Qabsoon barattoota Oromoo tarsiimoofi jarmayaa cimaa masaku barbaaddi

Tarsiimoofi jarmaya cimaan masakamnaan humni gootummaafi irree barattoota Oromoo afaa dhaabbatu tokko jira hin fakkaatu

Barattoonni Oromoo kaleessa daandii Amboo, Haramaayaa, Gincii, Sulultaa, Mattuu fi Manditti kan bayaniif maaster pilaanii Finfinnee mormuuf. Mormii sani hordofee, guyyoottan dabran keessatti, watoonni heddu uumaman- jijjiiraman. Lubbuun namoota qulqulluu, Haramaayaa fi Calliyati, bayuu mootummaan amaneera. Kan rasaasaan rukutamanii madaayan heddu. Kan hidhamna hangam akka ta’e silaa wanti beekamu hin jiru- nama akkuma looni dalatti oofan waan ta’eef.

Kana booda gaafiin keenya waa’ee maaster pilaanii qofaratti daangeffamuu hin qabu

Erga mormiin kuni eegalee waan heddutu ta’e. Jijjiirama heddutu mudhate. Erga kuni hundi ta’ee booda gaafiin barattootaa fi jiraattotaa bifa isaa gegeeddarachutu irra jiraata. Amma kallattiin xiyyeeffannaa master pilaaniin Finfinnee hujii irra akka hin oolle godhuu qofa osoo hin taane waa’een barattoota mormii kana irratti ajjeefamanii, madaayaniifi hidhamanii dhimmootta mormiif daandii irratti nubaasan ta’utu irra jira. Kana jechuun osoo boru mootummaan dhimmi maaster pilanii haqame jedhee labseeyyu manatti gallee taa’uu hin qabnu jechudha. Hanga yoomiitti? Hanga kanniin du’aniif gumaan kaffalamu, kanniin barattoota ajjeesan seeratti dhiyaatan, kan madaayan wol’aansaafi beenyaa aragataniifi hidhamtoonni hundi haalduree tokko malee hiikkamanitti. Mootummaan gaafii ummataa dhaamsuuf jecha humnattii dhimma bayuu irraa akka ufqusatu gaafachuunis gaafii keenya keessaa isa tokko ta’uu qaba. kan godhuu hanqachuun lubbuufi qaama ijoollee Oromoo mootummaa abbaa irree gabbaranii manatti galuu jechuudha. Kuni tasa ta’uu hin qabu, dhiirooa!

Gaafii maaster pilaanii wolqabate dhagayuufi deebii laatuuf mootummaan gonkumaa fedhiifi qophii akka hin qabne osoo beeknu kan hiriira baanuu fi gatii hangana qaalii ta’e kaffallu. Gaafii gumaa basuu fi hidhamtoota hiiksisuus mootummaan akka hin dhageenye beekna; muuxxannoo dabre irraa kan barre kanuma waan ta’eef. Mootummaan deebii hin laatu jechuun gara xumura gaaficha gaafachuu hin qabnutti nu geessuu hin qabu. Mootummaan deebii kennee kennuu dhabee, dhimmoonni kunniin tarree gaafii keenyaa keessa seenuu qaban- akkuma gaafii maaster pilaanii jechuudha. Deebiin mootummaa irraa erga hin eeggamnee maaliif gafanna garuu?

Hawwiin ummataa osoo hin guuttamne, yeroo hunda dhumarratti gabaan kan adda galtu kuun ajjeefamee, inni biraa miilaa fi ija dhabee, gariin hidhameeti. Wanti hamaan, ammas dogoggorri guddaan, lubbuu qaqqaalii erga gabbarree booda, akka waan tokko hin uumamneetti manatti galanii usanii taa’uudha. Kan dhangala’e bishaan osoo hin taane dhiiga namaati. Kan cabe damee mukaa mitii harkaafi miila dhala-namaati. Ijoolleen du’an worra kaabaa ykn worra kibbaa, worra bahaa ykn worra dhihaa osoo hin taane, eessayyuu haa jiraatanii, obboleewwan ykn qaama keenya. Gaafiin gaafannu deebii kan argatu, hawwiin keenya kan ifatti bayee mul’atu waan hojjannuu fi jalqabu irratti yoo cichine qofa.

