Oromoo shirri labsii hatattamaa fi seerri farra-shoroorkeessummaa dadhabe dilaalli (gibirri) harka hin kennisiisu

By Harun Hassen

mormii ummataa.Bishooftuu

Ummanni Oromoo sirnoota duraan turanis ta’e kan ammaa keessatti kallattii fi al-kallatiidhaan mormaa turees jira. Ganna kurnan lamaan darban keessatti Oromoon akkuma sirna duraanitti maqaa adda addaatin hiraarfamaa ture. Namoonni sabboonummaa fi quuqama ummataa qaban hundi maqaa ilaalcha addaa, dhiphummaa fi miseensa ABO ti jechuun hidhamaa, tumamaa, biyyarra ari’amaa fi ajjeefamaa turan. Namoota sabboonummaa qofaaf lubbuu dhaban keessaa kanneen akka Injiinar Tasfaahun Camadaa, Usmayyoo Muusaa, Alsan (Nuradin Hasan) fi kkf yaadannoo yeroo dhiyooti. Wareegamni qaqqaaliin hayyootaa fi sabboontota kumaatamaan taasifame kun daraanuu tokkummaa fi jaalalti Oromummaa akka dhiigaan utubamtu taasiseera. Gochaan gara jabeennaa fi shirri dharaan xaxamamaa turee fi jiru akka aduu saafayatti Oromoo fi saboota cunqurfamoo brootinis hubatameera. Ifatti fi dhoksaan Oromoota maqaa miseensa ABO’ti jedhuun ajjeesani reeffa mana maatiitti darbuun ni ga’a Oromoon jennaan adeemsa jijjiirrachuun seerota garagaraa ulee dhaanichaa fi ukkaamsaa taasifachuun tooftaa haaraa baafatte.

Haaluma kanaan labsii farra-shororkeessummaas raggaasifatte. Labsiin kun tumaa seerota idil-addunyaa, seerota biyyaa fi heera mootummaatinis kan wal-hin simneedha. Qeeqa hedduu keessumeessaa turee jira. Bu’uruma qeeqamaa tureen miidhaa hammana hin jedhamnes Oromoota irratti qaqqabsiiseera. Dhaabbileen mirga namaatif falman, qaamoleen gar-garaa (paartiin mormituu fi ogeeyyiin seeraa) akkasumas namootni dhuunfaa fi sadarkaa gareetti jiran biyya keessaa fi alaa hin mormine hin jiru. Barbaachisummaan seera kanaa calqabuma irraa falmi kaasuun yaadota gar-garaa lama uumeera. Labsiin ni barbaachisaa fi hin barbaachisu garee jedhu ture. Mootummaan garee ni barbaachisa jedhu keessa waan jiruuf labsichi bayuuf dirqameera. Hojirraa oolmaan seerichaa kaayyoo bayeef (nageenya biyyaa eeguu) jedhu dagatee namoota mirga namaatiif falman, hayyota, barattoota, gaazexessitootaa, barreessitoota, barsiisota, rogeyyii, miseensotaa fi hoggantoota paarti mormituu quuqama sabaa qaban hunda adamsuu eegale. Nageenya goolaa fi booressaa ta’ee mul’ate. ‘Ani Oromoodha’ jechuun dhiphummaan beekkamaa ture gara shoroorkeessaatti jijjiirame. Maqaa kanaan dargaggeessaa fi darggageettii qofa osoo hin taane haadholii fi manguddoon Oromootis roorrifamaniiru. Dr. Maraaraa, obbo Baqqalaa fi manguddoon amata 70’ta kan akka Dhaqqabaa Waariyoo hundi yakka shoroorkessummaatin himatamani badii fi ragaa tokko malee Maakalawi buufamaniru. Oromoon hayyootaa fi hooggansa funduratti ilaallatu akka dhabuuf labsichi tumsa ol’aanaa taasiseera.

