godha aabjuu jettu keessaa bayuu qabna.  Dhugaan jirtu, fudhachuudhaaf qophoofne taanaan, hundi karaa danda’amuun qabsoo tana keessaa qooda fudhachuu fi irratti hirmaachuu; hayyuun beekumsa, sooressi maallaqa keessa buufachuu qaba.  Kuni akka dhugoomuuf hooggana wori ufiin jedhan namoota simachuuf harka badhisuu fi haala hunda mijeessuu qabu.

Sa’aa kanatti diinni yaadaa fi gorsa beektota isaa hunda wolitti qabataa, faranjiis maalaqaan bitataa, qabsoo Oromoo akkamitti dhaamsinaa irratti halkan fi guyyaa mari’ata. Nurra aanuudhaaf tarsiimoo addaddaa baafata. Nuti Oromoon kan itti jirru anatu beeka, anuu ni gayaa fi tiyya malee hin taatuu irra. Ganna 25 rakkoo kana keessaa turrus ammas achii bayuu dadhabuun keenna baay’ee nama gaddisiisa. Qabsoo Oromootti xumura laatuuf beekumsaa fi muuxxannoon murna tokkoo gayaa miti. Amalli qabsoo geggeessinuu fi Woyyaanee beekumsa fi muuxxanoo hayyoota Oromoo hundaa wolitti fiduu gaafata. Tarsiimoon ciccimaa fi tooftaa gabbataan ittiin diina moo’annu kan madduu qabu sammuu hayoota Oromoo heddu keessaa malee yaada namoonni muraasni burqisiisaniin miti. Sababni isaas yaadaa fi tooftaan siyaasaa nama muraasaa, madaallii kamiinuu isa hayyoonni heddu yeroo fudhatanii, irratti mari’atanii maddisiisan caaluu hin danda’u. Kan nu baasu hayyoonni yaada addaddaa irratti mari’achuu fi isa caalmaa qabu iftoominaan fudhachuu qofa.

Ummanni qaroo meeqa qabu ija takkaan wanti tiratuufis hin jiru. Qabsoo tana irratti raayyaa hayyootaa bobbaasuun hawwii hundaati. Waan akka salphatti ta’uu miti garuu. Sababni isaas woliin hojjachuu mannaa woldiinsuun, wolkabajuu irra wolxiqqeessuun, qooda qabsoo woliif hiruu mannaa kan dhuunfaa taasifachuun, iddoo woliif laatuu irra bakka woldhabsiisuun, wolhirmaachisuu mannaa dhiibanii wolbaasuun waan aadeffatamaa dhufeef. Yoo kana hunda goonu alagaan akka nutti kolfuu fi nu tuffatu jaarmayaalee fi aktiivistoonni keenna?

Hundi aktiivistoota Oromoo uf kennaniiti kan hojjatan. Hundi gahumasa fi dandeettii cimaas qabu. Namoota beekumsaan wolgitan jiddutti addaaddummaan yaadaa yoomuu ni dhalata. Rakkoo kana kan furu woldhagayuu fi wolkabajuu: akkasumas kaayyoo guddicha socho’aniif irraa ija kaasuu dhabuudha. Qabsoo Oromoo keessatti hoogganootaa fi aktiivistoota keennaa mitii namni guyyaa tokkos waa hojjate kabajaa isa barbaachisu argatuu fi maqaa isaa galmee seenaa keessa buufatuu qaba. Nama Oromoof hojjatu gaafa nutti tole ol kaasna, gaaf waa hirátan ija balleessina, mataa cabsina.  Kunis hafuu qaba.

Qabsoon xaxaa heddu fi diina Woyyaanee fakkaatu qabdu hubannoo fi murannoo namoota muraasaan fiixa akka hin baane amanuu fi fudhachuu qabna. Dhugaanis danqamtu, namna keenna jennuuf harka rukunna. Kuni sirri hin turre. Kan godhuun nurra ture fi jiru hayyoonni Oromoo (jarmayaalee fi aktiivistoonni) osoo hin jaalatin, dirqiin woldanda’anii woliin akka hojjatanniif dhiibbaa barbaachisu hunda godhuu qabna. Namna nama keenna jenneuu duruunfannee harka rukutuun sabicha jaalannu dukkanatti dhiibuu akka taé hubatamuu qaba.

Oromoo waa diinsuu fi waa xiqqeessuu haa dhiisnuu. Nama guyyaa tokko nu deggare galateeffachuu, isa nuuf hojjatu ammachuu qabna. Yaadaan woldhabaniif qofa kabajaa wolirraa mulquun hafuu qaba. Bal’inaan mari’achuu fi yadaan, dhugaa fi ragaa irratti hundaayanii, wol’afoo dhaabachuu irraa tasrsimoo fi tooftaan gabbataan madda. Tooftaa fi tarsiimoo gabbataa maddisiisuu hundi hin dandaú. Kanaaf hayoonni kenna yoomuu caalatti kan nu barbaachisaniif.

Wanti qabsoo tanaaf faaydaa hinqabne yoo jiraate yaadaan wol afoo dhaabachuu osoo hin taane waanuma hunda irratti harka woliif rukutuudha. Yaanni gabbataan kan maddu marii fi yadaan wol-afoo dhaabachuuu irraa malee cal jedhanii harka wolii rukutuun miti. Waanuma hunda irratti tole jechuu fi harka wolii rukutuun rakkoo gudddaadha. Har’a, qabsoo itti jirru akka lafarra harkifattu ykn fashaltu taasisa. Boruuf ammoo aadaan gadheen hidda isaa akka nukeessatti gadi fageeffatuuf haala mijeessa.

Jaalalaa fi fedhiin osoo hin taane, hawwiin qabsoo Oromoo bakkaan gayuu hunndi akka woliin hojjataniif dirqa. Namoonni beekumsa qaban waa heddu nu gaafatu, yaadaanis nu afoo dhaabatu; kuni rakkoo hin qabu. Yaanni gabbataa fi tooftaan bilchaatann kan maddu bifa kana qofaan. Anatu caalaa fi tiyya malee hin taatuun ganda jaarmayaa fi aktiivistoota Oromootii baduu qabu. Woyyaanee irra aanuu kan dandeennu irree Oromoo tokkoomee fi sochii aktiivistoota gamtoomeen. Kun akka ta’uuf dhiibbaan Oromoo barbaachisaadha. Dirree abbaan murtee hin jirretti aktiivistoonni yoo gadi lakkifaman akkuma fedhanitti goolii wolitti galchu; bakka lamaa saditti wolqoodaa wolbutuchu. Nuti Oromoon abbaa murtee akka taane hubachuufi yoo rakkoon uumamu tasgabbeessuuf hojjachuu qabna.