Oromoota hidhaman hiiksisuu fi kanniin barumsa irraa ari’aman debisiisuun dirqama hundaati

Abdi Kedir | Dhiigaa fi dhiibbaa keennaan maaster pilaanii FFN fi labsii magaalota Oromiyaa haqsiisneerra. Gatii barbaachisu kaffallaan wanti Oromoota hidhaman hin hiiksisneef, kanniin barnoota irraa ari'aman mana barnootaatti hin deebisneef tokko hin jiru.

Woyyanee fi OPDOn yeroo muddamtee lubbuun kokketti ejjattetti waan lama gurguddaa gooteerti: Maaster pilaanii Finfinnee dhaabuu fi labsii magaaalota naannawa Finfinnee fooyyessuu. Ammas, yeroo ciniisuu guddaa keessa seentee waan qabattuu fi dhiistu dhabdee sanitti, OPDOn ummata hiriira nagaa irratti hirmaateef daandii irraa guuramee manniin hidhaatti darbame hiikuudhaaf, akkasums gumaa kanniin dhumanii baasuudhaaf waadaa seentee ture. Yadattuu mitii?

Tankaarfiin Woyyaaneen baatii Muddee fi Amajjii keessa, yeroo Sunaamiin Oromoo isii liqimse, fudhataa turte hundi ija shakkiin ilaallamaa kan ture. Kan bishaan fudhate hoomacha qabataa fi amala Woyyaanee irraa ka’aniiti hedduun namootaa labsii Woyyaanee shakkiin kan ilaalaa turaniif. Hindogoggorre! Jalqabatti namoota ni hiikna jedhanii fi dhiiga dhangala’eef gumaa ni kaffallaaf waadaa seenan yoo hujii irra oolchan hin mul’anne. Kan argutti jirru hidhaan hamaachuu fi namoota hidhaman irraatti murtee gara-jabeennaa fudhataa jiraachuu isaaniiti. Mootummaan ‘namoota beekaas ta’ee dogoggoraan’ hiriira irratti hirmaatan gadi lakkisa jedhee dubbate maal balleessinaan tibbana barattoota Yunivarsiitii Finfinnee embaasii Ameerikaa fundura dhaabbatuuf yaalii taasisan irratti kan tankaarfii san fakkaatu fudhate? Yakki irratti baname kan argisiisu tufii, hacuucaa fi gidiraa mootummaan kuni Oromoo irra geessisuudha. Sabni guddaan kuni haala kanaan qabamuun, dhala isaatti bifa kanaan itti taphatamuun baay’ee nama gaddisiisa! Maaster pilaaniis bifa biraan hujii irra oolchuudhaaf asii fi achi jedhaa jiraachuu isaaniiti kan himamu.

Kan mootummaan labsaa fi hafarsaa ture hundi, tooftaa ibidda itti qabate ufirraa ittiin dhaamsuu fi tokkoo tokkoo keennaa ittiin jilbiiffachiisuuti malee, murannoo dogoggora sirreessuu, gaafii saba keennaa deebisuu fi Oromoo waliin nagaa buusuu miti. Woyyaaneen baatii lamaafis yoo ta’e kan jilbiiffatte dirqamteeti. Injifannoo yeroos yoo ta’e, kan argame hundi dhiiga Oromootiin. Injifannoo qaalii argame tikfachuu, kunuunfachuu fi akka suuta suutaan nu harkaa hin harcaane gochuun dirqama hunda keennaati. Qabsoon toftaa fi tarsiimoo cimaan geggeeffamu, xiqqaattee guddattee, injifannoo gatiidhaan argamte irratti ijaarataa gara funduratti tankaarfata. Isa arganne gatachuun yeroo hunda ziiroo irraa akka eegalluuf nu dirqisiisa, qancarutti ykn duubatti mucucaachutti nu geessa. Amalli akkanaa mallattoo qaboo fashaltuu malee mallattoo qabsoo injifannoon galtuu miti.

