Paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamsuu kaase

Itoophiyaan labsii yeroo muddamsuu Onkoloolessa 2016 labsite kaaste. Labsii kuni kan ka’e wolgahii hatattamaa paarlaamaan biyyattii godheen.

Labsii yeroo muddamsuutiin akka biyya bulchuuf mootummaan Woyyaanee kan dirqame diddaa ummataa biyya keessatti woggaa tokkoo oliif  adeemaa ture too’achuu dadhabuudha. Keessummayyuu dhumaatii Irreecha irratti dhaqqabe hordofee haalli biyyattii sadarkaa harka mootuummaatii baate jedhamu irra geettee turte. Biyyattiin baatii 10’f labsii kana jala jiraatte.

Erga labsii yeroo muddamsuu diriiree Itoophiyan, keessattuu Oromiyaa fi naannoo Amaaraa bulchaa kan ture Komaand Poost, humna woraanaati. San duras woraannii biyyattii gara duubaan biyya bulchaa turutu himama. Kanaaf akka ragaatti kan dhiyaatu yeroo addaddaatti raayyaan woraanaa fi humni Federaalaa affeerraa naannoleen alatti dhimmoota naannoolee keessa harka naqataa turuu isaati.  Labsii kuni ka’us woraanni ummata irraa ka’uu isaa ummanni kan shakkuuf muuxxannoo woggaa 25 irratti hundaayuudhaan. Labsiin kuni ka’uu hordofee maaltu akka jijjiiramu kan wolumaan  arginu ta’a.