Oromiyaa keessatti Afaan Oromoon barachuufi hojjachuun dhiphataa dhufeera

Afaan Oromoo Oromiyaafi Oromiyaan alattis kabaja isa barbaachisu argatuu qaba. Kana dhugoomsuuf hundi cimee hojjachuu qaba.

Yeroo Afaan Oromoo afaan hujii magalaa Finfinnee fi mootummaa federaalaa godhuuf qabsoon cimaan godhamu kanatti guddinni Afaan Oromoo nannoo isaa keessatti xiqqaataa, carraan afaan kanaan barachuu fi hojjachuu dhiphataati kan dhufe. Bifa hubachuuf nama rakkisuun, Oromiyaa keessatti afaan hujii Afaan Oromoo taée osoo jiru, manniin barnootaa sadarkaa 1 – 8 laakkofsi isaanii salphaa hin jedhamne kan barnoota laatan Afaan Amaaraatiin. Kan nama gaddisiisu manniin barnootaa woggaa muraasa dura maagaalaa Oromiyaa heddu keessatti Afaan Oromoon barnoota laataa turan suuta suutaan gara Afaan Amaaraatti jijjiiramuu isaaniiti. Afaan Amaaraa gara manniin barnoota baadiyaatti osoo hin hafin kan babalátaa dhufe. Oromiyaa Fichee hanga Mooyyalee, Gidaamii hanga Baabbileetti Afaan Amaaraan barnoonni ni kennama. Yeroo kun hundi Oromiyaa keessatti taútti Oromoonni Finfinnee, naannoo Beenishangul Gumuz, Raayyaafi Azaboo jiraatan mana barnootaa tokko afaan isaaniitiin ijoollee itti barsiifatan kan dhaban.

Lammiin Itoophiyaa kamuu mirga afaan isaatiin barachuu qaba. Garuu, erga Afaan Oromoo afaan hujii naannoo taée naannoo Oromiyaa keessatti kan jajjabeeffamuu qabu Afaan Oromoon dubbachuu, barreessuu, Afaan Oromoon barabchuufi hojjachuu taúu irra ture. Kan taáa jiru garuu faallaa kanaati. Injifannoon, dachiifi mirga afaan keenyaan barachuu gonfanne jennu hundi dhawaataan nu harkaa bayaa harka qullaa hafuuf deema, yoo haalli bifa amma jiruun itti fufe. Imala kallattii dogoggoraa qabate kana sirreessuuf hundi dammaqinaan hojjachuu qaba.

Afaan Oromootiin barachuufi hojjachuun kan ummata baadiyaa qofa fakkaataa dhufeera. Guddinni Afaan Oromoo kan ittiin madaalamu babalína afaanichi gara baadiyaatti godhuun osoo hin taane guddina inni magaalotaa fi dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaa keessatti taasisuun. Kan hubatamuu qabu Afaan Oromoo baadiyatti dubbahcuun yeroo Dargiis rakkoo cimaa kan hin turre taúu isaati. Rakkoon kan ture naannoo magaalatti. Ammas kan xiyyeeffannaan itti laatamuu qabu naannoodhuma magaalaa irratti. Manniin barnootaa sadarkaa 1ffaa 177 magaalaa Dirree Dawaatti argaman keessaa 3 qofa kan Afaan Oromoon barnoota laatan. Magaalota akka Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Asallaafi isaan biraa keessatti lakkofsi manniin barnootaa barumsa Afaan Amaaraan laatan isa Afaan Oromoo yoo caale malee hin hanqatu. Borus namootuma hará qaamaan naannoo Oromiyaa keessa jiraataa, garuu afaan saba kanaan barachuu didantu maqaa Oromoon sadarkaa federaalaafi dhaabbilee addaddaatti caraa hujii argachuf deema. Kuni baayée yaachisaadha. Uumamiinsa rakkoo kanaaf kallattiin kan itti gaafatamu mootummaa naannoo Oromiyaati. Qulqullina barnootaa, golaafi kkf eeguudhaan saboota biraa gara Afaan Oromootti hawatuu mitii akka Oromoon ijoollee isaa qabatee gara mana barnoota Afaan Amaaraatti tiratuuf sababoota dirqan keessaa tokko imaammata mootummaati. Rakkoo kana furuuf hawaasni Oromoo dammaqinaan hojjachuu qaba. Shorri mootummaas salphaa hin taú.

