Perezidaantiin Somaaliyaa Alii Sharmarkee Muummicha Ministeraa godhuun muude

Perezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud Sadaasa 17 ob.Omar Abdirahmaan Alii Sharmarkee Muummicha Ministeraa (MM) godhee muude. Perezidaantiin biyyattii kaadhimamaan MM Omar Abdirahmaan Alii Sharmarkee yeroo gabaabaa keessatti kaabinee isaa akka uumatu abdii guddaa qabaachuu isaa ibseera, akka gabaasa Dalsan Reediyootti.

Muudamni MM kuni paarlaamaa biyyattiitiin ragga’utu isa irraa eegama. Muudamni kuni ragga’e taanaan, Ali Sharmarkeen MM Abdiwelii Sheek Ahmad kan Sadaasa 6 angoo irraa ari’ame bakka bu’ee hojjata jechuudha. Abdiwelii Sheek Ahmad yeroo woggaa tokko hingeenneef kan MM Somaaliyaa ta’ee tajaajile. Prezeidaant Hasan Sheek Mahmuud woggaa lama keessatti MM 3ffaa muduu isaati.

Alii Sharmarkeen yeroo lammataatiif kan MM Somaaliyaa te’ee tajaajiluuf deemu. Kana duras bara 2009 hanga 2010 tti yeroo mootummaa ce’umsaa MM biyyattii ta’uudhaan hojjateera. Adoolessa dabree kaasee Alii Sharmarkeen Ambaasaaddara Somaaliyaa isa Ameerikaa ture.

Alii Sharmarkeen bara 1960 Somaaliyaa keessatti perezidaantii biyyattii 2ffaa Abdirashiid Alii Shermarkee irraa dhalate. Digrii saayinsii polotikaatiin yunivarsiitii ‘Carleton Ottawa’ irraa eebbifame.