Oromoon moo’aara: Irreen ummataa huumna kamuu ni injifata

Daandiin qabsoon Oromoo amma irra jirtu isa bilisummatti geessu. Doorsisaa fi oduu dogongorsaan osoo bitaa fi mirga hin jedhin funduratti imaluu qofa kan nurraa eegamu.

Sababni isaa woma fedhee haa ta’uu, Oromiyaan Onkoloolessa 2017 isii Onkololessa 2016 fi san duraatiin adda. Siyaasni biyyattii saffisa worri fagoo jiru hubachuudhaaf rakkatuun geggeeddaramaara. Ummata biyyaa, kan waan guyyaa-guyyatti ta’aa jiru taajjabutti foollii abdii fi hamilee gaaritu (bilisummaatu) itti urgaayaa jira. Wanti ummanni ammatti argate baay’ee ta’uu baatus, daandiin irra jiran isa sirrii ta’uu afaan guuttatanii dubbataa jiran. Jechuun, qabsoon geggeessaa jiran injifannoo galmeessisaa akka jirutti hubatan. Perception is everything. Ummata hamileen socho’u ‘Woyyaaneen qawween malee hin deemtuu akkasumaan ummanni dadhaba’ jedhaa hamilee ummataa cabsuun, ‘momentum’ amma uumame jalatti gufuu tarreessuun dogoggora. Worri qawwee jedhu woggaa 25 darbe keessatti waadaa seenuun alatti yoo lolus ta’ee yoo lolchiisu hin argine. Abdii kutachuudha ummanni harka qullaa daanditti bayee diina hidhate afoo akka dhaabatuuf kan isa dirqisiise.
Dhugaadha, ummanni keenna humna qawwee hanga funyaaniitti hidhate afoo harka qullaa kan dhaabate. Rasaasa altakkaan lafa nama qabsiistu dhabus, humna/irree tokkummaa cimaa dhiibee dhiibee diina kuffisu akka qabu duris ni beekna; amma ammoo waan ta’aa jiru guyyaa guyyatti ijaan argina. Sararri amma qabsoon irra jirtu, gatii gudda kaffalchiisuu maltus, injifannootti geessuun isii waan mamsiisuu miti.
Erga 2015 asi, qabsoon Oromoo boqonnaa haarawa keessa seenteerti. Kana booda kan nuti godhuu hin qabne:
1. Moo’anne jennee ykn sochii OPDO’n eegalte abdannee harka kiisii kaayachuudha. Injifannoo argame dhugoomsachuu fi deebii gaafilee hafanii argachuudhaaf dhiibbaan tarsiimoo fi tooftaan masakamu kallattii hundaan tti fufuu qaba.
2. Qabsoon kuni dhumaatii malee bu’aa hin fidu jennee obsa fixachuu fi duubatti gugachuudha. Duubatti deebi’uun dhiiga hanga ammatti dhangala’e bilaash taasisa. Ammas, sochii hanga ammaa gooneef nu adabsiisa. Wolumaagalatti, dukkana keessa turretti nu deebisa.
Yaadadhaa, qabsoo hadhaayaa godhameen mormaa oliin boolla gabrummaa keessaa baaneerra. Qabsoo magaalaa fi baadiyaa xiiqii fi obsaan itti fufnaan yeroon dirree ifnanaa fi badhaadhinaa irra gamtaadhaan bobbaanu fagoo miti.