Qorannoo: Namoonni umriin 40 – 70 jidduu jiran woggaa 5 keessatti hiree du’aafi jiruu isaanii gargar baafachuu nidanda’u

Qorannoon saayinsistoota Siwiidiniin jiraattota UK irratti geggeeffame ifa kan taasise namoonni umriin ganna 40 - 70 jidduu jiran woggoota shanan dhufan keessatti kan du'aniifi kan jiratan ta'uu isaanii tilmaamuu nidanda'u jedha

Fayyaa qabaachuufi hir’achuu hedduun keenya ufbeekna. Irra deddeebi’aa dhukkubsachuun agarsiisa duuti dhihaachuu ta’uus hubanna. Kan dhukkubsate hundi nidu’a jechuus miti, garuu. Hangamuu dhibaman, siree irratti hafan, guyyaa du’an beekuun kan hindanda’amne ta’uu isaati kan hundi namaa amanu- ogeeyyii fayyaas dabalatee.

Amma garuu, silaafuu wonti saayinsiin hinfinne hinjiruu, qorannoon haarofni hubannaa keenya isa hanga ammaa ture jijjiiru ykn foddaan darbu asbayeera. Qorannoon kuni kan jedhu, namoonni umriin 40 – 70 jidduu jiran woggaa shanan dhufu keessatti du’uufi jiraachuu isaanii beekuu nidanda’an jedha. Kuni qophii barbaachisu, dhaamannaafi dhaalas dabalatee, godhuuf gaarii hin ta’uu laata?

Namoonni umriin 40  – 70 jidduu jiran du’aafi jiruu isaanii kan addaan ittiin baafatan mana yaalaa dhaqanii ykn qorannoon addaa, dhiigaafi kan kkf, isaan irratti godhamee miti. Bakki quphannaa isaanii woggoota shanan dhufan keessatti eessa akka ta’e, dachii irra moo keessa, addaan baafachuuf gaafii 11 ykn 13 deebisuu qofatu isaan irraa eegama. Kuni bakka intarneetiin jiru kamiiyyuu (mana, waajjiraafi daanddii irraa) ta’uun nimala.

Saayinsistoonni Yunivarsiitii Uppsalaa fi Instiitiuutii Karolinska, lameenuu Siwiidin keessatti argamu, namoonni umrii 40 – 70 jiddutti aragaman yoo balaan hintaane hireen isaan du’uu baay’ee dhiphaadha amantaa jedhu qabu.

Wanta ganna shan keessatti ta’u hubachuuf haalli fayyaa keetii gaariidha moo gadheedha jettee yaadda? Deebiin gaafii kanaa kophaa isatii agarsiisa guddadha; gahaa ta’uu baatus. Akka bu’aa qorannoo kanaatti dhiiraaf hubannoon rakkoo isaanii (fayyaa qaama) sababa gabaabina lubbuu isaaniiti. Dubartiif ammo sababni du’aatii guddaan dhibee kaansarii qabaachuudha. Kan sababa kanniin lameenuu hinqabnee du’aaf kan saxilu tamboo aarsuudha.

Kanaaf, waa’ee seenaa fayyaa, fayyaa sammuufi qaamaa, jireenya, sochii qaamaa, nayaata, dhugaatii, tamboo xuuxuufi kkf irratti ragaaleefi odeeffanno argannaan fundurri namoota kannaa garamitti akka ta’e tilmaamuun nama hindhibu jedhan qorattoonni. Gaafileen 11 – 13 kanaaf kan dhimmootuma kanniin irratti kan xiyyeefataniif. Gaafilee qorannoo kanniiniif deebii dhugaa, umriis dabalatee, laatuun bu’aa fakkaatu ykn dhugatti kalaaye argachuu nama dandeessisa.

Qorattoonni kunniin kan jedhan sirni jiraachuufi du’a ittiin addaan baafatan kuni waaheddu namatti hima ykn agarsiisa. Ta’us, bu’aan qu’annaa kanaa dhibbaan dhibbatti dhugaadha jechuun hindanda’amu. Bu’aan qorannoo kanaa namoonni akka haala jireenya isaanii foyyeffatan godhuu irratti shoorri inni taphatu guddaadha.

Qorannoon kuni gama biraatiin kan addeessuuf ykn mirkaneessuuf yaalu umrii dheerachuufi jireenya fayya qabeessa jiraachuun wontoota hedduu wolitti hidhata qaban ta’uu isaati.

Qorannon kuni kan geggeeffame namoota naannoo 500,000 ta’an itrratti. Qorannichi ammatti dhugaa UK keessa jiru qofa akka ibsutti kan qophaaye. Namoonni UK jiraattan as tuquun kallattii woggaa shanan dhuftuu baraa.