Sochii FDG naannoo Oromiyaa fi Amhaaraatti ture qolachuufis labsicha daraan dhimma itti bayaa jiru. Mootummaan TPLF/ADWUI rakoolee yeroo dheeraa fi gabaabaa jedhamani ka’aniif furmaataa osoo hin kennine dabalataan labsii yeroo hatattamaa/muddamaa labsaniiru. Sababa labsii kanaatin qaroo, qeerroo fi qeerrittii akkasumas manguddoo fi haadholiin hedduun mooraa woraanaa fi mana hidhaa adda addaatti ukkaamfamani jiru. Kan hidhaman, tumaman, biyyaa ari’ataman fi ajjeefame mannumti yoo laakawee malee beekuuf hedduu rakkisadha. Kun hundi ta’us sabboontonni gabrummaa fi dararaa jiruuf harkaa hin laannu jechuun falmii isaani itti fuufani jiru. Ciminaa fi ofitti-amanamummaan Oromoo dinqii kan itti ta’e woyyaaneen seerotaa fi labsiilee shiraatin dadhabnaan gibira humnaa oliitin dinagdee isaa dadhabsiisuu fi haloo bahuuf dirqamte.

Gibirri humna galitii olitti taasifame wantoota dhoksaan kaayyeffate hedduu qabaatus ifatti garuu wanti muldhatu: sochii ummataan eegalte gufachiisuu, Oromoo dinagdeen dadhabsiisuu, maqaa gibirri misoomaaf jedhuun sirnicha daaqe deebisani ijaaruu fi mormi sababeeffachuun labsii yeroo hatattamaa marsaa 3ffaaf dheereffachuuf ta’uu mala sodaan jedhu ni jira.

Walumatti mormiin cimaan lagannaa gibira humnaa oliitin wal-qabatee guyyoota muraasa keessatti Finfinnee dabalatee naannolee Oromiyaa biroo keessatti taasifamaa turee jira. Qindoominni magaalaalee, godinaa godinatti fi aanaa aanatti humna qeerrootin taasifamaa ture waan heddu nama barsiisa. Oromoon dantaa fi fedhi isaa kabachisiifatuuf qaamni eegu kan biroo akka hin jirree fi mirga ofiitif abboomuu akka qabu ifatti hubateera. Sochiin qabsoo ummata Oromoo sirna rakkisaa fi cunqursaa kana keessatti dagaaguun gaaffii ofi irra darbee saboota cunqurfamoo birootifis abukatoo ta’ee dhaabbachuu akka danda’u mul’iseera. Haalli kun sirnicha hedduu kan rifachiisaa jiruu fi Oromoota ammoo daraan kan boonsaa jiruudha. Sirnichi hidhaa, tumaa fi ajjeechaa Oromoo maqaa shororkeessaa, miseensa ABO fi labsii hatattamaa irra darban jechuun dabaan adabaa ture unkutaaweera. Ganna 20 oliif Oromoo dharaan yakkuu hoji idilee godhachuun isaani daraanuu qabsoon, tokkummaa fi wa-hubannaan Oromoota gidduutti akka cimuu fi wareegama addaatiif of-qopheessuu akka qabu daandii saaqeera. Biyyatti keessatti malli ukkaamsoo fi shirri Oromoo irratti kiyyeeffamu kamuu gatii akka hin qabaanne mirkanaa’eera. Kanaaf Gibiras ta’ee gidiraan Oromoo irratti dirqiin fe’amu kamuu seera shiraan xaxameenis ta’ee hidhannoo Agaaziitin akka hin raawwatamneedha. Wal-dhaansoon kaffaltii fi diddaa gibiraas faaraan moo’ataan dorgommii kanaa eenyu akka ta’e rageessuuf kan adeemaamaa jiruudha. Yaatuun odeeffannoo tokko tokko akka agarsiistutti mootummaan haala shallaggi gibiraa taasifamee keessattu kan daldaltoota xixiqqoo Federaalaa sadarkaa ‘C’ irra jiran waanuma qaban haa kaffalanii kan jedhu ibseera. Dubbiin achii eegalte Oromiyattis dhufuun isaa waan hin oolle fakkaata. Guututtis ta’uu baatu mormii taasifamaa tureen mallatooleen injifannoo gurguddoon mul’achaa turaniisru. Kanaaf mul’ata hafte akkaata itti goolabu Oromotti himuun hin barbaachisu.

Barreessaa karaa harun2has@gmail.com qunnamuu dandeettan.