Paarlaamaan Ruwaandaa Pool Kagaameen umrii guutuuf biyyattii akka bulchu hayyame

Manni marii Ruwaandaa heera biyyattii prezidaantiin si’a sadii oliif akka hinbulchine daangessu kaase. Murtiin paarlaamaa Ruwaandaa kuni prezidaant Pool Kagaameef daandii qulqulleessuudhaaf kan xiyyeefateedha. Tankaarfiin paarlaamaa kuni prezidaant Pool Kagaameen hanga bara 2034, yoo fedhe ammoo umrii guutuu, akka Ruwaandaa bulchuuf guutuun guututti haala kan mijeesseera.

Paarlaaman kuni keeyyata 172 kan Pool Kagaameen yoo fedhe umrii isaa guutuuf biyyattii akka bulchu hayyamu heera biyyattii keessatti akka galu taasiseera. ‘Keeyyanni kuni kan barbaachiseef gaafii ummataaf deebii laatuudhaaf,’ jedhe itti-aanaan af-yaa’ii paarlaamaa Ruwaandaa.

Paartiin biyyattii bulchu Pool Kagaameen dhuma gadaa isaa irratti akka angoo gadi lakkisu hinfeenu ummanni akka jedhuuf kakaasaa fi mallattoo wolitti sassaabaatiin kan ture. Sochiidhuma lafarratti paartii kanaan ta’aa turetu gara heera biyyattiitti geeddarame. Heera biyyattii bifa kanaan fooyyessutti kan isaan geesse fedhii ummata biyyattii ta’uu isaati kan angawoonni Ruwaandaa ummata isaanii fi hawaasa addunyaatti himuuf carraaqaa jiran.

Kan nama ajaa’ibu garuu, geddaramni heera Ruwaandaa irratti taasifame kuni kan ilaallatu Pool Kagaamee qofa ta’uu isaati. Namni erga Kagaameen angoo gadi lakkisee booda, yoo umriin osoo jiru gadi lakkisa ta’e bara 2034 booda jechuudhaa, gara angootti dhufu si’a lamaa (woggaa 10) oliif akka biyyattii bulchuuf heerrii amma fooyya’e kuni hin hayyamu.

Erga afaan qawweetiin bara 1994 gara Kigaaliitti dhufee Ruwaandaa bulchaa kan jiru Pool Kagaameefi paartii isaati. Bara 2034 Pool Kagaameen umrii 77 qabaata. Dubbiin akkana taanaan, sana boodas itti hin fufu wanti nama jechisiisu tokko hin jiru.

Waa’een heera biyyootaa, umrii angoo prezidaantotaa dheeressuudhaaf jecha godhamu, keessumattuu biyyoota Afrikaa mootummaan isaanii qawweedhaan gara angootti dhufe keessatti, bal’inaan taasifamaa fi aadeffatamaati kan dhufe. Woggoota muraasaa asitti biyyoonni akka Burkiinaa Faasoo, Ruwaandaa, RD Koongoo , Burundii fi Ugaandaa daangaa prezidaantota, kan  ufumaa isaanii kaayan, kaasuudhaan prezidaantonni biyyoota kanniinii ‘umrii guutuudhaaf’ akka bulchaniif haala mijeessaatiin kan jiran. Yaaliin Burkiinaa Faasotti ta’e worraaqsa ummataatiin maseenuun isaa ni yaadatama. Heerri Yugaandaa, Ruwaandaa fi Burundii fooyya’eera. Kan biyyoota hafaniis fooya’uu irraa wanti hanbisu jira hin fakkaatu.

Sababni prezidaantonni biyyoota Afrikaa heddu umrii angoo isaanii heera geeddaruudhaan dheereffataniif, akka isaan jedhanitti, hujii hin raawwanneefi namni akka isaaniitti biyya bulchuu danda’u waan hin argamneef. Taajjabdoonni siyaasaa heddu, dubbii akkanaatiin, tapha jedhu; ummataafi biyya bulchanitti baacuu. Heera gegeeddaruudhaan umriin prezidaantotaa dheeressuun kan argisiisu, akka taajjabdootaatti, hiddaafi irreen abbaa irrummaa gadi fagaachaafi furdachaa dhufaa jiraachuu isaati jechuudhaan qeeqan.