Ammas, Afaan Ormoo guddataafi babalátaa deemaa jiraachuu kan agarsiisu yoo saboonni biraas afaan kana dubbachuufi barachuu eegalaniidha. Muuxxannoon ganna 25 kun taáa jiraachuu isaa kan mirkaneessuu miti. Kan taáa  jiru, akkuma durii, faallaa kanaati. Saboonni Amaaraa, Guraageefi Tigree dhaloota hedduuf naannoo Oromiyaa keessa jiraataa turan hanga haráatti qaanii tokkoon maletti Afaan Oromoo hin beeknu jedhan. Kuni tuffiifi jibbaa daangaa ceéen jechuun alatti bifa  biraan ibsuun nama dhiba. Fakkeenyaaf lammiin Itoophiyaa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaafi Arabaa jiraatu kan ufii fi ijoolleen isaa  afaan hawaasa keessa jiraatuu hin dubbanne hin jiru. Kan mana barnoota Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo fi Afaan Tigree naaf banaa jedhu hin jiru. Hundi jaalatanii jibbanii, hireen qaban, afaan biyya jiraataniin dubbachuufi hojjachuudha. Yeroo heddu yeeroo woggaa 5 hin caalle keessatti namoonni heddu afaan biyya jiraatanii ziiroo irraa kaasanii dubbachuu kan eegalan. Afaan Oromoo baruuf woggaan 100 isaanitti xiqqaate.

Oromoon laakkofsi isaa baayée taé Afaan Amaaraa sirritii dubbachuufi barreessuu dadhabuu irraa kan kaé, loogiin sabaafi siyaasaa irratti dabalamee, hujii sadarkaa federaalaatti argachuu malan baay’inaan akka dhabaa jiran mootummaan amaneera. Rakkoo kanaaf falli salphaan Afaan Oromoo afaan federaalaa godhuu taée osoo jiru wanti Abbaay Tsahaayyeen faati akka furmaataatti kaayan Oromoon Afaan Amaaraan barachuu qaba waan jedhu. Kanumatu taáara fakkaata. Rakkoon sadarkaa federaalaatti jiru akkuma jirutti taée, dhaabbileen naannoo Oromiyaa keessa sochoán (kan daldalaafi miti-mootummaa) heddu yoo hojjataa qaxaran dandeettii Afaana Oromoo dubbachuufi barreessuu akka ulaagaa cimaatti hin kaayan. Yoo dhaabbileen kunniin Afaan Oromoo akka haaldureetti kaayan kan dargaggoon Oromoo carraa hujii argatu, ammas kan Afaan Oromoo guddatu. Dhaabbileen Oromiyaa keessatti hojjatan kabajaan isaan Afaan Oromoof qaban bayée xiqqaadha. Hedduun hojjattootaa, keessattuu worri muummee irra jiru, Afaan Oromoon hojjachuu mitii dubachuu hin fedhan. Tuffiin sabichaaf qaban itti fufuuf isaaf kuni ragaa tokko.

Bulchiinsi magaalota Oromiyaa heddu, rakkoon hojjattoonni qubee Afaan Oromoo qajeelchanii barreessuu akkuma jirutti taée, qaanii tokkoon maletti xalayaafi beeksisa yoo  Afaan Amaaraatiin barreessan mul’ata. Adeffamaa dhufeera jechuun irra laafa. Wantoonni naannoo Oromiyaa keessatti barraayan heddu, maqaa waajira mootummaa, dhaabbilee barnootaa fi daldalaas dabalatee, yoo barraayaan Afaan Amaaraaf dursa laatu. Yoo Afaan Oromoon barraaye bifa hin dubbanneen. Dhaabbileen mootummaa heddu kan filatan Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliiziiti. Faallaa waan Oromiyaa keessatti hojjatamuu, naannoo Tigraayitti wanti barraayu hundi jechuun ni dandaámaa Afaan Tigree tokkooffaa irratti, itti aanee kan dhufu Afaan Ingiliiziiti. Afaan Amaaraatiin wanti barraayu tokko hin jiru. Yunivarsiitiin Maqalee kan barraaye Afaan Tigreefi Ingiliziitiin. Asxaafi Marsariitii yunivarsiittii Haramaayaa, Jimmaa, Adaamaa, Amboo, Maddawalaabuu, Wollaggaafi kkf  irratti wanti yunivarsiitonni kunniin kan Oromoo taúu mitii naannoo Oromiyaa keessa jiraachuu isaanii ibsu tokko hin jiru. Akka dhaabbilee mootummaa federaalaatti, osoo dirqama Afaan Amaarafi Ingiliiziitti dhimma bayuun irra jiraatee, inni Maqalees afaanuma lamaanitti dhimma baya ture. Kan taáa jiru garuu Afaan Oromoo naannoo isaa keessatti tuffatamaafi dagatamaa dhufuu isaati. Kuni dhaabbachuu qaba; osoo hin turin. Kuni akka taúuf sabboontonni Oromoo bakka jiran hundaa mootummaa Lammaa Magarsaa irratti dhiibbaa cimaa godhuu qaban.