Oromoo tokkummaan mirga isaaf falmatu humni ukkaamsu jira hin fakkaatu

Dhaabbanni Televiziyoonaa fi Raadiyoo Oromiyaa hojjattoota isaa ukkaamsuu fi jiruu dhabsiisuu aadeffateera

Fincilli diddaa gabrummaa Oromoon geggeessaa jiru akka mootummaan odeessuu fi arguu hawwu kan dhaame ykn qabbanaayee miti. Ijaa fi gurri dhugaa arganii fi dhagayan kan arguu fi dhagayutti jiran gonkumaa waan biraati.

Oromoo onnee isaa keessaa sodaa haqatee fi kana booda gabrummaan hin jiraadhu jedhee kakate guyyaa har’aas iddoo addaddaatti hiriira mormii oo’aa geggeeffataa oole. Sochiin har’aa hedduu bal’aadha: magaalota Oromiyaa Haramaayaa hanga Anfillootti (Wollagga), Salaalee hanga Shaashamanneetti kan ammate ture. Ummanni magaalota Ammayya, Kiraamuu, Abootee, Gindoo fi Gohaa, doorsisaa fi dhukaasa humnoota mootummaa woyittuu osoo hin akeekne, daanditti bayuudhaan nu gahe jechaati kan oole.

Ambo dukkanatti gatamte

Guyyaa har’aa, gara waaree boodaa, wanti Amboo fi Yunivarsiitiin Dirree Dawaa keessa ta’e adda. Ambotti humnoonni ajjeechaa mootummaan bobbaase ummata reeffa Abdataa Olaansaa simachuuf baye irratti shororkaa daangaa hin qabne bananiiru. Magaalattii badii kana dura woraanni irratti raawwate irraa hin dandamanne, kanniin woreegamaniif boottee hin geeffanne ammas gaddaa fi gadadoo biraatti naqaniiru. Ambo ammas yeroo biraatiif dukkanatti gatamteerti. Buraayuunis gara galgalaa kana Buree fakkaatte jedhama.

Dirree Dawaa fi Haramaayaan dirree waraanaa fakkaatu

Barattoonni Yunivarsiitii Dirree Dawaa, hanga ifnana bilisummaa fi dimokraasii arginutti harka hin lannu jedhan, marraa biraatiif hiriiratti jiru. Ammatti miidhaa isaan irra gaye beekuu dhabnus, tankarfii waraana mootummaan barattoota irrati bobbaaseeti kan yunivarsiiticha dukkaneesse; kan Dirree Dawaa dirree waraanaa fakkeesse. Tibbana yeroo yunivarsiitota addaddaa keessatti mormiin geggeefame bifuma wolfakkaatuun ifaan dhaamuun isaa niyaadatama. Tarii kuni tooftaa woraanni dukkanaan ajjeesuu fi akka duguuggii taasifamaa jiru barattonni hin woraabnee/suuraa hin kaasneefis ta’uun nimala.

Bifuma wolfakkaatuun tankaarfii garajabeenyaa woraanni barattootaa fi jiraattota magaalaa Haramaayaairratti fudhateen namoonni heddu madaayuu fi kan du’anis jiraachun beekameera. Kanniin yeroodhaaf ajjeechaa fi rukuttaa jalaa miliqan adamsamaa baay’inaan mooraa woraanaa Addeelleetti guuramuu kanniin ijaan argan ragaa bayaniiru. Namoonni kaampii Adeelletti guuraman gidiraa fi dararaaf ni saaxilan yaaddoo jedhu qaban jiraattonni naannoo sanii.

Dhaabbanni Televiziyoonaa fi Raadiyoo Oromiyaa hojjattoota ukkaamsuu fi jiruu dhabsiisuu aadeffate

Gama biraatiin mormiin Oromoon itti jiru kan rakkoof saaxilaa jiru barattootaa fi jiraattota qofaa miti. Hojjattoonni dhabbilee mootummaas osoo hin hafin hadhaa tankaarfii gara jabeenyaa mootummaa abbaa irreen irraa Oromoo irra gayaa jiru kan dhadhamaa jiran. Qabsoo yeroo ammaatti Oromoo salphisuu fi jiruu dhabsiisuu bal’inaan kallattii hundaan geggeeffamaa jiru kanaan dhaabbanni Televiziyoonaa fi Raadiyoo Oromiyaa dursa qabateera. Torbaan muraasa dura gaazexeessaa Fiqaaduu Mirkanaa kan hidhatti gachisiise, dhaabbani kuni, ammas Bilisee Qana’aatti balbala cufeera. Badiin isaanii? Oromoo ta’uu fi dhugaaf dhaabachuudha.

Dhaabbataa fi hooggantoota ololaa oofuu jiruu godhatanii fi woggoota hedduu dhugaa dubbachuu mitii dhagayuu dagatan funduratti haqaaf dhabachuu fi dhugaa dubbachuun rakkoo akka Bilisee kanaaf nama saaxila. Wolgahii geggeeffame ture irratti, ‘dhugaa Oromoon qabatee ka’e ololaan dhoqqee dibuun sirrii miti,’ jechuun hadhooftus dhugaa gurra angawootaa buuste Biliseen. Sabboontuun Oromoo tuni, yakki maal Fiqaaduu Mirkanaa hidhaaf akka saaxiles gaafate. Gocha gootummaa kanatu Bilisee gatii akka kaffaltu taasise. Hireen akka Bilisee fi Fiqaaduu, Oromoo afaan banatee fi dhugaa dubbe heddu mudate. Woggaa darbe Dhaabbanni Televiziyoonaa fi Raadiyoo Oromiyaa gaazexeessitoota 18 badii tokkoon maletti hujii irraa ari’uunis niyaadatama.

Sochiin Oromoo bara kana itti jiru barataa fi qotee-bulaa hedduminaan hirmaachisaa, magaalaa fi baadiyaa oo’isaa, lammii gammachiisaa fi mataa diinaa irra cabbii buusaatiin kan adeemaa jiru. Waan gaarii. Kan amma ta’aa jiru waan Oromoon yoo xiqqaate ganna 25’f hawwaa, dheebotaa fi gooftaa itti kadhataa tureedha. Oromoof bari’uu geetteerti.