Sochiin kuni rakkoo heddu qabatee akka dhufu beekamadha. Inni guddichi hiriyyoonni nama biraa kufuufi qaama dhabuudha. Kuni Oormoo fi kanniin gocha gara jabeenyaa dhala namaa irrati raawwatamu arguu hin feene hundaf waan gaddisiisaadha. Dukkana gaddaa maatii liqimsu isinumti tilmaamaa. Kan gadduu fi gumaa baasuu qabu hunda keenya.

Gaddaafi gadadoo barattoota dhumanii, madaayanii, hidhamaniifi barnoota irraa ari’amanii maatii fi firoota barattootaa qofatti dhiisuun xurii seenaati. Ammas dhimma fokkisaafi wolnama taajjabsiisaadha. Adeemsi kuni rakkoo gurguddaa lamas qaba. Tokkoffaa, dhiiga nama falmaa haqaa irratti dhangala’eef sagalee olqabatanii dubbachuu fi falmachuu dadhabuun mataan isaa hangama akka dadhabdoota taane kan ifatti, firaafi diinattis, mul’isuudha. Waa’ee lubbuu dabartee, qaama hir’atee fi namoota mana hidhaatti gatamee Oromoo fi addunyaa biraan gayuu dadhabuun dadhabina hamaadha. Nama ajjeefameef qajeelatti dubbachuu dhabuun, kanniin hidhaman hiiksisuu hanqachuun diina ni jajjabeessa, ajjeechaa irratti sodaa tokkoon maletti, garajabeenyaa hamaan, akka bobba’u taasisa. Egaa kanaa mitii kan bara dabree fi baranas ta’aa jiru?

Lammaffaa, waa’ee namoota ajjeefamanii, qaama dhabanii fi hidhamanii gaafii guddaa goonee kaasuu dadhabuun qabsoodhuma bartoonni itti jiran kana irratti dhiibbaa guddaa qabaata. Maqaa barattoota qabsicha irratti ajjeefamaniifi gidiramanii sirritti olkaasuu dhabun namoonni akka mormii irraa qooda fudhchuu dhiisan ykn hir’isan taasisa. Kuni qaanqee qabsoo dhaamsuu- gabrummaa dhaloota qubee irraa isa boruuttii dabarsuu jechuudha.

Badii ykn yakka garajabeenyaa ijoollee daanditti bayan irratti raawwatame hunda ija keenyaan osoo arginu manatti galuun gara hamilee barattootaa fi ummataa keenyaa cabsuu fi akka qabsoo lagatan taasisutti nama geessa. Kanniin mormii irratti ajjeefaman, madaayaniifi hidhaman hunduu gootota. Maqaa isaanii qabannee daandii irratti bayuu fi deeggarsa garagaraa laatuun dirqama Oromummaati. Kana godhuun maatiin ijoolleen irraa dhuman dagatamne, kanniin madaayan irraanfatamne akka hin jenne godha. Bifa kanaan ergaa cimaa madaan keessan madaa keenya; gadda keessan qoodamnaa; yoomuu isin yaadanna jedhu dabarfanna. Ammas, maatii ijoolleen irraa dhumaniif birmachuufi (diinagdee fi kadhannaanis) fi kanniin qaama miidhaman bira dhaabbachuun isaan jajjabeessuufi daran qabsoof onnachiisuudha.

Tarsiimoo fi jarmaya cimaa qabaachuun dirqii ta’a

Bartootaa fi ummata Oromoo kan aarsee danfisee, osoo qawwee fi gara jabeenya Ag’aazii argan akkas laphee bansiisee fundura isaanii dhaabsise, dhimma maaster pilaanii qofaa jechuun nama dhiba. Dhimmi maaster pilaanii sababa hatattamaa ta’uun isa shakkii hin qabu. Boba’aan sochii barattoota Oromoo bara hunda qabsiisu rakkoo fi gidiraa (haqa dhabuu, dhiitamuu, biyya ufii irratti gara sadarkaa 2ffaatti darbamuu, saamamuu kkn) yeroo dheeradhaaf wolitti kuufamaa turaniidha. Dimshaashumatti, duumessa ganna hedduuf rakkoo siyaasa, diinadgee, hawaasummaafi dhabamiinsa bulchiinsa gaarii dorrobe kan amma yeroo isaa eeggatee magaalota Oromiyaa irratti roobe.

