Paarlaamaan Awurooppaa Itoophiyaan Oromoo ajjeesuu, ukkaamsuu fi laffaarraa buqqisuu hatattamaan akka dhaabdu gaafate

Sochiin Oromoon baatii lamaaf geggeesse injifannoo dipiloomaasii guddaa galmeessisiise. Oromoo, mudhii kee hidhadhuu fincila kee cimsadhu!

Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa labsii 2016/2520 RSP baaseen mootummaan Itoophiyaa gocha ajjeechaa, hidhaa, ukkaamsaa fi lafaraa buqqisuu bal’inaan Oromoo irratti raawwataa jiru hatattamaan akka dhaabu gaafateera. Labsii guyyaa har’aa baase kanaan, Paarlaamaan Awurooppaa, balaaleffanaa fi himannaa guddaa mootummaa Itoophiyaa irratti dhiyeesseera.

Paarlaamaan Awurooppaa labsii isaa keessatti  hiriira mormii baatii lamaa oliif guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffamaa tureen lubbuun namoota nagaa 140 oli harka mootumaatti galaafatamuu, kumaatamni madaayuu fi hidhamuu ifa godheera. Du’iinsa barattootaa fi qotee-bultootaa Oromoof sabab kan ta’e, akka ibsa Paarlaamaa Gamtaa Awurooppaa kanatti, mootummaan Itoophiyaa humna ajjeechaa fi ukkaamsaa ummata irratti bobbaasuudha. Bara 2014 keessas bifuma wolfakkaatuun mootummaan Itoophiyaa namoota nagaa ajjeesuu kan tuqe labsiin kuni, namoonni hidhaman hanga har’aatti mana hidhatti kan dararamaa jiran ta’uu saaxileera.

Imaammata mootummaa Itoophiyaa jalatti Oromoon daangaan maletti gidirfamuu, mirga fi haqa sarbamuu fi daangatti dhiibamuu, addeessa labsiin Paarlaamichaa. Itoophiyaan ummata hiriira nagaa geggeessu, gaazexeessitootaa fi hoogganoota paartilee mormitootaa duuchaadhaan hiiti, dararti, jedha labsiin kuni. Ummata hiriira nagaa bayan shororkeessitoota jechuudhaan xureessuu fi maqaa balleessuun sirrii akka hin taane jala sarara Paarlaamaan Awurooppaa.

Paarlaamaan Gamataa Awurooppaa ajjeechaa, hidhaa fi ukkaamsaa mootummaan Oromoo irratti raawwatuu fi ummata ukkaamsuuf humnatti dhimma bayuu isaa cimsee balaaleffateera. Ukkaamsaa, shororkeessaa fi sodaachisaan bifa addaddaatiin ummata irra gayaa jiru dafee akka dhaabatus gaafateera. Namoonni mirga isaaniitti dhimma bayuu qofaaf hidhaman hundi  haal-duree tokkoon maletti gadi dhifamuu qabu, jedha labsiin kuni.

Mootummaan Itoophiyaa bifa iftoominaa fi amanamiinsaa qabuun, akkasumas logiinsa irraa walaba ta’een ajjeechaa Oromoo irratti raawwatamee fi dhiittaa mirgaa bal’inaan raawwatame akka qoratuu fi namoota yakka kana raawwatan, kamuu yoo ta’e, seeraaf akka dhiyeessu qabu gaafateera.

Paarlaamaan Awurooppaa mootummaan Itoophiyaa mirgoota dhala namaa kanniin Labsii Addunyaa Woliigalaa fi Chaartara Mirga Namaa Gamtaa Afrikaa akka kabajuu qabus akeekkachiiseera.

Keessattis ta’ee biyyaan alatti, Itoophiyaan, dhiibbaa fi sochii miidiyaalee fi sagalee ummataa ukkaamsuuf gootu irraas ufqusachuu qabdi, jedha labsiin Paarlaamaa Awurooppaa.

Mirga namaa fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuun, akka labsii Paarlamaa kanaatti, imaammata Gamtaan Awurooppaa ittiin masakamu keessaa isa ijoo jedhamuudha. Kanaaf, gargaarsi diinagdee Itoophiyaaf  laatamu kamuu biyyattiin sirna dimokraasii diriirsuu fi eegdoo mirga namaa fooyyessuu isiin kan wolitti hidhata qabu ta’utu irra jira, akka Paarlaamaa Awurooppaatti. Itoophiyaan ammatti kana godhutti hin  jirtu. Sarbamniinsi mirga namaa naannoo Oromiyaa keessatti sadarkaa yaachisa ta’e irra gayuu fi Itoophiyaan ukkaamsaa fi ajjeechatti bal’inaan dhimma bayuu isii biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa ta’an hundi cimsanii akka balaaleffatan Paarlaamaan Awurooppaa waamicha dhiyeesseera. Itti dabaluudhaanis, biyoonni hunids Itoophiyaan ummata karaa nagaan sagalee isa dhageessisu ukkaamsuu fi ajjeesuu irraas akka ufqusatuuf gama isaaniin dhiibbaa barbaachisu akka godhan gaafateera.

Wolumaagalatti, daandiin siyaasaa biyyattiin amma qabatte (inni ummata ukkaamsuu, ajjeesuu fi sodaachuu) biyyattii balaa dhabamiinsa nagaa, misoomaa fi tasgabbii irra kan buusu ta’uu Paarlaamaan Awurooppaa hubachiisa. Daandii badii kanarraas mootummaan Itoophiyaa akka ufdeebisuuf waamicha dhiyeessa, Paarlaamaan Awurooppaa.

Labsiin Paarlaamaa Awurooppaa sadarkaadhuma amma irra jiru kanattuu kan mul’isu, akka hayyooya siyaasaatti, diploomaasii mootummaa Itoophiyaa kasaaraan mudatuu fi qabsoon Oromoon geggeessu dhugaa fi dhageettii argatuu isaati. Oromoon injifannoo amma argametti gammaduu fi qabsoon eegalame cimee itti fufnaan injifannoo calaan akka argamu abdatuu fi hubatuu qaba. Qabsoon itti fufa!