Paartii bu’uuressuuf mallattoo barbaachisuu gara 4000 ol guddisuun bibixxiilamiinsa hir’isuu mala

Naannoo Oromiyaatti paartii haarawa bu’uuressuuf mallattoon 750 gayaa ture. Maqaa paartii biyyoolessaa jedhu gonfachuuf mallattoo 1500 wolitti qabachuu qofa gaafata ture. Kun, sadarkaa Oromiyaattis ta’ee sadarkaa Itoophiyaatti, bibixxiilamiinsa paartii uumamaniif balbala bal’isee osoo hin saaqin hin hafne. kaleessa Woyyaaneen sababa kana gooteef qabdi. Har’a bifa kanaan itti fufuun Oromiyaaf faaydaa moo miidhaa qaba?

Waa’een tokkummaa dhabuu fi bibixxiilamuu paartilee siyaasa Oromoof yaaddoo guddaadha. Paartileen siyaasaa bakka 10 olitti bibixxiilamanii dantaa Oromoo kabajsiisuun, waan argame itti fufsiisuu mitii injifannoo dhiiga Qeerroon argame afaan alagaa buusuu mala.

Rakkoo gama paartilee siyaasaatiin nu mudataaru irra aanuudhaaf falli kaayamuu qabu heddu ta’uu mala. Kitaaba koo keessatti falli tokko ulaagaa paartii haarawa bu’uuressuuf barbaachisu cimsuu ta’uu isaa barreessee ture. Paarlaamaa biyyattii dhimma kana hujitti jijjiruun isaa waan gaariidha. Kitaaba Siyaasa Oromoo: imala obsa fixachiisaa fi hegeree abdachiisaa jedhu keessatti fuula 285 irratti akkanatti barraayeera.

Ulaagaalee bibixxiilamiinsa hir’isuu malan keessaa ‘inni tokko sadarkaa naannootti paartii dhaabuuf miseensa 750 amma barbaadamu irraa, fakkeenyaaf, gara 10,000 fi achii oliitti ol guddisuudha. Akkasumas, qaamonni paartii haarawa ijaaruu barbaadan 50% miseensota isaanii yoo xiqqaate godinoota Oromiyaa jiran keessaa yoo xiqqqaate 50% irraa miseensota akka walitti qabaniif haalduree kaayuu ta’uu mala. Oromoon barbaachisummaa paartii haarawaatti amane taanaan miseensa 10,000 mitii 100,000 godinoota Oromiyaa hundarraa walitti qabuun waan ulfaatu ta’uu dhabuu mala. Haalduree kaayuun namnoonni miseensota aanaa ykn godina tokkoo qofaa walitti qabanii maqaa Oromoo fi Oromiyaan paartii akka hin ijaarre daangessa. Paartiin hoogganootaa haga miseensaatti namoonni godina ykn gosa tokkoo keessatti walgayan maqaa Oromoon utuu hin taane, afaanfajjii dhiisanii, ifatti maqaa gosaa fi godinaan yoo socho’an woyya. Oromoon gosa, Oromiyaan ammoo godina tokkoo oli.’’