Rakkoodhuma kanniin ufirraa qolachuuf jecha barattooni Oromoo woggoottan kudha-shanan dabran keessatti bifa addaddaan qabsoorra turan. Qabsoon egaa gatii ykn woreegama gaafatti. Woreegamni qaaliin kaffalameera- bifa ajjeefamuu, qaama dhabuu, hidhamuu fi mana barnootaa irraa guutummatti ari’amuutiin. Gatiin baratoonni Oromoo kabajaa fi haqa isaanii kaffalan kuni waan akka laayyotti ilaallamuu miti. Biyyatu Itoophiyaa, mootummaa biyyattii bulchutu ERRDF ta’eeti malee gatiin kaffalame dur bilisummatti nugeessa ture.

Erga biyyi qabsoon kuni keessatti geggeeffamaaru Itoophiyaa taate, qabsoon geggeeffamu bifa amma jiru kanaan bu’aa qabatamaa heddu nifida jedhanii eeguun nama rakkisa.  Woreegama kaffalamaa jiru irraa kasaaraa osoo hin taane faaydaa boonsaa, keessumattuu barattoota addadurummaadhaan wol’aansoo irra jiraniif, hammaarachuun kan danda’amu yoo qabsoon kuni tarsiimoo hayyummaa, gamnummaa fi bilchina sadarkaa ol’aanaatiin masakamate qofa. Tarsiimoo cimaa kan basu jarmayaadha. Hanag ammaatti kuni yoo ta’u hin arginu. Woggoottan dabraniif kan ta’aa ture aariidhaan kaka’uu fi jibbaa sirnichaaf qabaniif daandii irratti bobba’uudha; bakka jarmayaafi tarsiimoon hin jirretti. Mootummaan gaafii ummataa salphisuuffi jallisuuf, hujii jeequmsa fakkeessuuf maqaa fedhe itti basuu ni danda’a. Kana ammoo, sanuu irra deddeebiee godhaa jira. Dhugaan jiru garuu barattootaafi jiraattota magaalota Oromiyaa hedduu dallansiisee sagalee mormii jajjabaa akka dhageessisan kan taasise, humna addaa ykn dhaaba siyaasaa isa kamuu miti.

Aariidhaan ka’anii haqa ufiif falmachuun cubbuu tokko hin qabu. Rakkoo tokko qaba garuu, adeemsi kuni. Innis, adeemsi akkanaa akka salphatti galma keenyaan, bakka ijaa fi onneen taanya jirtu, kan nu gayuu hin dandeenne ta’uu isaati.  Hunda calatti ammoo qabsoon tarsiimoo cimaan hin masakamne, biyya akka Itoophiyaa keessatti, woreegama hedduu ulfaataa ta’e kafalutti nama geessiti.  Tarsiimoo bayeessa qabaachuun, woreegama guutummatti dhabamsiisa jechuunis namadhibu, gara kasaaraa mormii barattootaa hordofee dhufuu malu hir’isuufi faaydaa argamuu malu dachaa hedduun ol-guddisuutti nugeessa.

Qabsoon barattoonni itti jiran bu’aa ammatti hedduun keenya tilmaamuu hin dandenyetti nu gessuu danda’a. Kuni ta’uudhaaf, jalqabatti, qaanqeen barattoonni qabsiisan bakkalacha bilisummaa gara ta’uutti tankaarfachuu akka danda’u guutummatti amannee fudhachuu qabna. Sana booda kan nurraa eeggamu sochiin kuni babbaraaxayuu dhiisee, gara qindoominaa fi tarsiimoo cimaan masakamuutti geeffamutu irra jira. Lameenuu kan milkaayan jarmayaa dhimma kanatti abbaa ta’u yoo argateedha. Ammatti hundumtuu, mootummaan abalutti maxxansuuf boqannaa dhabus, dirree irra kan jiru.