Egaa erga qabsoo hadhaayaa geggeesinee booda iddoo nuti irra jirruu fi kallattii mootummaan itti adeemaa jiru xiinxaluun dirqii ta’a. Baatii lamaan dabran kana keessa maaltu ta’aa jira? Akka xiinxala koottii, waadaan Woyyaanee fi OPDO’n, yeroo muddamsuutti, seename tokko hin guutamne. Kun ta’u dhabuun rajii miti; kanuma eeggamee fi baratameedha! Yeroo kana Woyyaaneen hafura baafatte gara Oromoo, keessumattuu isaan hiriira irratti hirmatan, waan tankaarfii dhumaa jettuun adabuutti tankaarfatte. Kanaaf ragaan Baqqalaa Garbaa fi hoogganoota KFO yakka shororkeessummaan adabuuf qophii xumuruu isiiti. Qaanii tokkoon maletti barattoota Yunivarsiitii Finfinnee embaasii Ameerikaa fundura dhaabbatan irratti himannaa yakkaa cimaa banteerti. Kanniin baadiyaa fi magaalota heddu keessa jiranis yakkuma wolfakkatatu raawwatamaara jechuun nama hin rakkisu. Wolumaa galatti namoota hiriira nagaa qindeessan, irratti hirmaatanii fi kanniin fageennaa deeggaraniifis barnoota dhumaa laatuudha murteen Woyyaanee. Karooraa isii kan fashalsu, hawwii fi aabjuu isii kan jaamsu irree Oromoo qofa; isa akka baatii muraasa dura arginee san jechuudha.

Baatii shanana darban keessa kan ta’e hunda quba qabdu. Hiriira baanee mirga keennaaf dubbachuu keennaaf kan ajjeefamne- kumaatamaan kan hidhamne. Erga hiriirri qabbanaayees hidhamuu fi yakka ciccimaan adabamuun nurraa hin hafne. Woyyaaneen maaliidhaaf nu hidhuu irraa hin adabanne? Maaliif namoota nagaa yakka shororkeessummaan adabuu irraa hin qaanfanne? Dhiiroo, waraabessi gooruu cabsee hoolaa yoo fudhatu tankaarfii maaliidha abbaan hoolaa kan fudhatu? Harkaa buusuuf carraaquun dirqii ta’a. Ammas, doomii-dirmi jechuu qaba. Kana godhu dadhabuun woraabseesa jajjabeessa, takka-takkaan moonaan ykn gooruun qullaa akka hafu taasisa. Woyyaaneen waraabessa jiruu fi nageenna Oromoo balaa irra buusteedha. Dhalli Oromoo yeroo hunda adamsama. Tokko tokkoon, jumlaanis, guuramaa hidhama. Balaa fi badii cimaa nurra jiru kana qabsoo cimaa qofaan kan sirreessuun danda’amu.

Woyyaaneen wal-afoo dhaabbataa guutummatti ajjeefamuu fi hidhamuu hanbisuun waan yaadamuu mitii. Ta’us garuu, qabsoon geggeessinu jalqabaa kaastee tooftaa cimaa balaa ajjeefamuu fi hidhamuu ittiin hir’isnu qabaachuu qabdi. Keessumaayyuu, yoo namoonni hidhaman, gatii barbaachisu hunda kaffallee gadi hin lakkisiisnu, afaan Woyyaaneetii hin buusnu yoo ta’e akkamiin hidhamuu jalaa baana? Bifa kamiin qabsoon tuni akka funduratti tankaarfattu goona? Qabsaayota kuma heddu mana hidhaatti dagataa funduratti tankaarfachuun, injifannoo irraan injifannoo gonfachuun rakkisaadha; yoo guutummatti hin danda’mu jechuun nama dhibes. Gatiin fedhes yoo kaffalame, namoota hidhaman manaa fi maatii isaaniitti deebisuu, irree fi wareegama keennaan Woyyaaneen dargaggoo fi hoogganoota Oromootti cuftee jiraachuu akka hin dandeenne itti argisuu qabna. Dhiigaa fi dhiibbaa keennaan maaster pilaanii fi labsii magaalota Oromiyaa haqsiisneerra. Garuu akkamitti namoota hidhaman hiiksisuu dadhabna, dirqama keenna osoo hin xumurin manatti galla? Hoogganootaa fi ummata hidhame hiiksisuun, kanniin barnoota irraa ari’amanis mana barnootatti deebisuun dirqama hunda keennaati. Akkuma kana duraa hedduminaan daanditti baanaan, sagalee tokkoon ‘ hidhamtoonni keenna haa hiikkaman’ jenneen; hidhamtoota ni hiiksisna, manaa fi barnoota isaaniitti ni deebisana. Qilleensi addunyaas kana godhuuf haala nuuf mijeessaara. Itti fayyadamuun ammoo kan keenna.

Barressaa abdik12@gmail.com qunnamuu dandeettan.