Oromiyaa keessatti hiriirri mormiis, ajjeechaanis akkuma itti fufetti

Laakkofsi namoota yunivarsiitii Dillaatti ajjeefamanii 5 dhaqqabe

Sochiin ummataa bifa hiriira mormiin geggeeffamaa jiru magaalota addaddaa keessatti akkuma itti fufetti. Torbee kana keessa hiriiri mormii bifa haarawaan magaalota Aliiboo, Gindhiir, Machaaraa, Horroo Guduruu (Kombolchaa), Najjoo fi Hirnatti geggeeffameera. Akkasumas yunivarsiitii Arsii (Asallaa) fi Jimmaattis sochiin mormii mul’ateera. Kuni hundi kan ta’e haala ajjeechaan, hidhaa fi doorsisaan Oromoo irratti raawwatamu cimee itti fufe keessatti.

Mormii torbee heddu laakkofsiisee Oromoo fi mootummaa wolitti buuse kana irratti hanga ammaatti lubbuun qaaliin Oromoota 124 galaafatamuun bal’inaan gabaafameera. Ajjeechaan jumlaa raawwatamaa jiru  ijoollee umrii kudhanii gadii fi manguddootas kan addaan hin baafneedha. Duuti balbala angawoota OPDO’s quuteerti. Keessumaayyuu haalli barsiisaan Addunyaa Irreessoo itti woreegame ija Oromoota hedduu biratti heddu gaddisiisaa fi xiiqii qabsiisaa ta’eera.

Sochii kana guutummatti dhaamsuuf tooftaalee mootummaan dhimma itti bayaa jiru keessaa inni tokko hidhaadha; ajjeechaanis akkuma jirutti ta’ee. Naannoo tokko tokkotti hanga sadarkaa jiraattota gandaa guutummatti hidhuutti gayameera- worra baqate malee. Tankaarfii hidhaa guutuu Oromiyaa woliin gaye kana irratti namoonni hidhaman meeqa akka ta’an beekuun rakkisaadha. Namoonni manaa guuramu, daandii irraa guuramu; hunda caalatti eessa akka geeffaman maatitti hin himamu. Maddi garagaraa lakkofsi Oromoota hiriira mormii kanaan wolqabatee hidhamanii 30,000 dhaqqabuu ibsu. Wonti ammatti shakkii tokkoon maletti jedhamuu danda’u, namoonni baay’een harkaa fi miila hidhamanii mana hidhatti darbamuu isaaniiti. Angawwoonni Kongresii Federaalawa Oromoo (KFO) kanniin hidhamaanii fi gidiraa bifa garagaraaf saaxilaman keessaa tokko.

Rukuttaa fi gidiraan Oromoo irratti raawwatamaaru sadarkaa qaanessaa fi fokkisaa irra gayeera. Sochii bal’aa kana irratti namoota heddu kan madaayan; qaama hir’uus kan ta’an. Lakkofsi namoota hubaatiin irra gayees qajeelatti hin beekamu; yeroodhaa yerotti dabalaati kan adeemaa jiru.

Dhabamiinsa nagaa fi tasgabbii gara mooraa yunivarsiitii naannoo Oromiyaan ala jiruttis tankaarfateera. Boombii yunivarsiitii Dillaatti dhooyeen lubbuun namoota 5 galaafatameera. Kanniin madaayan ammoo darzana tokkoo oli. Eenyu akka haleellaa kana raawwate ammati wanti hubatame hin jiru. Muuxxannoon yeroo dheeraa kan akeeku, waa’ee yoom eegalamaati malee, mootummaan ummatatti, ummanni mootummatti quba qabuun waan hin hafne.

Barri kuni yeroo gidiraan Oromoo irra gayaa jiru sadarkaa ol’aanaa dhaqqabeedha. Hacuucamuu fi ukkaamfamuuf hedduu hammaatee waqtii tankaarfiin bifa kamuu, haasofni gosa kamuu Oromoo rakkoo addadaaf itti saaxilu keessa jira. Oromoo ‘mataa maaliif qabatte, afaan maaliif hidhatteef?’ hidhuu fi gidiramutyi jira. Wonti mootummaan kuni hubachuu hin feene, harka mataa irra kaayyachuun seera qabeessa, bifa mormii karaa nagaa isa gadi aanaa jedhamu keessa ta’uu isaati. Namoota mormii isaanii bifa kanaan ibsatan hidhuu jechuun gama seeraatiinis ta’ee safuutiin hangam tankaarfiin mootummaa kanaa sarara kan gadi dhiise ta’uu waan ibseedha.

Tankaarfii gara jabeenyaa mootummaan Itoophiyaa Oromoo irratti fudhateef qeeqaa fi balaaleffannaan addaddaa isa dhaqqabaati jira. Mootummaan Itoophiyaaa ijaa fi gurra banata moo akkuma duraatti cufata? Yeroodhumatu kana ifa godha. Ammaaf dhiigni Oromoo dhangala’uu, lammiin mana hidhaatti guuramuun itti fufeera.