Oromiyaan ammas dhiigdi, woraanaan jeeqamti

Gamtaan Awurooppaas dhimma Oromiyaa irratti marii hatattamaa geggeessuuf. Amnesty International ajjeechaan dhaabatuu fi namoonni hidhaman haal duree tokko male hiikamuu qaban jedheera

Hiriirri mormii maaster pilaanii Finfinnee sababa gochuudhaan eegale gara fincila diddaa gabrummaatti geeddaramuudhaan hunda hirmaachisaa fi guutuu Oromiyaa schoosaa jira. Fincilli ummataa  seenaa Itoophiyaa keessatti takkaa hin mul’anne jedhame kuni mootummaa dhamaasaa fi humnoota tika nagaa boqonnaa dhabsiisaati kan dhufe. Ammatti gaafiin ijoon: ajjeechaan haa dhaabatu, kan nu ajjeesu seeraafu haadhiyaatuu fi woraanni nurraa haa fe’atu kan jedhu. Gaafiin maaster pilaanis akkuma jirutti ta’ee.

Dargaggoon Oromoo akka baalaatti harca’aa jiru

Ajjeechaa fi ukkaamsaan ammas hin dhaabbanne. Woraannis ummata irraa hin kaane. Osoma ajjeesuu fi hiraarsuun itti fufee jiru, ummanni  Dhiha Wollagaa, Kaaba Shawaa, Baale, Harargee Bahaa fi Dhihaa, fi naannoo Arsii keessatti mormii babal’aa geggeessaa jiru. Gochi gootummaa fi diddaa gabrummaa kuni kan ta’aa jiru gatii malee miti.

Mootummaa biyyattii bulchaa jiru irraa ummata haraka qullaa daanditti bayee gaafii gaafatee fi aarii isaa ifatti mul’ifateef deebiin kan laatamaa jiru, akkuma baratame, rasaasaan. Asuma dhihoo kanatti tankaarfii garajabeenyaa woraanni ummata irratti fudhateen lubuun Oromoo qaaliin heddu galaafatameera. Hiriira kana irratti barataa Horaa Bantii Irranaa (yunivarsiitii Wollaggaa) ajjeefamee lagatti gatame. Barataan Izaddiin (yunivarsiitii Jimmaa) ni fannifame. Magaalaa Masalaatti dargaggoo Abbas Abdulrahman afaan keessa rasaasaan rukutamee woreegame. Kuni eegaa kan ragaa bayu ajeechaa fi garajabeenyi sadarkaa ol’aanaa irra gayuu isaati. Yeroodhaa yerotti kan mul’ataa dhufe, dhiigni kan macheesse humni mootummaan bobbaase, harkaa fi miila rukutuu osoo danda’an (sunumtuu yakka guddaadhaa) aggaamanii rasaasa afaanii fi kallacha Oromoo seensisuu tooftaa ajjeechaa filatamaa taasifachuu isaaniiti. Gochi suukkanneessaan akkanaa, ifatti kan mula’taa jiru, Oromoo daran kan aarsee fi daandii irratti baay’inaan kan bobbaase ta’uu isaati.

Kan Oromiyaa keessatti ta’aa jiru hedduu yaachisaadha: loltoonni daandii irraa guuraa nama hidhan, doorsisan.  Manatti namatti seenanii lubbuu namaa baasan. Namoota ukkaamsuunis gocha mootummaan bal’inaan irratti bobba’eedha. Ilmi Baqqalaa Garbaa, barataa yunivarsiitii Adaamaa,  yakkii abbaa irratti raawwatame osoo hin hanqanne tibbana mana hidhaatti gatamuun isaa beekameera.

woraana dhiigni macheesse

Barnonni bakka garagaraatti addaan citaa jira

Fincila ummataan wolqabatee barnoonnis yunivarsiitotaa fi manniin barootaa sadarkaa addaddaa addaan citaa jiraachuun isaa gabaafamaa jira. Ajjeechaa yunivarsiitii Adaamaa fi Dillaatti baratootaa irratti raawwatame addaan citiinsa barnootaaf sababa ta’eera. Barattoonni naga isaaniif wobii waan dhabaniif barnoota dhiisanii gara irraa dhufanitti miilaa fi konkolaataa fe’aan yoo imalan mul’ateera.

Daandii cufuun tooftaa fincilaa filatamaa ta’eera

Ummanni naannoo naannoo isaatti hiriiruudhaan yakkaa fi gidiraa mootummaan nurratti raawwataa jira jedhan balaaleffataati kan jiru. Jiraattonni magaalota addaddaa daandii irratti bayuudhaan mormii isaanii tooftaa garagaraatti dhimma bayuudhaan mormii fi jibbaa sirnicha irraa qaban agarsiisaa jiran. Daandii cufuun tooftaa bal’inaan ummanni dhimma itti bayaa jiru ta’ee mul’ateera.

Hiriirri geggeeffamaa jiru kuni bakka hundatti jechuun ni danda’amaa nagaa fi naamusa qabeessa: qabeenyi hin barbadoofne, hiriirri mormii geggeeffamaa jiru wolitti bu’iinsa ummataatiifis sababa hin taane, akka namoonni irratti argamanii fi dhiheenyatti hordofan nutti himanitti. Mootummaan gafii ummataa xiqqeessuu fi mormitoota qaama biraan wolitti maxxanuuf jecha lubbuu galaafatame dalgatti jechuun yeroo qabeenyi manca’uu miidiyaa harka isa jiruun dabarustu mul’ata, garuu.

Gamtaan Awurooppaa dhimma Oromiyaa irratti mari’achuuf

Oromoon mirgaa fi haqa isaaf gatii guddaa kaffalaa jira. Kuni ijaa fi gurra addunyaa bira osoo hin geenne kan hafe hin fakkaatu. Mootummoonni Worra Dhihaa dhimmicha duukaa bu’aa jiraachuu isaanii mallattoon argisiisan dabalaa dhufaniiru. Gamtaan Awurooppaa dhimmuma Oromiyaa kana irratti marii hatattamaa waamuun isaa barameera; waan abadachiisaadhas. Gamataan Awurooppaa yeroo dheeraadhaaf mootummaa Itoophiyaa maallaqaa fi meeshaan gargaaraa kan tureedha. Gargaarsii laatamuu fi hariiroon gamtaan kuni mootummaa Itoophiyaa woliin qabu dhiibbaa barbaachisu Itoophiyaa irra kaayuuf kan isa dandeessisuudha. Marii kana booda labsiin Gamtaa Awurooppaa maal ta’a? Ammatti beekuun nama rakkisus, dhimma salphaaf bifa kanaan miseensonni gamtaa kanaa wolgayan jechuunis nama rakkisa. Mootummaan Ameerikaas, ibsa dhimma kana irratti baaseen, tankaarfii mootummaan Itoophiyaa Oromoo irratti fudhataa jiru kan isa yaachise ta’uu ibsee ture.

Ibsa Amnesty International

Amnesty International ibsa haarawa baaseen hiriira mormii Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun wolqabatee namoonni hidhaman hundi haal-duree tokkoon maletti akka gadi lakkifaman gaafateera. Ajjeechaa fi doorsisaan mootummaan Itoophiyaa Oromoo irratti geessaa jirus hatattamaan dhaabatuu qaba jedheera. Qaama wolabaan qoratamee, qaamni ajjeechaa fi sarbamiinsa mirga Oromoof sababa ta’e seerattis akka dhiyaatuu qabu hubachiiseera, Amnesty International.