Oromiyaan dhiigaan lolaati; qeerroon isii garuu gootummaan falmachutti jirti

Haalli tasgabbii kan yaachise mootummoonni Ameerikaa fi Briitaaniyaa lammiileen isaanii gara Oromiyattii akka hin deemne gorseera.

Oromoon jilbiiffatee jiraachuu mannaa dhabatee du’uu erga filatee baatiin sadi darbaniiru. Baatiin sadan kuni kan gootummaan Oromoo durii keessatti calaqqisee fi irreen dhaloota qubee (abbootii isaanii woliin) Woyyaanee fincaansiseedha. Kabajaa kana kan argate Oromoon, lammii fi hawaasa addunyaa biraas, dhiigaa isaa dhangalaasee fi foon isaa Woyyaanee nyaachiseeti.

Guyyaa har’aas seenaan kan yaadatu akka guyyaa gootummaan saba kanaa keessatti mudhatee fi akka guyyaa lammiin qaroo isaa itti awwaalateetti. Hangamuu garajabeenni Woyyaanee daangaa ce’uu, sochiin qeerroo Oromoo daangaan maletti babadhateeti kan oole. Qaanqee bilisummaa, Oromoon, Harargee Bahaa hanga Wollagga Lixaatti wolirraa fuudhaatiin kan oole. Magaalaa fi baadiyaleen Oromoo guyyaa har’aas dirree qabsoo ta’aniiti kan oolan. Isaan keessaa hangi tokko: Abaaro, Kokkossa, Caffee Jannataa, Beellamii, Heebanoo, Naqamtee, Ambo, Hoogiso, Gudar, Nageelee Sigaaloo, Seerofta, Godee, Daawwee, Adarshoo Garjeedaa, Wotara Dhaamotaa fi Dorrobaadha.

Gaafiin Oromoo ammatti diinni na hin ajjeesinii fi natti hin roorrisiniidha. Agaazii isa marsee fi daangaa itti cabse ummanni bakka hundatti daandii cufuudhaan ufirraa faccisatiin kan oole. Ganamaan, bari barraaqaan, qeerroon naannoo Ciroo daandii Finfinnee fi Baha Oromiyaa wolqunnamsiisu kan cufan. Daandii Asallaa gara Asaasaatti geessus gootonni Boqqojii addaan kutuun dirqama isaanii bayaniiru. Shawaa Lixaattis, bifuma wolfakkaatuun, hujiin Agaazii hafuura dhabsiisuu fi Woyyaanetti jireenya hadheessuu bifa nama boonsuun hojjatamaa ooleera.

Bakka heddutti Oromoon qe’ee bilisoomte keessa gugataa fi qilleensa qulqulluu fudhataatiin kan oole. Naannoo tokko tokkotti ammoo Agaaziin namaa qofa oso hin taane sinbira balaliitus lafa buusatiin kan oolte. Baadiyaan Abaaroo (Arsii Lixaa) yoo xiqqaate nama 4 dhabuu isiitu gabaafamaa jira. Guraawwattis (Harargee Bahaa) diinni akkuma barte dhiiga lammii dhangalaasuun jirattonni dubbatu. Gara jabeenni Agaazii, Ambotti, dhangala’iinsa dhiiga obboleewwan lamaaf (ijoollee xixiqqoo) sababa ta’eera. Godina Arsii Lixaatti har’as namoonni madaayan heddu ta’utu himamaa jira.

Nageellee Sigaalootti (Arsii Lixaa) ummanni baadiyaa fi magaalaa wolitti dhangala’uudhaan diina hollachiisaa oole. Ambotti mana hidhaa ibiddaan barbadaaye. Hanga sa’aa kanaatti hidhamtoonni mana woliin gubatanii, bakka birattii geeffamanii wanti beekame hin jiru. Manni hidhaa suni iddoo du’aa fi gidiraa ta’uudha kan jirattoonni Ambooo dubbatan. Hidhamtoonni hubaman taanaan, Woyyaaneen mana gubatu keessatti hidhamtootatti cuftee qeerrotu gube jechuu irraa hin qaanfattu.

Gama biraatiin, haalli nageenyaa fi tasgabbii Oromiyaa keessaa kan isaan yaachise worri biyyoota Dhihaa lammiilee isaaniif akeekkachiisaa laataa jiru. Mootummaan Ameerikaa fi Biriitaaniyaa lammiileen isaanii gara Oromiyaatti bobba’uu irraa akka ufqusatan gorsaniiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Dameen Tasgabbii (UNDSS) hojjattoonni Mootummoota Gamtoomanii kamuu gara Oromiyaatti akka hin imalle akeekkachiisa laateera.

Qabsoon Oromoon geggeessaa jiru baay’ee hadhaayaadha. Hadhaa qabsoo kana akka dhadhamuuf kan Oromoo dirqe jireenya salphinaa (bitamuu, tuffatamuu, saamamuu, jibbamuu fi ergamuu) yeroo dheeraadhaaf dhiibaa tureedha. Usee, obsee jiraateera ganna hedduuf. Ta’us usuun hidhamuu, ajjeefamuu fi doorsisamuu jalaa takkaa isa hin baafne. ‘Murteen ammatti sabni bakka hundatti irra gaye, aarsaan barbaachisu hundi kaffalamee gadda, booyiinsaa fi saamamiinsa jaarraa hedduutti xumura laatuu qabna isa jedhu,’ nuun jedhan jiraataan Shaashamannee irraa dubbifne tokko. Nu haa milkeessu!