Oromoon Oromiyaa saamicha naannoo Somaaleetiin geggeeffamaa jiru irraa baraaruu qaba

Saamichi lafaa kan Oromiyaa irratti geggeeffamaa jiru kallattii hundaan

Lafti har’a Somaaleen teenna jettu ( baha Harargee, kibba Baalee fi baha Booranaa) woggaa muraasa dura kan Oromoo ture. Weerara yeroo addaddaatti  (isa Siyaad Barrees dabalatee) dhimma bayuudhaan kan Somaaleen gammoojjii Ogaadenii kaate Oromoo daangaa bahaa, kibba bahaa fi kibbaa irraa dhiibaati kan turte. Eebjuun Somaalee inni yeroo dheeraadhaaf ture lafa Oromoo isa hanga laga Hawaasii fi Waabeetti jiru dhuunfachuudha. Lafa aanaa Mi’eessoo, Cinaaqsaa, Gursum, Baabbillee, jaarsoo fi Doobbaa qabachuun isaanii jalqaba imala gara laga Hawaasii fi Waabeetti godhamu malee waan achitti dhaabatuu miti; Oormoon ufirraa hin qabu taanaan. Kana duras dhawaataan deemamee, kan afoo dhaabatu waan dhabameef, hanag magaalaan Mooyyalee, Nageellee, Mi’eessoo fi Dirree Dawaan teenna jedhamutti gayame.

Lafti amma naannoon Somaalee fudhataa jiru kuni duris kan Oromooti. Rifireendamii woggaa muraasa dura geggeeffameenis kan Oromoo ta’uu  isaaniitu mirkanaaye. Murtee ummataa kana diduudhaan kan mootummaan naannoo Somaalee, Abdii Illeen, humnatti dhimma bayuudhaan weerara kan geggeessaa ture. Humni isaan fayyaduu hin oollee, yeroofis yoo ta’e. Kunoo araddaa fi gandoota Oromoo humnaan gara Somaaleetti deebisutti milkaayaa jiru.

Rakkoon wolfakkaataa aanaalee Oromiyaa godina Baalee, Gujii fi Booranaa keessattis bal’inaan mudhata. Yaalii lafa qabachuuf godhameen Oromoon lafa daangaa fi namas dhabeera. Lafa Oromootti kan roorrisa jiru naannoo Somaalee qofa miti. Rakkoon lafa daangaa saamuu kallattii Kibbaa, Gaambeellaa fi Amaaraatiinis jira. Sadarkaan wolcaaluudha garaagarummaan.

Yeroo jaarraa tokko hin caalle keessatti kallattii hundaan (baha, dhiha, kaabaa fi kibbaan) Oromoo irraa lafa heddutu saamame. Woggaa muraasa keessatti Oromoon kallattii hundaan kan dhiibame. Yeroo gabaabaa dura lafti har’a Somaaleen irra jiraatan hedduun isaa, kan daangaa irra jiran jechuu kootii, kan Oromoo ture. Gammoojjii Ogaadenii ka’anii hanga baddaa Baalee fi Harargee qabachutti kalaayan.

Saboonni daangaa irra jiran hundi qawwee fi deeggarsa siyaasaa motummaan  jiddugaleessaa laatuufitti dhimma bayaati kan Oromoo irratti saamicha lafaa geggeessaa turan. Bifa kanaan Oromoon lafa guddaa irraa buqqisan. Garuu, kan hubatamuu qabu Oromoon akka cabetti, akka kufetti kan hin hafne ta’uu isaati. Haga boru nama ta’ee lafa saamame deeffatuuf hara kan irra jiraatu, irratti omishaa galfatu worra saamichaan qabate.

Jaarraa kanatti Oromoon siyaasa Gaafa Afrikaa irratti shoora guddaa taphachuu mitii daangaa isaa kabajsiifachuu dadhabe. Saba guddaa kanaaf duuti kana caale hin jiru. Worri har’a dadhabuu Oromoo arganii lafaa fi qabeenya isaa samuutti bobba’an wanti weeraraan fudhatan  sifaa akka isaaaniif hin taane beekuu qaban. Wanti har’a saamame boru gafa Oromoon kabajame, fedhiidhaanis ta’ee dirqiin, deebi’uun isaa hin hafu. Yakka  har’a irratti hojjatamaa jiru hunda galmeen seenaa Oromoo barreessee ol  kaayaara waan ta’eef. Boru kan rakkatu, boru kan salphatu woraa har’a Oromotti taphatu, lafa isaa humnaan fudhatu.