Oromoo ajjeesaa fi Oromiyaa zoonii woranaa fakkeessaa ‘baadii raawwatameef dhiifama’ jechuun tuffiidha

Angawoonni ummata ajjeesisan angoo osoo gadi hin dhiisin, worri Oromoo ajjeesan osoo seeraaf hin dhiyaatin nageenni waaree Itoophiyaa keessatti yoomuu dhufuu hin danda'u.

Paarlaamaa biyyattiitti guyyaa har’aa kan dhiyaate Haylamaaraam Dassaalenyi badii baatii afurii oliif dhala Oromoo irratti raawwataa turaniif dogogorri uumamuu dubbachuun isaa dhagayameera. As biratti kan hundi beekuu qabu Woyyaanee harkaa qawween baaraqeetii miti kan ummanni dhibba heddu ajjeefamee fi kumaatamni madaaye. Ilmaan Oromoo baatii afurii oliif akkasitti harca’aa kan turan gocha garajabeenyaa itti yaadamee hojjatamaa tureen. Agaazii fi humni federaalaa xayyaraa fi taankiin ummata lafarraa xuruurraa kan ture ajaja gubbaa irraa (Haylamaaramii fi gooftota isaatiin) kennameen. Egaa gocha sanyii duguuguu itti yaadamee fi akka gaaritti karoorfamee geggeeffamaa tureef dhiifama ykn dogoggora jechuu maaltu fide?

Nuti Oromoon dhugaa isaa hubanna. Haylamaaramii fi gooftonni isaas qajeelatti beeku. Daandiin ajjeesuu fi sanyii Oromoo mancaasuu kan filatameef Itoophiyaa keessatti ajjeesuun waan aadeffatameef malee wanti gara ajjeefamuutti nama geessu raawwatamee miti. Mootummaan Woyyaanee angottis kan dhufe, angoo irras kan jiru addadurummaadhaan Oromoo ajjeesaatiin. Ganna 25 guutuu gaafii ummataaf kan laatamaa ture rasaasa. Oromoo sodaachuu fi angoo irraa dheebuu hamaa qabaachuun kan nama geessu gara bineensummaatti: duruunfatanii daa’imaa hanga manguddootti ajjeesuu. Yeroo kamuu caalatti baatiin afran dabran kana hundaaf ifa godhaniiru.

Lubbuu namaa caalatti wanti kabajamaan hin jiru- biyya seerrii fi itti-gafatamummaan jiru keessatti. Mootummaa dhumaatii nama hedduuf sababa ta’ee mitii kan lubbuun nama tokkoo harka isaatti baate gatii guddaadha kan kaffalu; biyya lubbuun namaa kabajaa qabdu keessatti. Kan daran nama aarsu mootummaan Woyyaanee gocha diinummaatiin erga dachii Oromoo kaabaa hanga kibbaatti, bahaa hanga dhihaatti dhiiga uwwisee booda qoosaa fi dubbii gowwoomsaa qabatee gadi bayuu isaati. Mootummnaan kuni haa ta’uu jedheeti Oromoo kan ajjeesu. Kana jechuun kan isarraa eeggamu dhiifama jedhaa ummata sobuuf carraaquu osoo hin taane yakka raawwateef guutummatti itti-gafatamummaa fudhachuudha. Itti gaafatamummaa fudhachuun hanga hundi isaanii angoo gadi dhiisutti deemuu qaba. Wanti kanaa gadii tokkoyyuu naga waaree biyya san keessatti fiduu hin danda’u. Kana godhuu didanii angotti silmii ta’uun ibiddi qabate cimee akka boba’uuf hayyamuu jechuudha. Oromoo ajjeesaa fi kiyyoo woraanaa jala galchaa angoo irra turuuf yaaduu fi yaaluun Woyyaanee ammas hirriba cimaa keessa jiraachuu isii agarsiisa. Eebjuu gaarii!

Woyyaaneen akka amala isii addunyaa sobuuf arraba mummuxachuu eegaluu isiiti kijibni dhiifama jedhu kun kan agarsiisu. Garuu, Oromoo sobuu fi sossobuun kana booda tasa yaalamuu hin qabu; Woyyaaneen waa hubatti osoo ta’ee. Falli jiru tokko qofa: hangamuu hadhaayu dhugaa liqimsuudhaan gaafii Oromoo ganna hedduuf afaan qawween ukkaamsaa turaniif deebii laatuudha. Woyyaaneen dhugaa fudhachuudhaaf kan hin qophoofne ta’uu hujii fi haasofni isii addeessutti jira.  Woraanni Oromiyaa dhuunfate mooratti kan deebi’u hin fakkaatu. Yoo hin jilbiiffattan ta’e ajjeefamuu fi hidhamuu jalaa karaan Oromoon ittiin miliqu kan hin jirre ta’uu isaati kan irra deddeebi’aa nutti himutti jiran. Ammas gaafii ummataa xureessuu fi qaamota ‘farra nagaa’ jettuun wolitti guduunfuu hin dhiisne. Hala kana keessatti ‘gaaga’ama gayeef gaddineerra’ jechuun kijiba gogaadha. Qaanii wanti jedhamu ganda Woyyaanee jira osoo ta’ee wanta akkanaa haasayuufis ta’ee dhagayuuf heddu fokkisaa ta’a ture.

Oromoon maaliif, akkamittii fi eenyuun akka ajjeefamee fi qe’een isaa saamame bareechee beeka. Gocha badii sadarkaa kanaa saba kana irratti raawwatamee fi ammas gaaga’ama gayeef falli dhiifama sobaa gaafachuu miti. Ammatti, gabaabumatti, kan barbaachisu waan lama qofa. Tokkofaa, gaafiin Oromoon kaase hundi hatattamaan deebii argachuu qabu. Keessumayyuu waa’een ajjeechaan dhabachuu, Agaaziin ummata irraa ka’uu fi namoonni hidhaman hiikamuu waan yeroon itti laatamuu miti. Inni lammaffaa, gubbaa hanga lagaatti angawoonni ajaja ajjeesuu laatanii fi kanniin kallattiidhaan ajeechaa irratti hirmaatan hundi angoo gadi lakkisuu qabu. Angoo gadi lakkisuu qofattii miti kuni kan dhaabatu: kan harki isaa dhiigaan laaqame hundi seeratti dhihaatutu irra jira. Bakka kuni hin taanetti mootummaan federlaalaa fi OPDOn paarlaamaa fi Caffee Oromiyaa irra deddeemaa ‘dhiifama…dogoggora’ jedhaa firimbii kijibaa afuufaa deemuun haalicha yoo daran hammeesee fi Oromoo dallansiise malee bifa kamiinuu madaa Oromoo fayyisuu fi imimmaan lola’utti jiru gogsuu hin danda’u. Yakka seenaan hin dagannetu Oromoo irratti raawwatamaa jira waan ta’eef.