Qormaanni kutaa 12ffaa bayuun hujii boonsaa fi seena qabeessadha

Qabsoon Oromoo sadarkaa kana gayuu isaatti baga gammaddan!

Qormaanni kutaa 12ffaa bayuu isaatiin ministerri barnootaa qormaanni har’a eegalame akka addaan citu taasiseera. Qormaanni kutaa 12ffaa bayuun isaa firaa fi diinaafis wanti mirkaneesse yoo jiraate Oromoon hundi kallattii maraan qabsoo irra jiraachuu isaati. Waan akkam nama boonsu!

Sadaasaa 2015 eegalee barattoonni Oromoo gaafii mirgaa gaafataa turan. Gaafii mirgaa gaafachuu isaaniitiif kan isaani mudate ajjeefamuu, hidhamuu fi barnoota irraa ari’amuudha. Barnoonni godinoota Oromiyaa heddu keessatti yeroo dheeraadhaaf kan addaan cite. Iddoon barnoonni addaan  hin cinnee fi erga addaan citee booda deebi’ee eegalameettis yoo ta’e, barattonni barataa osoo hin taane humna Agaaziidhaan doorsisamaa fi tikfamaati kan turan. Manniin barnootaa qilleensa baruu fi barsiisuuf mijaataa hin turre; duumessa sodaa, gaddaa fi reebamuu jala kan turan.

Barattoonni Oromoo kanniin du’a miliqan hidhamuu fi doorsisamuu baqataati malee tasgabbiidhaan qormaataaf qophaayaa miti kan turan.  Ijoollee haala kana keessa turan gara qormaata biyyoolessatti dhiibuun dhimma itti gaafatamummaan hin qabne ta’uu bira dabreeboolla itti kufan namaaf qotuudha. Nama hallayyaa irra dhaabate darbuun wanti adda isa godhu tokko hin jiraatu. Diina malee kan kana namarratti hojjatu eennu? Diduun keenna kan nu boonsu, garuu.

Dhugaan kuni, haalli Oromiyaan baatii hedduuf keessa ture, eennuunuu jalaa waan dhokatee miti. Kanaf kan yeroon qormaata kanaa akka geeddaramu gaafiin kallattii hundaan kan dhiyaataa tureef. Gurri dhagaye ni turee? Tokkollee.  Garuu, akkaa waan dhugaan kuni isaan jalaa dhokatee mootummaan Federaalaa fi Oromiyaas gaafii maatii barattootaa fi Oromoo bal’aa irraa isaanitti dhufaa ture tuffatanii fi miilaan irra ijjatanii qormaanni akka karoorfametti akka itti fufu murteessan. Yeroo tuffiidhaan murtee kana irra gayan amantaan isaanii isuma duriiti: Oromoon akkuma kana durii murtee keenna amiin jedhee fudhata, hadhaayus kan nuti marqine ni nyaata kan jedhu. Oromoon baay’ee funduratti tankaarfachuu fi isaan iddoodhuma durii dhaabachuu isaanii hin barre. Yoomuu waan baran hin fakkaatu. Osoma dhaabatanii mugan kan galaanni Oromoo isaan fudhatu.

Duruu Oromoon ufii isaa rafe malee Woyyaanee baatii takkatti gegegessuu ni danda’a ture. Beekumsa, abshaalummaa fi siyaasaan dhiisii sabni kuni yoo na gaye jedhe taankfii fi xayyaarri saba kana jilbiiffachiisuu fi harka kennachiisuu hin danda’u. Qormaanni kuni bayuun kanaaf ragaa tokko. Wanti erga Sadaasaa ta’aa jiru waan hedu nu hubachiise; irreen saba kanaas heedduu cimaa ta’uu nutti argisiise. Kan dhaabatetti hin fe’amu jedham. Oromoon waan diinni deemuun fedhachuu fi ba’aa alagaa baadhachuu dideera. Hujiin hanga ammaatti hojjatame hedduu nama boonsa. Kan kana caaluuf, kana itti aanuuf uf qopheessaa! Galanni gootota kufaniif haa ta’u.