Zimbaabween Prezidaantii fi abdii jijjiiramaa haarawa argatte

Zimbaabween guyyaa har’aa prezidaantii haarawa argatteerti. Prezidaantiin haarofni, Emersan Minaangaagwaan, itti aanaa Roobert Mugaabee ture. Paartiin ammas Zimbaabwee bulchaa jiru ZANU-PF dha; paartii moofaa Rooberti Mugaabee woggaa 37f aangoo irratti tiksee fi lammiilee biyyattiitti jireenya hadhaasse. Garuu, ummanni Zimbaabwee fi ollaan isii kan jiran gammachuu guddaa keessa. Qilleensi abdii Haraaree fi baadiiyaa Zimbaabwee keessa bubbisaa jira. Fundurri biyyattii ifaa fakkaata. ZANU-PF fi Emersan Minaangaagwaan bakka taayitaa irra jiranitti abdiin sadarkaa kanaa akkamitti dhufuu danda’e? Ummanni maaliif Minaangaagwaa fi ZANU-PF irratti abdii horate? Dhimma kana deeggarsa Lammaa Magarsaa Oromoo biraa argateen maaltu wal-isafakkeessa? Sababni abdii kanaa dhiima lama irraa kan madde ta’uu mala.

Tokkooffaa, biyyoota sirna abbaa-irree heddu keessatti paartii biyya bulchu caalattti ol’aantummaa kan qabu nama tokko.  Namni tokko suni waan cufa. Beekaan, murteessaan, imaammata baasan, ajjeesaa fi kaasaan, kallttii hundatti argisiisaan isa. Fedhi fi murtee isaatu hujii irra oola. Namni isa mormu ykn afoo dhaabatu (ministeraa hanga ajajajaa hoomaa woraanaatti) tokko hin jiru. Abbaan irrummaa isaanii biyyattii qofa irratti kan daangaye osoo hin taane paartii fi waahiloota isaanii irrattis. Mugaabeen torbee sadi dura ‘Minaangaagwaa itti aanaa koo godhuu kootiif ni dogongoree/ Yo dogongoreera ta’e boru ni ari’a,’ jedhee dubbate. Akkasuma guyyaa lammataatti ni ari’e. Yeroo torbee sadi hin caalle keessatti kan ari’ame prezidaantii ta’ee as deebie. Humni namni tokko waan cufa irratti qabu lammiilee Itoophiyaa (Mallas), Ruwaandaa (Kaagaamee), Ertiraa (Isaayyaas), Yugaandaa (Musevenii) fi biyyoota Afrika ahedduu ni beeku.  Biyyoota kanniin keessatti prezidaantiin ykn muummeen ministeraa waan hunda. Waraanni harka isaati. Imaammata kophaa isaatti baasa. Paartii gara ufii barbaadetti geessa. Maqaadhaan maletti paartiin nama tokko. Miseensonni paartii gubbaa hanga lagaatti dhiibbaa ykn ajaja nama tokko jala jiru. Waan Mugaabee, Isaayyaas, Mallasii fi Kaagaameen labseen alatti wanti hojjatamu hin jiru. Namni keessaa adeemsa gadhee ykn imaammata biyya miidhuu malu mormu hin jiru. Raayyaan waraanaa, poolisii fi humni tikaa kan tiksan dantaa nama tokkooti. Hundi harka rukuttuu, faaydaa dhuunfaaf bultuu fi mataa gadi qabattuudha. Biyya osoo hin taane gooftaa isaanii tajaajilu.  Kana yoo godhan fedhii jijjiiramaa dhabanii osoo hin taane sodaa fi dantaa dhuunfaatu isaan jilbiiffachiise. Abbaan-irree hunda kan sodaachisu, onnee hundaa kan shoororkeessu. Abaab irree akka Mallasii, Mugaabee karaa irraa yoo goran maaltu akka ta’u argutti jirra. Yoo abbootiin irree karaa irraa goran ykn qaawalli banamtu hundi bakka itti dhokatee ykn riphee mataa ol qabata. Hundi sabboonaa fi qabsaayaa fakkaatee mudhata. Hundi jijjiirama fiduuf tattaafata. Emerson Minaangaagwanis jijjirama fiduuf waadaa seeneera. Osoma ZANU-PF tayitaa irra jiru, erga taankiin daandii Haraaree dhuunfattee eegalee ummanni nagana bayee galuu fi yaada isaa soda malee ibsachuu eegaleera. Kana jechuun maddi rakkoo guddaan paartii osoo hin taane  (paartiinis 100% qulqulluu ta’uu hin danda’uu) namichuma mataa irra ture san jechuudha. Namni suni achii kaanaan paartii keessa humni sagaleen humna jijjirama barbaaduu hedduminaan dhagayamuu eegalte. Tooftaan itti deemamnaan jijjiramni amansiisaan keessaan dhufuu mala. Abbaa irree jalatti kan faaaydaa guddaa argatan jiraatanis, hedduun isaanii ergamtootaa fi rakkattoota. Hundi kuni hiree mataa ol qabatu argannaan jijjiirama fiduu irra uf duubatti hin deebi’u. Kan miidhame isaanis waan ta’aniif. Kufaatii Mallas booda kan Itoophiyaa (OPDO) keessatti mudhataa jiru kana. Zimbaabwettis kan ta’aa jiru kana. Ummanni kan fudhataa jiru Mugaabeen kufuun akka ba’aan guddaan irraa kufetti. Humnoota haaromsaa ZANU-PF keessaan as bayu abdii jedhu jira. Wanti hin taanef hin jiru. Woranni biyyattii Mugaabee taayitaa irraa kasuun waanuma hin eeggamne. Jijjiiramni hin eegamnes dhugaa ta’e as bayuu mala.

Inni lammataa, hawwii fuula haarawa arguu fi maqaa haarawa dhagayuuti. Lammiileen Zimbaabwee %50 fuula Mugaabee malee prezidaantii biraa hin beekan. Amma Minaangaagwaan aangoo qabatuun ummata biyyattii hiree maqaa fi fuula haarawa arguu uume. Kuni rakko ummataa bu’uuraa hikuuf wabii ta’uu baatus, ummata maqaa haarawa dhagayuudhaaf woggaa 37 dhama’eef dhugatti waan guddaadha. Akka jalqaba imala bilisummaatti kan fudhatamaa jiru.

Paartiin ZANU-PF fi hoogganaan isaa Emersan Minaangaagwaan jijjiirama woggaa 37 ummata biyyatii jalaa miliqe ni deebisa abdiin jedhu jira. Dhugatti maaltu akka ta’uuf deemuu beekuuf heddu hin turru. Yeroo baatii 6 hin caalle keessatti Zimbaabween filannoo biyyoolessaa geggeessiti. Ammarraa eegalee filannoo milkeessuudhaaf (paartilee mormitootaaf haala mijeessuu, miidiyaa walabaa jajjabeessuu kkf) tankaarfiin prezidaantiin haarofni fudhatu qalbiin kan hordofamu ta’a. Dhiigni osoo hin dhangala’ini fi kufatiin dabalataa biyyattii osoo hin mudatin keessaa jijjiramni dhugaa yoo dhufe kan jibbu hin jiru. Ummanni Zimbaabwees kanumaaf kan tibbana ililfataa jiruuf. Miklii isaaniif hawwina.